Raashiyaan yeroo gabaabaaf dhukaasa dhaabuun eegumsa cimaa jalatti Guyyaa Injifannoo kabajaa jirti

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Wayita Yukireen magaalota Raashiyaarratti xiyyeeffachuun haleellaawwan qilleensaa gaggeessaa jirtutti Vilaadmiir Putiin kabaja Guyyaa Injifannoo dursaa jiru.

Agarsiisa Red Square irratti eegumsi nageenyaa akkaan cimeera. Hooggantoota addunyaa 20 caalan kanneen hanga Moskootti imaluun sirna kanarratti hirmaataa jiran keessaa tokko Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing.

Putiin dhukaasa dhaabuu guyyaa sadiif turu labsaniiru, kun kabaja Guyyaa Injifannoo 80ffaa waliin walirra bu'e.

Yukireen tarkaanfiin Putiin kun ''agarsiisa guyyaa kanaaf eegumsa gochuuf diraamaa hojjetamedha,'' jechuun dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa kana akka hin fudhanne ibsiteetti.

Humni waraanaa Yukireen erga dhukaasa dhaabuun Putiin labsan Caamsaa 08, 2025 irraa hojiitti hiikamuu eegalee haleellaawwan hedduun irratti raawwatamuu ibse.

Raashiyaan dhukaasa dhaabuun kun qixa sirrii ta'een akka hojiirra oolu kutannoo qabaachuu ibsiti, kan jeeqaa jiru Yukireen ta'uu himatti.

Yaada dhukaasa dhaabuu Putiin dhiheessan dura Mooskoo fi Kiiv misaa'ela hedduu walitti dhukaasan.

Sababa kanatti buufataaleen xiyyaaraa hedduun hojii dhaabaniiru, imaltoonni kuma 60 ta'an ugguramaniiru.

Wayita Raashiyaan injifannoo Sooviyeet Yuuniyen Naazii Jarmanii irratti galmeesse kabajuuf qophiitti turtetti giddugalli magaalaa Moskoo qaamolee nageenyaa hedduudhaan guutamtee turte.

Raashiyaan akka jettutti guyyaa kanarratti hooggantoonni addunyaa 27 argamaniiru.

Sirna agarsiisaa, kan meeshaaleen waraanaa ammayyaa Raashiyaa muraasi irratti mul'atanirratti, qaamoleen nageenyaa hedduun bobbaafamaniiru.

Duratti Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii nageenya hirmaattota sirna kanaaf wabii akka hin qabne ibsanii turan.

Dureewwan biyyoota addunyaa gara Mooskoo akka hin imalle akeekkachiisaniiru.

Zeleniskiin ibsa Kamisa kaleessaa kennan keessatti biyyisaanii Yukireen ''ammarraa eegaluun dhukaasi guutummaatti akka dhaabbatuuf akka waliigaltu,'' ibsanii turan.

''Garuu isa dhugaa ta'uu qaba,'' jedhan. Raashiyaan dhukaasa dhaabuu guutummaatti akka deeggartuu fi misaa'elaa fi diroonii kumaatamaan lakkaa'amu dhukaasuu akka dhaabdus gaafatan.

Zeleniskiin isa Putiin guyyaa sadiif dhukaasa dhaabuu labsan ''akka qoosaatti fudhachuun,'' nagaa buusuuf dhukaasa dhaabuu guyyaa 30f turu irratti walii galuun dhirqama ta'uu ibsan.

Ameerikaa fi biyyoonni Awurooppaa michoota Yukireen ta'anis yaada kanarratti waliigalu.

Nageenya buusuuf waan barbaachisu hunda gochuuf qophii ta'uu Pirezidantii US Doonaald Tiraamp waliin dubbachuu himan Zeleniskiin.

''Gara nageenya waaraa buusuutti kan nu geessu waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa 30f turu labsuurraa yoo eegalle qofa,'' jedhan qondaalli Yukireen kun.

Pirezidant Tiraamp gareen lameenuu haal-duree tokko malee waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanarratti akka waliigalan, yoo didan qoqqobbii hamaan akka eeggatu akeekkachiisan.