Israa'elitti hiriirtonni mootummaan Hamaas wajjin walii galee namoota butaman akka gadhiisisu dhiibbaa gochaa jiru

Namoota hiriira mormii bahan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Lammiilee Israa'el Hamaas butee fudhate keessaa reeffi namoota jahaa Gaazaa keessatti argamuu hordofee guutuu Israa'el keessatti dheekkamsi uumamee jira.

Mootummaan Beeniyaamin Netaaniyaahuu lammiileen butaman lubbuun akka deebbi'an gochuu hin dandeenye kan jedhu dheekkamsi duraan ture amma daran hammaarera.

Lammiilen kuma hedduun lakkaa'aman guutummaa Israa'elitti hiriira bahuun namoonni butaman akka gadi lakkifamaniif walii galtee gochuu qaba jechuun dhiibbaa gochaa jiru.

Magaala guddoo biyyattii Tel Aviiv dabalatee magaalota biroo keessatti namoonni kumaatama heddu alaabaa qabatanii mootummaa Beeniyaamin Netaaniyaahuu mormuuf bahaniiru.

Hiirrii guyyaa Dilbataa gaggeeffame hedduunsaa naga qabeessa ture. Hiriirri kun kan gaggeeffame yuuniyeenin dafqqan bultootaa Israa'el Histadrut jedhamu mootummaan namoota Hamaas bute walii galtee tolchee akka gadi lakkisiisu dhiibbaa gochuuf guutuu biyyattii keessatti hiriira waamuu hordofeeti.

Namoota hiriira bahan

Hunni Waraana Israa'el reeffi namoota Hamaas harka turan jahaa ulaa lafa jalaa Gaazaa keessaa argamuu beeksisuu hordofee dheekkamsa guddaa uume.

Humni waraana biyyattii akka jedhetti namoonni kun kan ajjeeffaman loltoonni Israa'el osoo bakkicha hin qaqqabin yeroo muraasa boodadha.

Kuni ammoo mootummaan namoonni Hamaas harka jiran kun lubbuun gara biyyaa akka deebi'aniif mootummaan waan irraa eegamu bahachuu hin dandeenye jechuun lammiilee biyyaattii danuu dheekkamsiisee karaatti baase.

Namoota hiriira bahan keessaa ilmisaa kan Hamaas harka jiru Eli Sitvii hiriirri kun bulchiinsa Netaaniyaahuu hirribaa ni dammaqsa jechuun dubbata.

"Kanneen murtee dabarsan [anga'oonni mootummaa] hiriira kanaan hirribaa ni dammaqu jedheen yaada. Kana caala yeroo eegnu hin qabnu," jedha.

Hiriira mormii guyyaa Dilbataa gaggeeffame irratti lammiilen Israa'el kutaa biyyattii hundaa irratti akka hirmaatantu himama.

Magaala Yerusaalem keessattis namoonni heddu biiroo muummicha ministeeraa duratti bahanii mormii dhageessisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministiirri muummee duranii Israa'el Yaa'ir Laappid kanneen hiriira bahuun mormii dhageessisan keessaa tokko akka ta'an miidiyaalen Israa'el gabaasaniiru.

Gaggeessaa paartii Yesh Atiid kan ta'an Yaa'ir Laappid namoonni hiriira bahuun mootummaa namoota Hamaas harka jiran akka gadi lakkisiisu dhiibbaa akka godhaniif waamicha taasisaa turan.

Guutuu biyyattiitti hiriira gaggeeffame kana kan dursan Arnon Baar Deevid: "Waliigalteerra gahuu qabna [Hamaas waliin]. Waliigalteen waan kan biraa caalaa baay'ee bu'a qabeessadha," jedhan.

Garuummoo mootummaan Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliigaltee godhee namoota Hamaas bute lubbuun deebisuurra reeffa namoota Gaazatti du'anii ta'uu aaridhaan ibsa.

Maatin namoota Hamaas butee fudhatee bulchiinsi Beeniyaamin Netaaniyaahuu Hamaas wajjin waliigaltee namoota butaman gadi lakkisuu akka taasisuuf ji'oota hedduuf karaatti bahuun gaafataa turan.

Hiriira mormii guddicha gaggeeffame kana ilaalchisee mootummaan dheekkamuun deebii kenne.

Ministiirri Faayinaansii Israa'el Bezaalel Simotirich, Hamaasif haala mijataa uumudha jechuun kanneen hiriira bahan qeequn.