Arsenaal fi Maan Siitii morkattoota isaanii irra aanan

Maxxanfame

Arsanaal taphataasaanii collee Bukaayoo Saakaan malee tapha Roobii galgala Luutan wajjin taasisan irra aanuun, liigicha dursuu jalqaban.

Saakaan tapha Siitii wajjin Dilbatarra taasisan booda miidhamaan kan hin taphanne ogguu tahu, gareen Mikeel Arteettaa jijjiiree galche waan irraa eegamu bahachuun Liivarpuul caaluu danda'aniiru.

Leenjisaan isaanii Arteettaan taphaan booda turtii BBC Match of the Day wajjin taasiseen, "Garee keenya jijjiiruu fi humna haaraan haaromsuu yaalleerra. Kanneen dhufanis, akka dansaa taphatan," jedhe.

Dursaan taphattootaa Maartin Odagaard daqiiqaa 24 irra galchii jalqabaa kan lakkoofsise ogguu tahu, kubbaan kunis Emil Ismiiz Roow taphataa Luutan irraa fudhatee dabarse ture.

Gaanaroonni boqonnaa bahuun dura galchii lammeessoo lakkoofsisan. Galchiin kunis ittisaan Luutan Dayikii Hashiyookaa kan ofirratti galchedha.

Injifannoo kana hordofee Arsenaal qabxii 68 qabachuun Liivarpuul tokkoon caaluun, jalqabarra taa'eera. Liivarpuul ammoo Kamisa galgala sadarkaa dhumaarra kan jiru Shefiild wajjin taphatu.

Arsenaal tapha kanaan qabxii callaa miti kan argate, garaagarummaa gooliis gara 48'tti guddiseera. Liivarpuul 40 ennaa qaban, Maanchistar Siitii ammoo 38 qabu.

Tarii kun dhuma bara taphaarra Arsenaal fayyaduu malaa?

Hatiriikii Fiil Foodaniin Siitiin irra aanan

Da Biruuyinaa fi Halaand hin jiranii? Maal rakkoo qabaree, Fil Foodan jira.

Tapha Roobii galgalaa Maanchistar Siitii fi Aston Viilaa jidduun, Fil Foodan gooliiwwan babbareedoo sadii galchuun hatiriikii hojjete.

Kanaanis Siitiin morkii waancaa Arsenaalii fi Liivarpuul wajjin itti jiru daran cimseera.

Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa taphattootasaa itti abdatu Erling Halaand fi Kevin da Biruuyina, tapha Arsenaal wajjin Dilbata taasisan booda taphicha hin jalqabsiisin hafe.

Tahus miidhamaan kan rakkachaa jiran Viilaa dhukkee irraa kaasaniiru.

Taphattoonni Siitii colleen hiriiruu baatanis, Fodan gahumsa ajaa'ibaan sadii galchuun, gooliiwwan barana galche 21 gaheera. Goolii takkittii hafte ammoo taphataan isaanii sarara jidduu Rodrii galchuun, 4-1 obba'e.

Tapha Dilbataa Arsenaal wajjin taasisaniin Siitiin carraalee hedduu otoo hin argatin taphicha obbaasan. Haa ta'u malee Aston Viilaan gahumsa agarsiisa jedhame otoo hin argamsiisin hafan. Foodanin to'achuu tasumaa hin dandeenye, gurbaan qaxaleen kun guddoo itti cime.

"Ammatti kubbaa miilaa guddoon itti bohaaraa jira. Gammachuu qabaadhee taphachuun, garee koos qarqaaraan jira," jedhe Foodan taphaan booda.

"Dandeettii goolii lakkoofsisuu akkan qabu nan beeka, kanas har'a mul'isuu kootti guddoon gammade."

Morkiin Pirimeer Liigii guyyaadhaa guyyaatti daran ho'aa deemeera - kilaboota sadarkaa oolaanuurra taa'an jidduu garaagarummaan qabxii jiru daran bicuudha.

Xumura bara taphaa kana eenyutu mirgaan gala?