Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wiiliyaam Ruutoon biyyoota Afrikaaf liqiin akka hir'ifamu gaafatan
Pirezidantiin Keeniyaa haaraa filataman Wiiliyaam Ruutoon biyyoonni dureeyyiin fi dhaabbileen gurguddoon addunyaa liqii maallaqa biyyoota hiyyeeyyii Afrikaa irra deebi’anii ilaaluun akka hir’isan gaafatan.
Ruutoon kana kan dubbatan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) NiIw Yoorkii taa'amaa jiruurrattidha.
Pirezidant Ruutoon, liqii tuulame kana deebisuun guddina ardii Afrikaatti quucarsaa jira jedhan.
Aab Ruutoon, biyyootni Afrikaa walwaraansaa fi jijjiirama haala qilleensa baramaatiinillee caalatti hubamaa jiraachuu kaasan.
‘’Naannoon keenya keessattuu Gaanfi Afrikaa, walitti bu’iinsa hamaan goolamaa jirti. Walitti bu’iinsi kun guddina naannichaarratti miidhaa qaba,’’ jedhan.
Pirezidant Ruutoon waamicha kana kan dhiyeessan wayita biyyoonni Afrikaa hedduun liqiin deebisuun itti ulfaachuusaa yaaddoo qaban ibsaa jiranitti.
Bara darbe Keeniyaan liqii doolara Ameerikaa biliyoona 6.5 deebisuu ishee Ministeerri Maallaqaa biyyattii beeksisera.
Maallaqni kun galii mootummaan harka walakkaa oliin caala.
Biyyoonni Afrikaa hedduun liqiin biyyoota diinagdeen badhaadhanii fi dhaabbilee akka IMF fi Baankii Addunyaaf kaffalan dabalaa kan jiru yoo ta’u, ogeeyyiin dinagdee liqiin kaffalamaa jiru kun guddina dinagdee biyyoota Afrikaa danqaa jira jedhu.