Waraana Yukireen:Dhohinsi guddaan buufata waraanaa Raashiyaa Kiriimiyaa jiru raase

Madda suuraa, Reuters
Buufanni waraanaa Raashiyaa Kiriimiyaa keessatti argamu dhohiinsa gurguddaa walitti aansee mudateen raafamaa jira.
Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, dhohinsa qaqqabe kanaan namoota lamarras miidhaan gaheera.
Aanga'oonni Raashiyaa akka jedhanitti, abidda bakka kuusaa balfaa buufata waraanaa naannawaa Dzhankoi kaaba Kiriimiyaatti argamutti mudatetu dhohinsi kun akka uumaamu taasise.
Buufata humna ibsaarraanis abiddi ni mul'ata.
Dhohinsa kanaaf sababiin maala akka ta'e ifa miti, garuu torban darbe Yukireen qorqara Kiriimiyaatti ifatti haleellaa banuu hordofee waraanonni xiyyaraa Raashiyaa gara sanatti bobba'anii turan.
Ministeerri ittisaa Raashiyaa akka jedhetti, abiddi bakka kuusaa yeroof meeshaa waraanaatti jalqabe. Kun akka saatii Mooskootti 06:15 irratti, ykn 03:15 GMT irratti gandaa Maiske cinaatti mudachuu himuun, ka'umsi isaa maal akka ta'e qoratamaa jiraachuu ministeerichi ibseera.
Ministeerichi miidhaan "hamaa" ta'e hin mudanne jedhe. Qondaalli Raashiyaan muudame Sargee Aksiinonov bakkicha daawwadheera jedhee akka ibsetti namoonni lama madaa'uu fi 2,000 kan ta'an naannicha gadi dhiisanii akk bahan godhamaniiru.
Gorsaan waajira Pirezidantii Yukireen Mykhailo Podolyak ammoo waan mudate kana akka "meeshaa waraanaa hir'isuu gochaan ta'edha" jechuun dhohinsi kun waan tasa mudate akka hin taane dubbate.
Gaggeessaan Kiriimiyaa Taatar Refat Chubarov jedhamu, dhohinsa kana "haleella" fageenyatti oddoo baayyee qaxxaamuree dhagahamedha jechuun ibsan.

Madda suuraa, PLANET LABS PBC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kirimiyaan bara 2014 tti Raaashiyaan Yukireen irraa fudhatte. Raashiyaan bara kana yeroo Yukireen weerartu qubsuma waraanaa ishee Kirimiyaa keessa godhachuun haleellaa gaggeessaa turte.
Torabee darbes buufata Waraanaa Raashiyaa Saakii kan Kirimiyaa keessatti argamu tokkotti dhohiinsi wal fakkaatan mudatee xayyaaronni waraanaa Raashiyaa saddeet ta'an gubatanii turan.
Raashiyaan yeroo sanas balaa tasa mudateedha jettus Yukireen haleeluu hin oolle jedhama. Ministeerri Ittisaa UK akka jedhetti, dhohiinsi buufata waraanichaatti mudate naannichatti dandeettii humna qilleensa Raashiyaa dadhabsiisera. Erga jWaxabajjii asi Yukireen rookkeettiwwan Himars jedhaman US irraa argatte fayyadamuun kuusaalee meeshaa waraanaa Raashiyaa 50 ol haleeluu beeksifte.
Kibba Yukireenittis riqicha magaala Kersoon geessus rookkeetidhuma jana fayyadamuun akka waraanni Raashiyaa itti hin fayyadamne gochuu beeksiftee turte. Adda waraanatiin alatti haleellan Yukireen fageenya irratti buufataalee waraana Raashiyaa irratti raawwataa jirtu Raashiyaa baay'ee aarsa.












