Puutiin Yukireeniin injifachuuf abjuun qaban jalaa miliqe

Maxxanfame

“Dhugaan nu waliin jira, dhugaan jabina keenyas!” Vilaadmiir Putiin kutaalee Yukireen afur gara Raashiyaatti dabalamuu isaanii ilaalchisuun sagantaa torbee darbe qophaa’e irratti haasaa Addabaabayii Diimaa irratti taasisanidha.

“Injifannoon kan keenya ta’a!”

Haala qabatamaa jiruun garuu dhimmichi waan addaati.  

Inumayyuu wayita foxxoquu kutaalee seer-maleessa kana mallatteessaa turanitti, humnoonni Yukireen bakkeen Raashiyaan qabatte seenaa turani.

Dhiironni kumaatama dhibbaan lakkaa’aman waraana babal’achaa dhufe kanarratti hirmaachuu jalaa miliquuf Raashiyaa keessaa baqachaa jiru.

Adda waraanaa irrattis haalli jiru babbadaa waan dhufeef, jalqaba lola kanaa irratti maqaa “Yukireeniin Naazii irraa baraaruu” jedhu kan itti kennan ta’us, ammarra “Birmadummaa keenya eegsisuuf lola guutuu biyyoota Lixaa waliin taasifnudha” jechuutti ka’aniiru.

Sirnuma ofiisaatiin miidhamaa ta'u

“Waan dhugumatti ta’aa jiru argaa hin jiru,” kan eediitarri ‘Riddle Russia’ Antoon Baarbaashin haala Puutiin keessa jiran irratti barreesseedha.

Namni guyyaa har’aa ganna 70 guutaniifi angoorra ganna 20’f turan, sirnuma mataasaaniitiin nyaatamaa waan jiran fakkaatu. Haalli bulchiinsa abbaa irree qaban, odeeffannoo basaasaa gaarii akka hin arganne isaan taasisaa jira.

“yoo waan isaan yaadaniin ala itti himame fudhatama waan hin qabneef, basaastonni dhugaa jiru dubbachuuf nisodaatu,” jedhu xinxaaltonni dhimmicha dhiyootti hordofan.

Haasofti Kireemliin keessatti taasisanis seera haaraa addunyaa kan labsan turani.

Raashiyaan kan tuqamtu akka hin taane, biyyoonni Lixaa kabajuu akka baratan kan taasiseefi, Yukireen irra deebiin Mooskoof jilbeenfachuu ishee kan lallabedha.

Loltoota haaraa argachuu dhabuu

Jalqaba waraana kanaarraa hanga yoonaatti maqaa “Oppereeshinii addaa” jedhuun kan waaman Puutiin, ammarra humna namaa hedduu fayyadamuutti fuula naanneffataniiru.

Lammiileen Raashiyaa duraan kallattiidhaan miidhaan irra hin geenyeefi waraana kana deggaraa turan, ammarra balbala isaanii yoo rukutu lakii jechaa waan jiran fakkaata.

Bulchitoonni naannolee biyyattiis kootaa isaaniif kenname guutuuf, haala “Bulchiinsa Sooviyat” fakkaatuun loltoota barbaacha asiif achi fiiguutti jiru.

Akka Antoon Baarbaashin jedhutti “Lammiilee Raaashiyaa hedduuf lolichi torbanoota muraasa dura eegale, jalqabarra namoonni du’aa turan warreen qarqara biyyattiifi magaalota xixiqqoo keessa turan keessaayyu. Amma garuu saanduqni reeffaa gara Mooskoofi Seenti Piitarsibargitti dhufuu eegala.”

‘Salphumatti haalli babbadeera’

Akka viidiyoowwan fi suuraaleen warreen gara adda waraanaatti geeffamanirraa miidiyaalee hawaasaa irratti ba’aa jiran mul’isanitti, loltoonni haala badaa keessa jiraachuu mul’isu.

Meeshaalee waraanaa moofaa, wal’aansa yaalaa sadarkaa hin eegganne agarsiisu. Haadholiin warraa loltoota adda waraanaarra jiran, meeshaalee qulqullina laguuf itti fayyadaman loltoonni madaa akka itti yaalaniif ergaafii jiraachuutu mul’ate.

Akka bulchaan naannoo Kuuriski jedhanitti ammoo, sadarkaa uffata dambii dhabuurraa kaasee, haalli jiru gaarii miti. Odeeffannoowwan akkasii ba’uun ammoo, yaada Vilaadmiir Puutiin “Humna waraanaa biyyattii haalaan gurmeessuun lammiileen fedhiifi jaalala Raashiyaa qaban kan keessatti hirmaatan taasiseera,” jedhu harkaa fashalsa.

 ‘Waraana eebbifamaa’ biyyoota lixaa waliin

Haasawa taasisan keessatti rakkooleen akka jiran kan eeran Puutiin, dadhabina Raashiyaaf biyyoonni Lixaa gargaarsa Yukireeniif taasisan sababa ta’uu himani.

Miidiyaaleen mootummaa lolli kun kaayyoo guddaa kan kaayyeffateefi “walumaagalatti Seexana waliin kan geggeeffamaa jiru” ta’uu lallabaa jiru.

Kuni Raashiyaaf akka biyyaatti turuuf carraa dhumaati jedhanii waan amananiif hanga meeshaa waraanaa nuukileraa fayyadamuutti ga’uu akka malaniifi, biyyoota Lixaas Yukireeniin gargaaruu irraa kanumatu isaan dhaaba jedhanii akka amanan dubbatu, xiinxaaltoonni.