Arsenaal Siitii injifachuun fiigicha shaampiyoonaa ta'uurratti maal akeeka?

Madda suuraa, BBC Sport
Yaada Aleen Shireer
Dhumarratti tapha Piriimiyeer Liigiin Maanchistar Siitii mo'achuun Arsenaaliifi leenjisaa isaa Mikeel Artettaaf waan guddaadha, fiigicha shaampiyoonummaafis barbaachisaadha.
Barri dorgommii kun wayita xumuramuutti dhiyaatus Maanchistar Siitiifi Arsenaaltu morkata jedheen yaada. Garuu ammoo ammatti hanga sadarkaa arfaffaa warra jiran gidduu garaagartummaan qabxii jiru sadii qofa ta'uun hunduu abdii akka qabaatan taasisa.
Wanti nama raaju garuu liigichi boqonnaa idila addunyaatti wayita deemu Totenhaam liigicha dursaa jiraachuusaati.
Leenjisaa haaraa Anje Postekoogluu jalatti qabxii bayeessa galmeessaa jira.
Ispaars fiixee gabatee liigichaarra hanga yoomii akka turu hin beeku, garuu ammoo dorgommiiwwan Awurooppaa biroo keessa kan hin jirre ta'uun dhiibbaan akka irra hin jiraanneefi akkanumatti akka ittifufan ni gargaara.
Akka gareewwan kaan isaaniin morkatanii taphattoota isaanii hin dhiphisan, haalli akkasii kun bara darbe Niiwkaasil Chaampiyoonsi Liigiitti akka deebi'u hangam akka gargaare argineerra. Amma Ispars kanarraa ni buufata.
Yeroo wayiitti garuu Ispars jifataasaa gara Baayer Muuniik godaanee fi goolii hedduu galchuun riikardii qabate Haarii Keen yaaduun isaanii hin oolu. Ammatti garuu goolii galchuun mo'achuurratti rakkoo hin qaban.
Ispars Keeniin dhabus kanneen haaraa mallatteessifate taphataan sarara gidduu Jeems Maadisaniifi ittisni haaraan Miiki vaan de Vaan akka gaarii jiru.
Liivarpuul
Hanga ammaatti Liivarpuul akka gaarii jira. Garuu ammoo morkattoota waancaa ta'u jedhee hin amanu.
Gareen Yaargan Kiloop sababa jifattoota gaggaarii qabuuf goolii galchuuf hinuma kaata. Kaniin gaaffii irraa qabu ittisa irratti.
Yeroo jifachuuf ka'an taphni agarsiisan nama hawwata. Ammas tapha Biraayitan waliin qixxee bahan irratti wanti argine, salphaatti gooliin kan itti galan ta'uudha. Ittisarra wanti isaan hanqatu wayii ni jira.
Ibraahimaa Konaateen miidhamarraa deebi'uutti akka jiru nan beeka. Kuni gaariidha. Garuu gareen kaan taphattoota kana gidduu salphaatti darbu. Hedduu jaboo miti.

Madda suuraa, BBC Sport
'Akka gaarii osoo hin taphatiin injifannoo argame'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka ani ilaalutti Arsenaal Siitiin olitti bara dorgommii kana ni xumura taanaan liigicha ni injifata. Arsenaal bara kana gahumsa sana gochuu qaba. Olaantummaa Siitii goolabuu danda'a.
Ofitti amanamuummaa fi amantaa dabaluuf injifannoon Dilbataa gahee guddaa qaba. Injifannichi wantoota agarsiisu keessaa inni biraan akka gaarii osoo hin taphatiin injifannoo argame ta'uusaati.
Gareen Arteettaa hunda caala akka gaariitti ittise. Waggoota dhiyoo as garee akka Arsenaal Dilbataa Siitiin yaalii goolii hedduu akka hin taasifne ittise hin argine.
Jijjiirraan taphattootaa Arteettaan raawwate jijjiirama guddaa uume. Hundisaanii gahee bahaniiru. Isaan keessaa Kaayi Haveertiz carraa goolii uume. Maartineeliin ammoo ni galche.
Amma gareen Arsenaal isa bara dheengaddaa caala jabaa ta'uusaa ni argita. Arsenaalis carraa goolii hedduu hi uumne garuu ammoo jaboo turan. Yeroo kana gotummoo ala hedduu ofiif carraa uumuu malta.
Dhugaadha Nataan Akee kubbaan itti bu'ee manii lixuun isaa carraa kenneeraaf. Arteettaan garuu injifachuun isaaniif akka malu dubbate. Namni kamuu yaada kana kan mormu natti hin fakkaatu. Siitiin waan gahaa hin agarsiifne.
Siitiin Roodrii malee taphoota sadii injiftameera. Bakka inni hin jirretti sochiin isaanii daanga'ee mula'teera. Siitiin akka ta'utti hin taphanne kanaafis gatii baasaniiru.
'Yunaayitiid akka ani gaarii ta'u jedhee tilmaame san hin jiran'
Ollaan Siitii Yunaayitiid dirreesaarratti Bireentifoordiin duubaa ka'ee injifatus, gahumsa walfakkataa agarsiisuu hin dandeenye.
Eriik teen Haag ammas miila jabeeffachuuf yeroo qaba jedheen amana. Garuu ammoo kilabicha keessa rakkoon hidda gadi fageeffate jira. Sana fonqolchanii baasuun yeroo gaafata.
Barri dorgommii kun eegaluu dura Yunaayitiid hanga sadarkaa afuriitti ni xumura tilmaama jedhu kenneen ture. Amma garuu akkan isaan yaade hin jirani.
Gahumsa isaanii hanga ammaa keessaa dhugumatti hanga afurii xumuruu akka danda'an waan agarsiisu hin argine.
Taphootni shanan dhufan eenyutti cimu?
Guyyoota 10 boqonnaa idila addunyaa jedhameen booda liigichi wayita ittifufu kaasee taphoota shan gaggeeffaman warra hanga sadarkaa afuriitti jiran keessaa eenyutti cima?
Tokkoffaarra kan jiru Tootenhaam Fulhaam, Kirsitaal Paalaas, Cheelsii, Woolviziifi Astoon Viilaa morkata. Hunda caala taphni Cheelsiif Astoonviilaan kan itti cimu ta'us dirreesaatti kan morkatu ta'uun abdii horaaf.
Lammaffaarra knan jiru Arsenaal wayita deebi'u Cheelsii, Sheefild Yunaayitiid, Niiwkaasil Yunaatiid, Barnileefi Bireentifoordiin morkata.
Arsenaal Chelsiifi Niiwkaasil dirreesaaniitti dhaqee kan falmatuun ta'uun taphootni lamaan akka itti ciman taasisuu mala.
Maanchistar Siitiin ammoo Biraayitan, Maanchistar Yunaayitiid, Boornimaawus, Cheelsiifi Liivarpuul morkata.
Siitiin Boornmaawuziin salphaatti mo'uu akka danda'u tilmaamamus, warreen hafan arfan irraa qabxii argachuun salphaa itti hin ta'u.
Liivarpuul gama isaan tapha shanan dhufan taphatu keessaa kan Siitii waliin morkatun alatti Eevartan, Nootingihaam Foorest, Luutoon Taawuniifi Bireentifoordiin morkata. Warreen kanarra qabxii argachuun hedduu itti hin ulfaatu ta'a.












