'Gabbarri haa hafu'-Tumaa Yaa'ii Gadaa Sikkoo-Mandoo

Yaa'iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo

Madda suuraa, Biiroo Komunikeeshiinii Oromiyaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Yaa'ii Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo tibbana Godina Arsii Lixaatti gaggeefame irratti seerota gurguddoo lallabaman keessaa tokko waa'ee gabbara kan sirna fuudha fi heerumaa irratti taasifamuuti.

Gosa Oromoo Sikkoo Mandoo biratti gabbarri yeroo dhiirri tokko dubartii fuudhuuf jedhutti warra intalaatiif kennaa maallaqaa, horii fi uffataa kennamuudha.

Gabbarri kennamu kun maatiirrayyu darbee firoota dubartii heerumtuuf kan kennamu yoo ta'u, yeroo amma miira waldorgommii hawwaasa keessatti uumaa deemuun mallaqa humnaa olii gaafachuun baratamaa dhufeera.

Dubara tokkoof gabbarri birrii kuma 400 hanga kuma 500 fi sanaa olii itti gafaaatamaa jira.

Aadaan kun kabaja dubaraafi maatii isheef qaban agarsiisa jedhanii kan deggeranillee jiru.

Garuu haalaa jiereenyaa yeroo kanaa waliin akkasumas aadaa duraa san irra goranii mallaqaafi baasii guddaa gaafachuun kun rakkoo hawaasummaa cimaa ta'aa waan dhufef gabbarri kun akka hafuf lallabnee jechuun abbaan Gadaa Sikkoo Mandoo Aliyyi Mahaammad Suruur BBC'tti himan.

Arsii keessatti namootni harka qalleeyyi ta'an sababa gabbaraaf fuudhuuf yaaddoo akka qabanii fi fuudha sodaatanii taa'an taasiseeras jedhu.

Gabbarri guddate fuudhaf heeruma dhorkuu qofa utuu hin taane rakkoo hawaasummaa hedduu hawaasa irratti geessisaa akka jiru himan Abba Gadaan kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaaf tumaa kana darbee namni gabbara gaafates ta'e kan gabbara kenne saddeetan hordofamee addabbiin kan irratti darbu akka ta'ellee labsameera.

Yuuniversiitii naannoo Oromoiyaatti qorataa aadaa fi duudhaa kan ta'an obbo Leeniin Quuxoo yaa'iicha irratti qorannoo dhiyeessan.

Akka obbo Leeniin BBC 'tti himanitti 'Gabbara' jecha jedhu maquma isaa irraa yoo kaane aadaa ganamaa hawaasaa keessa ture akka hin taane mul'isaa jedhan.

Barsiifanni kun waan aadaa keessa ture utuu hin taane waan guyyaa keessa dhufee akka ta'e himan

''Arsiin gaafa duudhaa ganamaa sanaan intala herumsisu intala ni heerumsiifna jedha, erga gababbarri dhufeemmoo intala ni gurgurra jechuu eegalee.'' jedhan Obbo Leenin.

Kanaaf meeshaa ykn horiitu gurgurama malee namni gurguramuuf hin mallee jedhu.

Sababa waan aadaarraa goree kanaan namni intala eerumsiisuu dhiisee gurguraa jira gurbaanis bitaa jira ilaalcha jedhu hawaasaa keessatti kan uume ta'uu qorannoon isaanii akka mul'isu himan

Gabbarri akkamii rakkoo hawaasumma fide?

Yaa'iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo

Madda suuraa, Biiroo Komunikeeshiinii Oromiyaa

Akka qorataa aadaa fi duudhaa obbo Leeniin Quuxoo jedhanitti aadaa keessa kan ture sirna' uwwisaa haadha fi abbaa akkasumallee raada qaraxaa' kan jedhamutu ture.

Kanarraa kan hafe maallaqa hanga birrii kuma 400 hanga konkolataa gaafachiisu duudha arsii keessa kan hin jirre 'dur hin jirreedha' jedha

Sababa dur hin jirree kanaan intalli akka itti heerumtu dhabdee manatti hafaa jirti, ilmi ga'e akka itti fuudhu dhabeera jedhu.

Akka kaleessa gosaa fi balbala lakkawatanii wal fuudhurraa gabbara sodaatanii fuudha gara badaa akka jiran dubbatu qorataan kun.

Kanaaf gabbarri rakkoo hawaasummaa kanaaafi kan biraallee waan qabuuf akka hafuf yaa'ii gadaa kanaan tumamu himan

Akka abbotiin Gadaa Sikkoo mandoo lallabanitti Fuudhi fi heerumni arsii karaa irraa dabeera.

Waanti aadaa arsii hin taane itti dabalamee aadaa balleessa jira. Dargaggessii hidda qoratee sanyii lakkawatee wal fuudhaa hin jiru. Amma kan jiru qabeenya ilaaluu fi mallaqa hangamii Gabbaraaf akka kennan ilaaludha jedhan.

Sana duudhatti deebisuuf tumaan kun kan dabarsamee fi bakka bu'ootni gara naannoo isaanitti deebi'an nama tumaa labsii darbe kana hordofanii adabbii akka itti muran kan taasifamu ta'uun illee eerameera

Umuriin gabbaras yoo ilaalme yeroo dheera miti. waan qorannoo barbaadu ta'us waan wagga soddoma yoo guddatemmoo wagga afurtama hin caalledha jedhu obbo Leenin.

Kun aadaa fi duudhaan laafuu, namni Oroooma gatee horiif bakka kenniuurraa kan maddee akka ta'e himan.

Koottu dhufee arsii keessatti humna inni qabu qoratanii mallaqa itti ol guddisuun baratama akka ta'etu himama.

Keessumaa namoota biyya alaarra dhufanitti maallaqa ol guddisuun jalqabamee amma birsiifata hawaasaa ta'eera jedhan

Kana malees fuudhaaf gabbara dhiyeessuun miira waldorgommii hawwaasa keessatti uumaa waan deemeef yeroo irraa gara yerootti qaala'a rakkoo hawaasummaa cimaa ta'aa dhufe

Kana malees seerootni biroo kan lallabaman yoo ta'u, keessumaa, godaansa seeraan alaa ilaalchisee shamarran karaa seeraan alaa faddaalaan gowwomfamanii biyyaa bahaa jiru waan ta'eef yoo lubbuun darbe faddaalaan murtii kanaan kan itti gaafatamu ta'uun lallabameera.

Safuufi safeeffannaa ilaalchisee ragaan sobaa walirratti bahuun bayyachaa waan jiruuf hafuu akka qabuufi aadaafi duudhaa ofii ganamaatti deebi'amuu akka qabu akkasumas jaalli akka malee akka hafuu qabu lallabamera.

Rakkoo nageenya hammaataa ta'eef, qaamni qooda qabu hunduu waamichaa nagaa abbootii gadaafi hawwan siinqeen gara nagaatti dhufuu akka qabu lallabamuun ibsame.

Yaa'iin kun gadaan Bultumaa yeroo baalli isaa xumuramuu fi gadaan Horataa ammoo baallii fudhachuuf qophaa'aa jirutti gaggeefame waan ta'eef waan gadaa kana keessatti laafe jabeessuu fi waan jabaatemmoo itti fufusiisuf wal argii qophaa'edha.