Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meeshaan waraanaa foon lukkuu keessa dhokfame buufata xiyyaaraa UStti qabame
Bulchiinsi Nageenya Geejjibaa US meeshaa waraanaa foon lukkuu keessa dhokfamee dabarfamuuf ture to'ate.
Ergasii qondaaltonni geejjibaaa US buufata xiyyaaraatti sakatta'iinsa cimsaniiru.
Taateen kun buufata xiyyaaraa Filooriidaa, Fort Lauderdale-Hollywood Airport jedhamutti mudate.
Imaltuun kun osoo gara xiyyaaraa hin seenin sakatta'iinsa ture irratti meeshaa waraanaa xiqqaa (shugguxii) saamsee foon lukkuu keessa kaa'ee akka jiru barame.
Qondaaltonni geejjibaa eenyummaa nama meeshaa waliin qabame kanaa hin ibsine, garuu namni kun yaada hin bilchaanne qabatee imalaaf ka'e jechuun itti qoosan.
Guyyaa galateeffannaa Ameerikaatti kabajamu- kan amma dhihaataa jiru, irratti namoonni lukkuu akkaan fayyadamu, qabataniis imalu.
Buufataalee xiyyaaraa US keessatti meeshaa waraanaa qabatanii imaluun seeraan ala miti.
Garuu karaa seera-qabeessa ta'een addatti saamsamee konteenarii isaaf qophaa'etti itti cufamee fe'ama malee uummata waliin miti.
Bara darbe US keessatti meeshaaleen waraanaa baayyeetu buufataalee xiyyaaraatti qabaman.
Dhibbeentaa 85 kan ta'an erga fe'amanii booda to'ataman.
US keessatti meeshaa waraanaa bitachuun seera qabeessa, akkasumas yakkoonni meeshaalee waraanaan raawwataman ammoo ni heddummaatu.
Keessattuu manneen barnootaa, geejjiba keessatti fi bakka namoonni itti heddummaatanitti haleellaan meeshaa waraanaan raawwatamu irra deddeebiin gabaafama.