Butamtoonni jaha yoo gadhiifaman warri Gaazaa akka kaabatti deebi'an hayyamamaaf - Israa'el

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hamaas torbee kana namoota butaman jaha kan gadhiisu yoo ta'u, Israa'el wiixatarraa irraa eegalee lammiileen Gaazaa gara qe'eesaanii gara kaabaatti akka deebi'an ni hayyamti jedhan Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu.

Namoota butaman keessaa Arbal Yahud, nama nagaa madda waldhabdee ta'uudhaan Israa'el lammiileen Gaazaa gara kaabaatti deebiisaanii akka dhorkitu taasise keessaa tokko.

Hamaas Sambata darbe dubartoota loltootaa afur gadhiise, garuu Arbal Yehud gad hin dhiifne.

Israa'el Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan lammiileen nagaa Israa'el dursanii gadhiisuu qaban cabsuudhaan isheen ammoo hidhamtoota Filisxeem akka gadhiifaman himatte.

Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolee as namoonni butaman Israa'el 7 fi hidhamtoonni Filisxeem 200 ol gadhiifamaniiru.

Lammiileen Filisxeem buqqa'an kumaatamaan lakkaa'aman gara qe'esaanii kaaba Gaazaatti deebii'uudhaaf yaalii taasisan dhorkaa waraanaa Israa'eliin guyyoota lamaaf imalasaanii ugguramuutti walitti qabamaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu fi namoota butamanii fi hidhamtoota gadhiisuu Amajjii 19 hojiirra oole. Kanaanis wal jijjiirraan lama xumurameera.

Sadaffaa irratti Hamaas Jimaata dhufaa Aadde Yehud fi namoota biroo lama butaman kan gadhiisu yoo ta'u, ittaansuunis gaafa Sambataa sadii dabalataan kan gadhiisu ta'uu Netaaniyaahuu fi marii kana kan mijeessite Kaataar himaniiru.

Israa'el lammiileen Filisxeem gara kaabaatti akka socho'an Wiixata dhufaa hayyamuu ni jalqabdi, akkasumas dhuma torban kanaarratti hidhamtoota Filisxeem hedduu gadi dhiifamu ni jalqabdi.

Haala waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaatiin, Filisxeemoonni Sambata darbe irraa eegalee akka gara kaaba Koridoorii Netzarim, lafa Israa'el to'attee fi kaaba Gaazaa naannoo cittuu gara kaabaatti akka imalan hayyamamuuf beellamni qabamee ture.

Namoonni baayyeen akka darban akka ayyamamuuf walitti qabamuun eeggataa jiraachu suuraaleen ni agarsiisu.

Dilbata kaleessaa buufata sakatta'iinsaa irratti BBC'tti kan himan Nireem Musaabeh, ''Daandii irra ciifnee jirra,'' jette. "Manaatti deebi'uu hin dandeenyu, yeroo gara manaatti deebi'uuf yaallu hunda nutti dhukaasu."

Dubartiin ganna 42 kun giddugala Gaazaa Deir al-Balah irraa kan dhufte yoo ta'u, manashee garuu Shejaiyaa, kibbaa irraa buqqaatte

Diab Shehbari akka jedhetti, Sambata darbe sa'aatii 20:30 (18:30 GMT) irraa eegalee buufata sakatta'iinsaa kanarra jiru.

"Halkan guutuu ijoolleen sababa qorraatiin iyyaa turan, ibidda qabsiifnee itti ho'iisaa bullee," jedha.

Israa'el amma jiraattonni Wiixata sa'aatii 07:00 (09:00 GMT) irraa eegalee gara kaaba Gaazaatti akka deebi'an, erga waldhabdeen Aadde Yehud irratti uumame furmaata erga argatee sa'aatii lamaan booda konkolaataadhaan akka deebi'an nan hayyama jetteetti.

Kaataariifi Masriin kan marii dhukaasaa dhaabuu kana Israa'eliifi Hamaas jidduutti akka eegalu taasisan, waldhabdeen kun akka dhaabbatuuf yaalii taasisaniiru.

Dubbii Himaan Ministirri Dhimma Alaa Kaataar taatee jajjabeessaa MInistira Mummee Israa'el dura labsan.

Israa'el jaarsooliin Aaddee Yehuud lubbuun jiraachushee Hamaas irraa akka mirkanneeffatan gaafatte. Sambata galgalaa kaasee lammiilee Masriitiif kan kenname ta'ee mul'ateera jechuun BBCn hubata.

Dilabata ganama ammoo, prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Masrii fi Joordaan lammiilee Filisxeemota Gaazaa irraa dhufan kan akka bakka ''diigamaa''tti ibse irraa akka fudhatan akka barbaadan dubbataniiru.

Hamaas fi Abbaan Taayitaa Filisxeem lamaanuu yaada kana kan balaaleffatan yoo ta'u, Joordaan fi Masris yaada kana didaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu baatii Amajjii kunis waraana yeroo Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el haleeleetti jalqabe dhaabe. Namoonni gara 1,200 ajjeefamuun, 251 ammoo butamuun gara Gaazaatti geeffaman.

Haleellaa Israa'el kanaan lammiileen Filisxeem 47,200 ol ta'an, kan harki caalaan isaanii lammiilee nagaa ta'an ajjeeffamuu isaanii ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu beeksiseera.