Gurraacha sirna kolonii Biriteen lolaa tureef Landaniitti siidaan dhaabateef

Artist Samson Kambu waa'een Joon Chilembwe namoota hedduu biratti akka beekamu barbaada

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Addababayii beekamaa giddugala magaalaa Landanitti siidaan yaadannoo nama bulchiinsa kolonii Biriteen dura dhababachuun lolaa ture- lammii Maalaawwii Joon Chilembwe'f dhababateera.

Addababayii Trafalgar irratti siidaan yaadannoo nama gurraacha Afrikaaf wayita dhaabbatu kun isa jalqabaati.

Lallabaan wangeelaa fi qabsaa'aan Pan-Africanism Joon Chilembwe, seera bulchiinsa kolonii Biriteen cabsuun nama adii fuulduratti koofiyyaa uffataa ture.

Suuraan amma siidaan ittiin hojjetameef kun bara 1914 koofiyyaa uffatee nama adii- Joon Korlii jedhamu waliin kan inni Maalaawwiitti ka'edha.

Artistiin dhalootaa Maalaawwii ta'e Samson Kambalu, siidaa yaadannoo Joon Cilembwe kan Joon Korlii irraa meetira shan caalchisee hojjete.

Dhimma kanarratti marsariitiin Kantiibaa Landan akkas jedhee maxxanse:

''Artistiin kun danaa siidaa kanaa guddisuudhaan seenaa Joon Chilembwe olkaasee mul'ise. Kanaanis seenaa qoollifannaa Impaayera Biriteen Afrikaa fi biyyoota kaan keessatti dhokatee ture ifatti baaseera.''

Siidaan yaadannoo kun giddugala Landanitti dhaabbatus, Joon Chilembwe namoota hedduuf haaraadha.

Yuuniversitii Oksifoord Inglaand keessatti argamutti hojii aartiitiin gargaaraa pirofeesaraa kan ta'e Artist Samson Kambalu, ''Namoonni hedduun waa'ee Joon Chilembwe hin beekan. Dhimmi ijoon keenya isa kana,'' jedhe.

Joon Chilembwe namoota Afrikaa waanjoo kolonii Biriteen ofirraa qolachuun jaarraa 20ffaa keessa beekaman keessaa isa hangafa.

Biyya duraan Nyasaland jedhamtu Maalaawwii ammaa keessatti yeroo jalqabaaf bara 1915 Biriteen irratti mormii uummataa qindeesse.

Warraaqsi inni kakaase yeroo muraasaaf turus, garuu asirraa ka'ee biyyoota Afrikaa kaan walga'e.

Joon Chilembwe namoota bilisummaa gurraachaaf adda durummaan qabsaa'aa turan kanneen akka rogeessa siyaasaa Jamaayikaa Maarkas Garvii fi hundeessitoota Kongiresii Biyyaalessaa Afrikaa (ANC) Joon Langalibalele Dube qabsootti nama kakaasaa turedha.

Siidaa yaadannoo kunneen keessaa kan Chilembwe guddatee dhaabbate

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqaba bara 1870oota keessa kan dhalate Joon Chilembwe Kibba Maalaawwii aanaa Chiradzulu keessatti guddate.

Mishinaroota Iskootlaand abuuraa beekamaa Deeviid Livingstone jedhamu faana gara iddoo jireenyasaatti imalan hordofuun waan hedduu jijjiire.

Asitti nama mishinarii jijjiiramaaf onnate Joseph Booth waliin walarge. Namni kun jechasaa ''Afrikaa Afrikaanotaaf'' jedhuun beekama ture.

Joon Chilembwe fi Joseph Booth erga wal michoomfatanii booda walqabatanii gara Varjiiniyaa imaluun barnoota amantii (Theology) baratan.

Joon Chilembwe wayita US turetti bara garbummaa dhabamsiisuun raawwatamaa ture sana qabsoo Afrikaa Ameerikaa akkaan qo'ataa ture.

Muuxannoo kana erga qooddatee waggoota booda gara biyyasaa deebi'uun daba bulchiinsa kolonii irratti qabsoo eegale.

Maalaawwiitti deebi'ee bakka itti guddate Chiradzulu keessatti ergama addaa ijaaruun dirqama itti ta'e.

Waldaalee amantaa fi manneen barnootaa hedduu ijaare, akkasumas midhaan gosa garaagaraa oomishe, deeggarsa maallaqaas US irraa argate.

Kanaan qabsoo kolonii Biriteen irratti cimse.