Netaaniyaahuun 'dogoggora' hojjechaa jira - Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Gaazaa keessatti waan raawwataniin ''dogoggora'' raawwataa jira jedhan.
''Waan raawwachaa jiru dogoggora. Adeemsa isaa waliin walii hin galu,'' jedhan af-gaaffii kennan tokko irratti.
Gaazaan torban saddeet dhufaniif ''nyaataa fi qoricha guutummaan guutuutti argachuu qabdi,'' jedhan.
Torbee darbe Ameerikaan waraana kana kan deeggartu Israa'el nyaataa fi qoricha dabalataa eeyyamuu irratti hundaa'a jedhanii turan.
Israa'el gamasheen Gaazaa keessa deeggarsi akka hin galleef hin dhorkine jechuun haalteetti. Hojjettoonni UN achitti socho'an namoota deeggarsi isaan barbaachisuuf hin qaqqabsiisne jechuun komatti.
Mariin torbanootaaf adeemaa ture waliigaltee dhukaasa dhaabuu fiduu hin dandeenye. Dhibbaan idil-addunyaa garuu dabalaa jira.
Af-gaaffii sa'atii tokko dheeratu Roobii torbe darbe kan waraabame yoo ta'u, waraanni Israa'el hojjettoota gargaarsaa World Central Kitchen torba ajjeesuun guyyaa tokko booda.
Baayidan akkaataan konkolaataa dhaaba gargaarsaa dirooniin haleelame waan 'rifachiisu' dha jedhan.
Humni Ittisaa Israa'el ergasii ''dogoggora hamaatu'' du'a hojjettoota deeggarsaaf saaxile jedhan. Kanaanis hogganoota waraanaa lama arii'eera.
Af-gaaffii taasisan irratti Baayidan, ''waanan jechaa jiru Israa'el dhukaasa dhaabuun torbanoota saddeetiif qorichaafi nyaati dhorkaa malee akka seenu dha,'' jedhan.
Kanaan dura pireezidantichi jalqaba Hamaas namoota butaman gadhiisuuf waliigaluu qaba jedhanii turan
Israa'el karaa ittiin gara kaaba Gaazaa galan banuufi buufata bishaanii banuuns deeggarsi akka taasifamu nan godha jetteetti.
Baayidan dhimma Israa'el irratti biyya keessaa dhiibbaan itti baay'achaa jira. Torban darban keessa akkaataa Israa'el waraana ji'a ja'aa fi Netaaniyaahuu irratti dubbii jabeessaniiru.
Haaluma kana keessa garuu Ameerikaan boombii, misaayelotaafi meeshaalee waraanaa biroo Israa'eliif erguu takkaa addaan hin kunne.
Hamaas hawaasa daangaa kibba Israa'el gaafa Onkololeessa 7 haleeluun booda namoonni 1,200 yoo ajjeefaman, 250 ammoo butamanii turan.
Israa'el namoonni butaman 130 ammallee Gaazaa jiru, kan 34 tahan ammoo du'aniiru jetti.
Lammiileen Gaazaa 33,000 baayyeen isaanii namoota nagaa tahan Onkololeessa irraa qabee haleellaa Israa'eliin ajjeefamaniiru.












