Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimad aanga’oota Sudaan waliin mari'atan
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad jila mana maree Sudaan Leetanaal Janaraal Ibraahiim Jaabiriin hogganame waliin mari’achu waajjirri isaanii beeksiise.
Kunis kan ta’e erga Daarektarri Olaanaan Odeeffannoo fi Tikaa Biyyaaleessaa Obbo Tamasgan Xirunaa Sudaan deemuun hogganaa ittaanaa waraana biyyattii waliin mari’ataniin booda.
Ministirri Mummee Abiy Sadaasa 21, 2022 ganama garee jila miseensoota bakka bu’oota ummataa kanneen waajira isaaniitti simachuun dhimmoota waloo biyyoota lamaanii irratti marii taasisan.
Biyyi Sudaan kan waggaa tokkoof oliif jeequmsa siyaasaa keessatti argamtu, walitti dhufeenya Itoophiyaa waliin qabdu sababii hidha guddicha Abbaayaa fi dhimma daangaatiin akkasumas waraanaa Tigraay keessatti gaggeeffamuun wal qabatee walitti dhufeenyi isaanii xiqqoo gufate ture.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad haasaa torban darbe keessa mana maree bakka bu’oota ummataa Itoophiyaatiif taasisaniin, dhimma waraana Tigraayiitti gaggeeffamuun wal qabatee waa’ee Sudaan kaasanii ture.
Sudaan waraanaa dhumaa kana irra deebii’ee ka’e keessaa gahee homaa akka hin qabne dubbatanii turan.
Dureewwan biyyootaa yeroo garaa garaatti wal arguu mari’achuunsaanii kan gabaafame yoo ta’u, hogganaan waraana Sudaan Janaraal Abdul Fattaah Al Burhaan Onkolooleessa darbe keessa yaa’ii Xaanaa Foram irratti hirmaachuuf Baahir Daariitti argamuun aanga’oota Itoophiyaa waliin mari’achunsaanii ni yaadatama.
Obbo Tamasgan Xirunaa, Daareektarri Olaanaan Tajaajila Nageenyaafi Tikaa biyyaaleessaa Itoophiyaa Kaartuum keessatti ittaanaa duree waraanaa Letanaal Jeneraala Mohaammad Haamiidaan Daagaaloo (Hameetii) waliin hasa’usaanii maddi oduu Sudaan gabaasee ture.
Marii isaanitiinis walta’insa dameewwan nageenyaa fi kaan irratti biyyoota lamaan jidduutti jiru ilaalchisee mari’achuusaanii fi Sudaanis waliigaltee Itoophiyaa fi TPLF jidduutti taasifame ajaa’ibsiifachuu Janaraalichi ibsun gabaafameera.
Sudaaniifi Itoophiyaa waraanaa Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaan dura eegalame hordofuun, gaaffii daangaa waggootaaf lafa gabbataa qonnaa Al faashaagaa irratti ture qabachuuf, Sudaan looltoota ishee bobbaasuun ni yaadatama.
Tibba waraanichaattis hidhattoonni karaa Sudaaniin daangaa Itoophiyaa keessa dhokatanii seenan jiraachuu aanga’ootaan komiin dhiyaataa ture.
Waraanaa Tigraayii qabamtee kan ture Itoophiyaan waraanni Sudaan naannoolee daangaa qabatee ture keessaa gadhiisee akka bahuufi rakkinichi mariidhaan akka furamuuf irra dedeebiin gaafataa turte. Gama Sudaaniin garuu daangiichi kan ishee ta’u kaasuun qabiyyicha cimsite turte.