Hakiimni dhukkubsattuu 'oppireshinii' gochaa ture buunyaan dhahuun dheekkamsa kaase

Hakiimni Chaayinaatti dhukkubsataa bunyaan dhahe adabame

Madda suuraa, WEIBO

Maxxanfame

Qondaalonni Chaayinaa erga hakiimni dhukkubsattuu oppireeshinii [tajaajila baqaqsanii yaaluu] taasisaafii ture buunyaadhaan yeroo dhahuu argamee hospitaalicha irratti qorannoo gaggeessaa jiru.

Viidiyoo hakiimni dhukkubsataa buunyaan dhahu kun torban kana keessa miidiyaalee hawwaasaa Chaayinaa irratti haalaan qoodamuun dheekkamsa kaase.

Dhaabbni hospitaalicha waliin hojjetu Ayer Chaayinaa jedhamu hakiima kana hojiirraa dhorkeera.

Akkasumas hojii gaggeessaa hospitaalichaa hojiirraa ari'e. Taateen kun bara 2019 keessa raawwate.

BBC'n akka yaada kennaniif hospitaalicha gaafateera. Hakiimni tajaajila baqaqsanii yaaluu kennaa ture dhukkubsattuu ijasaa keessa oppireshinii gochaa ture yoo xiqqaate yeroo sadii mataa keessa buunyaa [boksii] yeroo dhahu mula'teera.

Hospitaalli Ayer jedhamu hospitaalota adda addaa kan qabu yoo tahu, kun Caayinaa keessatti tajaajila yaala ijaa kennuun beekama.

Taateen kun hospitaala isaa tokko Guyigangi jedhamu Kibba Lixa Chaayinaatti argamu keessatti raawwate jedhe.

Dhukkubsattuun jaartii ganna 82 turan. ''Qoricha yeroo yaala baqaqsanii yaaluu qaama hadoochu [anestezhiyaa] naannoma sanaa argamu waan fayyadamaniif dhukkubsattuun dhukkubbii dandamachuu hin dandeenye ture'' jedhe hospitaalichi.

Akka ibsa hospitaalichaatti dhukkubsattuun kun mataa fi gumaa ijashee yeroo baay'ee sosochoofte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukkubsattuun afaanuma biyyichaa naannoo tokko keessatti dubbatamu dubbatu ture. Hakiimni ammoo afaan mandariinii fayyadamuun itti dubbataa ture.

Kanaaf akeekkachisa hakiimni afaan Mandariiniin itti himaa ture dhagahuun deebii hin kennine ture.

Kanaaf ''hakiimichi haala ariifachiisaa taheen yaala kennaafii ture'' jedhe hospitaalichi. Miidiyaaleen Chaayinaa ammoo dhukkubsattuun adda isheerra madoofteetti jedhan.

Ergasii hospitaalichi dhiifama gaafachuun dhukkubsattuu kanaaf beenyaa doolaara 70 tahu kaffaluu, ilmi isaanii miidiyaalee biyya keesssatti himeera.

Itti dabaluun sababa yaala sanarraa kan ka'e tahuu beekamu baatus, ijishee karaa bitaa jiru jaameera jedhe.

Dhaabbanni Ayer hospitaalichi taatee kana waajjira olaanaatti hin gabaasne jechuun kufaatii tahuu amane.

Kanaaf hakiimicha kan achumatti diinii hospitaalaa tahee fi hojii gaggeessaa isaa hojiirraa gaggeessuu hime.

Taateen kun Mudde 2019 raawwatus hakiimni Chaayinaa beekamaan Ai Fen jedhamu viidiyoo karaa CCTV waraabame torban kana keessa erga qooddee barame.

Dr Ai [Ayi] hakiimota jalqaba weerara Covid uummata akeekkachisan keessaa yoo taatu, miidiyaa hawwaasaa Weibo jedhamu kan hordoftoota miliyoona lamaa ol qabu irratti viidiyoo kanas qoodde.

Dr Ai ofiiyyuu hospitaalicha waliin falmii seeraa kanq abdu yoo tahu bara 2021 yaala ijaaf deemtee yaalii isheef kennan irraa kan ka'e ijashee dhabdee akka oolte himte.

Hospitaalichi ammoo kana ni haala.