Ameerikaan qabeenya Raashiyaa dhaalamerraa Yukireeniif doolaara bil 20 kennite

Baayidaniifi Zeleenskii

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ameerikaan Yukireeniif doolaara biiliyoona 20 kennite, kunis maallaqa qabeenya Raashiyaa dhaalamerraa argame dha.

Deeggarsi diinagdee kuni maallaqa waliigalaa biyyooti G7 doolaara biiliyoona 50 Yukireeniif kennuuf Waxabajji darbe waliigalan keessaati.

Maddi deeggarsaa qabeenyaa dhaalame tahuun uummata gibira kaffalurra Raashiyaan ''gatii waraanaa seeraan alaa akka kaffaltu godha,'' jedhan Ministarri Maallaqaa Ameerikaa Jaaneet Yeeleen.

Oduun kuni Baayidan pireezidantii haaraa filataman Donaaldi Tiraampiin bakka buufamuuf torbanooti yeroo hafanitti dhagahame. Tiraamp akkuma waajjira seenaniin waraana Yukireen akka dhaaban himaniiru.

Tiraamp deeggarsa maallaqaa Yukireeniif taasifamu qabeenyaa Ameerikaa duguuga jechuun bulchiinsa isaaniin deeggarsi itti fufuusaa shakkirra buusaniiru.

Minsiteerri Maallaqaa doolara biiliyoona 20 tahu gara Baankii Addunyaatti dabarsuu himeera, haala kanaan Yukireen achii baasuun fayyadamuu dandeessi.

Maallaqni Baankiin Addunyaa qabatu faayidaa waraanaaf ooluu hin danda'u.

Bulchiinsi Baayidan walakkaa maallaqa kanaa waraanaaf akka tahu barbaadus Kongireesiin raggaasuu akka qabu Rooyitars gabaaseera.

Waraana Yukireen deeggaruuf Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ebla darbe raggaasuun dura sababa wal-dhibdee siyaasaan harkifannaan ture.

Doolaarri biiliyoona 20 biyyattiif kennamu ''jalqaba deeggarsa murteessaa taheeti,'' kanaanis ''weerara irraa akka of ittistuufi,'' jedhan Yeelen ibsa Kibxata darbe baasaniin.

Raashiyaan erga Yukireeniin bara 2022tti weerarteen as qabeenyi jalaa dhaalame kan doolaara biiliyoona 325 tahu akkatti hojiirra ooluu danda'urratti Ameerikaan Gamtaa Awurooppaa dabalatee marii taasisaa turte.

Onkololeessa darbe biyyooti G7 dhala qabeenya dhaalamerraa argamu waggaatti doolaara biiliyoona 3 fayyadamuuf waliigalaniiru.

Gamtaan Awurooppaas haala wal-fakkaataa Yuroo biiliyoona 18 faayidaarra akka oolchu hime.

Doolaarri biiliyoona 50 ''tajaajila atattamaa, hospitaala akkasumas bu'uuraalee tajaajilaa biroo of eeguuf gargaaran,''Yukireen waaressuuf oola jedhan Yeeleen.

Maallaqni kuni humnooti Pireezidanti Zeeleniskii daangaarraa turan yeroo murteessaa bahuuf jedhanitti argame.

Moskoon baha Yukireen deebistee qabachaa kan jirtu yoo tahu Raashiyaa Kuursik- lafa humnooti Yukireen haleellaa bananittis akkasuma.