UK’n meeshaa waraanaa murtaa’e gara Israa'el erguu dhaabuun dhiibbaa hagamii qaba?

Madda suuraa, EPA
UK’n kana dura meeshaalee waraanaa Israaa’ellitti gurguraa kan turte yoo ta’u meeshaleen kunneen ‘balaa hamaa’ seera idil-addunyaa cabsu geessisuu waan danda’uuf, meeshalee waraanaa murtaa’an Israa'elitti gurguruu addaan kuttee jirti.
Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Deeviid Laamii UKn hayyama meeshaa waraanaa gara Israa’elitti ergitu 350 keessaa 30 akka dhaabdu ibsan.
Meeshaleen waraanaa akka Israa’elitti hin gurguramne dhorkaman kunneenis jeettiwwaan waraanaa, helikooptaroota fi dirooniwwan fa’i.
UKn mirga Israa’el diina ofirraa ittisuu deeggartus, kun garuu meeshaa waraanaa qofaan kan daangeffame miti jedhan ministirichi.
Dhimma kana irratti ministirri Israa'el tokko murteen UK kun ergaa dogoggoraa kan dabarsee fi ''gaddisiisaadha'' jechuun BBC'tti himan.
Keessumaa tibbana lammileen Israa’el jaha Hamaas keessatti ajjeefamuu hordofee ''yeroo Israa’eliif baayyee hamaa'' ta'etti murteen kun darbuun murtee gaddisiisaa ta’uu eeran.
"Balaa Hamaas irraa dhufus balaa keessoo daandii UK irratti mudachuu danda’u waan ta’eef shororkeessummaa waliin qolachuu qabna” jechuun dubbatan qondaalli Israa'el kun.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’el, Israa’el Katz, murtee kanaaf deebii kennaniin, Israa'el akkaataa seera addunyaatiin socho'aa turte jedhan.
"Wanti nama gaddisiisu, muurteen kun diinota waliin qabnu jajjabeessuuf kan tajaajilu ta'a," jechuun qeeqaniiru
Hojii gaggeessaan olaanaa Amnesty International UK, Sacha Deshmukh, ammoo uggurri meeshaa waraanaa kun guutummaan ta’uu akka qabuu fi sochiin dhukaasa dhaabuu fi gargaarsi namoomaa Gaazaa akka seenu akka hayyamamu itti fufiinsaan gaafachaa jiru
Mootummoonni biyyoota dhihaa akkaataa Israa’el Gaazaa keessatti waraana Hamaas irratti geggeessaa jirtu ilaalchisee gurgurtaa meeshaa waraanaa Israa’el akka dhaabuuf dhiibbaa guddaa keessa galchaa turaniiru.
Ministirri dhimma alaa kun miseensonni paarlaamaa, abbootiin seeraa fi dhaabbileen idil-addunyaa hedduun hayyama meeshaa waraanaa UK’n gara Israa’elitti ergitu ilaalchisee yaaddoo qaban kaasaa turaniiru.
Uggurri meeshaa waraanaa gartokkeen kun murtaa’uun irra hin turre jechuun kanneen mormanis jiru
Murteen kun waraana caalaa siyaasaan barbaachisaa dha - gurgurtaan meeshaa waraanaa UK Israa’eliif xiqqaadha, kunis meeshaalee ittisa Israa’eel biyyatti galchitu keessaa %1 qofa.
US hanga ammaatti meeshaa waraanaa Israa’eliif dhiyeessitu keessaa isa guddaa yoo taatu, bara 2019 hanga 2023 gidduutti meeshaalee waraanaa gurguddoo barame galchitu keessaa %69 akka qabdu Dhaabbanni Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolmi ibseera.
Garuu biyyootni michoota Israa’el biyyattiin meeshaa waraanaa ishee al-ergii ishee tokko tokko seera namoomaa idil-addunyaa cabsuuf itti fayyadamuu akka dandeessu murteessuun waan hin baratamnedha.
Duulli Daldala Meeshaa Waraanaa akka jedhutti bara 2008 irraa eegalee UKn Israa’eliif hayyama meeshaa waraanaa erguuf walumaa galatti £574m ($727m) kenniteetti.
Qorannoon Paarlaamaa biyyatti akka agarsiisutti gatii hayyama kennamee bara 2022tti £42m ture bara 2023tti £18.2m tti gadi bu’eera.












