Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yeroon hojii baayyee jaalatamu itti gadhiisan ammaa laata?
Damee hojii jaallatan irratti erga waggoota dheeraa dabarsanii booda hojjettoonni tokko tokko hojiisaanii gadhiisuuf yeroon isaa ammaa laata? jechuun gaafii keesu.
Vaaneessaa Kaarpentier, dubartiin ganna 33, hanga yaadattuutti ijoollummaa ishee irraa eegaltee bineensota waliin hojjechuu barbaaddi turte.
Yuunivarsiitii keessatti barnoota fayyaa beeyladaa barachuuf qabxii hin gunneef ture. Garuu abdii hin kutanne, ogeettii fayyaa beeyladaa taatee leenji'uuf murteessite.
“Mudaa kan hin qabne ture,” jetti. Hojiishee jalqabaa damee kanarratti yommuu argattus, “Jireenya keessatti injifadheera,” jettee yaaddee turte.
Garuu utuu hin turiin hojiin isheen yeroo dheeradhaaf jaallattee abdataa turte akka isheen yaadde ta'e hin arganne.
Waahillan hojiishee amala hamaa qaban, abbootii bineensota manaas kan miidhaa geessisanii fi mindaa gadi aanaa kanfalan akkasumas sa'aatii hojii garmalee dheeraa ta'e hojjachiisanitu ishee qunname.
Rakkoolee jiran salphisuu yaaluunis kilinikaa keessa hojjettuufi ogummaa biraatti jijjiirte. Garuu dhimmi tokko yeroo furmaata argatu kan biraatu eegala.
''Yeroo tokko tokkoos ganama sa'aatii tokko irraa jalqabnee halkan walakkaa xumurra. Sana booda guyyaa ittaanutti sa'aatii tokkotti deebi'ee hojii galuun qaba ture,” jetti.
Waggootaaf hojii irraa yoom gara manaatti akka deebitu waan hin beekneef, karoora jireenya dhaabbachuuf qabdu dabalatee jireenyashee boodatti harkiiseera.
Dhumarrattis, hojii baayyee jaalaataa ture erga jalqabdee waggaa 13 booda, hojiishee dhaabde.
“Xiyyeeffannoo koo hunda hojiikoorra kaa'ee of dagachuu koon hubadhe” jette.
Amma baankii tokko keessatti akka to'attuu waliin dhahuu (fraud agent) taatee hojjetti. “Fageenyarraan waanan hojjedhuuf yeroo badaa akka kana duraa na mudate hin beekun.”
Isheenis bakka duraan hojjataa turteetti bineensoota kunuunsaa turtee dhiistee deemuun alatti, dheeggeettii fi beekkamtiin namoota biratti argattee hunda dhiifte baate. Waajjira amma itti hojii eegalteetti lakkoofsaan alatti akka haaraatti eegalu dubbatti.
Seenaan dubatii tanaa kunsi kan namoota hojii isaaniif jaalatan hedduu mudatuudha. Baay’een isaanii dameewwan jaallatan irraa hojii milkaa'aa ta'e hojjachuuf waggoota itti fudhateera ta'a. Sa’aatii dheeraafi haala rakkisaa ta’e keessas darbaniiru ta'a.
Garuu yeroo baayyee hojiiwwan namoonni akka malee jaalatan sana sababa rakkoowwan naannoo hojii, haala dinagdee yookiin dadhabbii itti dhagahamu irraa ka'uun, gaaffii yeroon itti damee hojii jaallatan sana gadhiisan ammaa laata? jechuun gaafachu eegalu.
Haala cimaafi yaaddoo jiraachuu
Hojii fedhii irratti hundaa’e hojjachuun nama gammachiisuu danda’a. Ta'us hojii hojjachuuf hawwiitu hordofuun hammam gammachiisaa ta'uu danda'us, daandii kana fudhachuun miidhaa gurguddaa qabaachu danda'a jedhu ogeeyyiin.
Hojiiwwan jaalatamu hundi itti fufiinsa hin qaban. Sababni tokko hojjettoonni of kennanii hojjatan yeroo baay’ee kafaltii xiqqaafi baayyee hojjechau isaaniiti.
“Namni tokko hojii hojjechaa jiruuf hangasitti kan of kenne yoo ta’e, akka qaama eenyummaa isaa isa ijootti yoo ilaale, jeequmsa guyyaa guyyaa bakka hojii jiru ofii isaa wajjin waliigaluun rakkisaadha,” jetti Erin Seech, Yunivarsiitii Michigaan, US'tti pirofeesara gargaartuu hawaasummaa kan taate.
