Haakaroonni Israa’eel gargaartoota Wiiliyaam Ruutoo lamarratti qiyyaafachuun himame

Maxxanfame

Tibba filannoo Pirezidantummaa bara 2022 Keeniyaatti gaggeefametti haakaroonni Israa’eel odeeffannoo dhuunfaa gargaartoota Pirezidanti Wiiliyaam Ruutoo lama irratti qiyyeeffatanii akka turan qorannoo haaraan tokko mul’ise.

Qorannoon garee gaazexessitootaan gaggeeffamuun barruu Israa’ee Haaretz fi Kan UK Gaardiyaan dabalatee maxxanfame kunis, haakaroonni kan namoota pirezidanticha kan yeroo sana ittaanaa pirezidantii ture irratti qiyyeefatan bu’aa filannoo irratti dhiibbaa taasisuuf ture jedhame.

Gareen haakaroota jedhaman kanneeniis, filannoo pirezidantummaa Keeniyaa 2022tti gaggeeffame guyyoonni muraasni wayita hafuutti, ‘‘malawwan ergaan gorsitoota siyaasa Wiiliyaam Ruutoo ittiin butamu danda’urratti ibsa kennanii ture’’ jedheera qorannichi.

Gaazexessitoonni nama deeggarsa barbaadu fakkaachuun odeeffannoo butanis, karaa haakarootaatiin gorsaa siyaasaa Wiiliyaam Ruutoo kan ta’an Deeniis Itunbiinii fi Ittigaafatamaa waajjirasaanii yeroo sanaa kan turan Deeviis Chiirichiin dabalatee namoota shan irratti qiyyeeffatanii turan.

Haaluma kanaanis Telegraamiin fi Imeeliin namoota shanan kanneenii buutuun haala danda’amurratti ibsa kennuunsaanii ibsameera.

Bu’aan qorannichaa akka agrsiisetti, odeeffanicha kanneen butaa turan miseensota humna addaa Israa’eel duraanii hogganaa kan turan ‘Taal Haanaan’ kan jedhaman karaa bakka bu’aa tikaa isaaniin jedhameera.

Namni Haanaan jedhamanis akkaawuntii qondaaltootaa butuun ‘‘odeeffannoo walitti qabuun duula folannoo Wiiliyaam Ruutoo pirezidantummaaf filachuuf taasisfamaa tureerratti garee odeeffannoo waliin dhahuuf’’ hojjatu akka hogganan himameera.

Yeroo dullii na filadhaa gara dhumaatti dhiyaateetti, gorsaa siyaasaa Wiiliyaam Ruuttoo kan turan Deeniis Ituumbii akkaawuntii telegraamii isaaniirratti wanti hin baramne raawwatamaa jiraachu akka hubatan, tajaajila kamiifu itti fayyadamu akka dhaaban beeksiisanii ture.

Haata’u malee gareen odeeffannoo butaa ture, hojiicha akka raawwatuuf eenyuun akka mindeeffame ifa hin taasifne. Dhimma kana ilaalchisunis mootummaan Keeniyaas ta’e mormitoota irraa yaadni kenname omtu hin jiru.

Tibba duula na filadhaa Wiiliiyaam Ruuttootti, yaaliin odeeffannoo buutuuf taasifameera jedhame kunis filannichaan injifachuun aangoo qabachurraa hin dhorkine.

Morkataa Wiiliyaam Ruuttoo kan turan namni siyaasaa Raayilaa Odiingaan bu’aa dhumaa filannichaa irratti waliin dhahuun Wiiliyaam Ruuttoo deeggaran raawwatamanii jiru jechuun, himannaa dhiyeessanilleen raga amansiisaan hin argamne jechuun himannaasaanii akka kufu taasifamuun ni yaadatama.