Maanguddoon waggaa 93 fi sooreessi addunyaa yeroo shanaffaaf cidha godhatan

Musuroota lamaan

Madda suuraa, News Corp

Maxxanfame

Sooreessi abbaa qabeenyaa miidiyaalee hedduu ta'an Ruuparti Mardook sirna cidhaa Kaaliiforiyaatti gaggeeffameen yeroo shanaffaadhaaf gaahila dhaabbatan.

Maanguddoonni umuriinsaanii waggaa 93 kunis haadha warraasaaanii haaraa lammii Raashiyaa taate Eleenaa Zihukoovaa waliin kan gaa'ila shanaffaa dhaabbatan.

Maanguuddoon kunis abbaa qabeenyaa gaazeexoota bebbeekamoo akka Fookas Niiwus, Wool Istiriit Joornaal, Za Sanii fi Za Taayimsi jedhaman dabalatee abbaa qabeenyaa miidiyaalee gara biraa dhibbaan lakkaa'amanii yoo ta'an, qabeenya qulqulluu gara doolaara biiliyoona 20 ta'u akka qaban Foorbiis gabaasee ture.

Mardook gargaartuu saaniifi Ismiiz waliin walitti dhufeenya qaban waggaa tokkoon dura akkuma adda kutaniin, lammii Raashiyaa kan umuriin waggaa 67 waliin walitti dhufeenya jaalalaa eegaluu ibsanii ture.

Ruuparti Mardook haadha warraasaanii haaraadhaan kan wal baran qophii affeerraa haati warraasaanii duraanii kan lammii Chaayinaa, Weendii Deeng qopheessite irratti jedhameera.

Abbaan qaneenyaa lammii Awustiraaliyaa ta'an kunis ijoollee jaha godhataniiru.

Eleenaa Zihukovaa Maardookiin dura sooreessa Raashiyaa Aleeksaandar Zihukoovaa waliin gaa'ilaan jiraataa turte.

Eleenaan Aleeksaandar waliin intallii godhatanis haadha warraa abbaa qabeenyaa kubbaa miilaa Cheelsii, Abiraamooviichiif haadaha warraa turte.

Bara 1950mota keessa gara addunyaa daldalaa kan seenan Ruuparti Mardook, bara 1960mota keessaa UKtti gaazeexoota Niiwus of Za Worldii fi Za San jedhaman bituudhaan ture kan abbaa qabeenyummaa miidiyaa ta'u eegalan.

Itti aansuudhaanis gaazeexoota Ameerikaa beekkamoo Niiw Yoork Poostii fi Barruu wool Istireet dabalatee, dhaabbilee miidiyaa hedduu bitaniiru.

Ammaan tanas Ameerikaatti baayyina dowwattootaatiin sadarkaa tokkooffaarratti kan argamu Fooksi Niiwus bara 1996tti saaqan.

Mardook dhaabbatasaanii Niiwus Koorpas jedhamu jalatti kan bulfaman miidiyaalee dhibbaan lakkaa'aman bulchu.