Hojjettoonni akkasii sa’aatii dabalataa hojjechuufi hojii dabalataa hojjechuu qofa osoo hin taane, “kufaatii hojii isaaniirratti dhufuu dandamachu bira darbuuf fedhii qabaachuu,” akka danda’an ibsiti.
Kun yeroo hojjettoonni garmalee of kennanii hojjetan carraaqqii dabalataa isaaniitiif beenyaan haqa qabeessa ta'e waan hin arganneef gara ofi qabuutti geessuu danda'a jetti.
Haalli akkanaafi dhiphina yaaddoo wabii hojii industirii tokko tokko keessatti mul’atu dabalatee, hojjattoonni tokko tokko hojii fedhii isaanii dhiisanii hojii biroof akka yaadan taasisaa jira.
Yeroo hunda hojii dhiisuun rakkisaa ta'us Seech akka jetutti, hojii tokko dhiisuun keessumaa eenyummaan hojjettootaa hojii jaallatan waliin yeroo wal-xaxaa dhiphina guddaa fiduu danda'a.
“Ergasii hojii sana yoo dhiifte, ykn dhaabbatichi akka tasaa yoo bade, qaama ijoo eenyummaa jettee yaaddu dhabuudhaaf balaadhaaf saaxilamta, kunis baayʼee nama gaddisiisu dandaʼa,” jetti.
“Yeroon hojiikoo namootatti himu baayʼeen boona ture. Yeroo itti hubadhu garuu baayyee cimaa ta'usaan hubadhe,'' jetti Kaarpeentiyer.
Kaarpeentiyer dadhabbiin itti dhagahamus, hojii dhiisuuf kan yaadde garuu wayita hogganaan ishee yeroo muraasa boqonnaa akka fudhattu yaada dhiheesse ture.
''Innis 'si dhabuu waanan hin barbaanneef boqonnaa haa fudhannu' naan jedhe, ani immoo guutummaatti dhaabuun murteesse,'' jetti.
Amma, Carpentier hojii amma hojjettu haasawatti ishee hin geessuu, kana booda qaama eenyummaa ishee akka ta'ee itti hin dhaga'amu. “Akkuma kompiitara koo cufeen xumurama.”
Yeroon hojii jaallannuu itti dhiisnu ammaa?
Haalawwan garaa garaa keessa ta'un, yeroon hojii jaallatan itti dhiisan yoom akka ta'e adda baasuun rakkisaa ta'u danda'a.
Hundaafuu, hojii waggootaaf hojjechun ijaarte tokko diiguun, miira hamaa keessa nama galchuu danda’a.
Kanaafuu yeroon hojii hawwii keessanii itti dhiiftan yoom akka ta'e akkamitti beektu laata?
Tarkaanfiin inni jalqabaa naannoo hojii ofii cimsanii ilaaluu fi itti fufiinsa qabaachuu isaa adda baasuu.
Seech hojjettoonni yeroo dabalataa hangamii akka hojjatan akkasumas mindaan isaanii hangam gahaa akka ta'e dammaqinaan akka hordofan yaada dhiheessiti.
Akkasumas waa'ee boqonnaasaaniif xiyyeeffannaa akka kennan yaada kenniti. Boqonnaa argatan isaaniif gahaa?
“Sababii ifaa ykn dhokataa ta’een hojii hojjettu irraa boqonna argachuu yoo dadhabde, sun rakkoo guddaadha,” jetti Seech.
Hojii kanaan booda bakka deeman qabaachuun murtoo kennuu keessatti tarkaanfii murteessaa ta’uu danda’a.
Kanatu shamarree ganna 30, Atlaantaa, Joorjiyaa keessa jiraattu Maagii Paakins barsiisummaa akka dhiistu gargaare.
Barsiisummaan hojii isheen umurii dargaggummaa ishee irraa kaasee jaallattee fi hordofuu barbaadde.
Baay’ee dadhabde bakka cabbii irra waan turteef tooftaa ba'uu ifa ta'e qabaachuu ishee mirkaneessite.
“Karoorrikoo waggaa tokkoof mana barumsaa biraa dhaqee hojjechuu ture, garuu sababii kunuunsaafi nageenya ijoolleen mirkaneessuuf dirqama qabuuf jecha fedhii koo sana guutuu hin dandeenye,” jetti.
Ta'ulleen hojii “barsiisuu jaallachuu dhiisee hin beeku. Naannoon sun baayʼee fayya-dhabeessa taʼuusaa waanan hubadheef, isa irraa fagaadhee deemuun akka narra jiru hubadhe,” jetti attamiin murtee irra akka geesse yoo dubbattu.