Namichi daa’ima ganna afurii hate hidhaa waggaa 13’n adabame

Maxxanfame

Namichi Lixa Awustiraaliyaatti daa’ima ganna afurii hate hidhaa wagga 13 fi ji’a jahaan adabame. Daa’ima kana iddoo maatiishee wajjin bashannanaaf buufatanii turan irraati hate.

Teraans Keeliin nama ganna 37 yoo tahu daa‘ima Kiliyoo Ismiiz jedhamtu dunkaana maatiishee lafa bashannanaa ture keessaa 2021tti hate.

Sakatta’a poolisii baayyee fi guyyaa 18 booda Kiliiyoon mana Keeliin, mana maatiishee irraa daqiiqaa tokko qofa adeemsisutti lubbuun argamteetti.

Keeliin boodarra qabamee daa’ima kana haatuusaa amanuun xiyyeeffannoo addunyaa argatee ture.

Yeroo murtoon adabbii Mana Murtii Peerzitti kennamu, daanyaan olaantuu Juulii Weejar yakki kuni, ‘’baayyee cimaa ture’’ jetteetti.

Keeliin dhiifamaan gadhiifamuuf ulaagaa guutuun dura waggaa 11f mana hidhaa turuun irra jiraata.

Dhaddachi, akkatti Keeliin daa’ima ganna afurii guyyaa 18f mana ciisichaa balbala alaan cufamu keessa kaa’ee ture dhaggeeffateera.

Sagalee raadiyoo ol kaasuunis sagaleen daa’ima haadhashee waammattu akka hin dhagahamne gochuunsaas mana murtiitti himameera.

Maatiin Kiliyoo miidhaa namni kuni nurraan ga’een, ‘’jireenyi keenya jeeqame’’ jireenyi egeree daa’ima isaanii gaarii akka tahus amanu.

Kiliyoon callisaan fudhatamte

Kiliyoon lafa bashannanaa mana maattisheerraa gara Kaabaatti konkolaataan sa’atii tokko adeemsisutti maatiinshee dunkaan buufatanii basha’aa turan wajjin turte.

Haadhishee yeroo dhumaaf kan ishee agarte halkan qixxee kaatee bishaan dhugaatii yeroo gaafattu ture. Barii haatishee Kiliyoon firaashii irra raftu wajjin baduu ishee hubatte, balballi dunkaana keessa rafaa turtes banaa ture.

Keeliin halkan keessaa sa’atii 08:40-10:40 gidduutti badaa otoo hin shokoksiin fudhatee deemee jedha hogganaan Abbaa Alangee Lixa Awustiraaliyaa Roobart Oween.

Dhimma kana sakatta’uuf poolisoonni 100 ol bobba’anii turan.

Sakatta’a booda lakkoofsa moobaayilii tokkotu sa’atii Kiloowiin butamte sanatti naannnoo bashannana sana turetu bira ga’ame.

Mobaayilii kana faana bu’uun poolisoonni mana Keelii gahanii daa’ima mana ciisichaa keessatti itti cufame argatan.

Daa’imni yeroo argamtu seeqaatuma poolisotatti of himatte. Keeliinis daa’ima kana fudhachuusaatti akka gaabbu poolisiitti himuun, achi ishee tursuu akka hin feenes dubbate.

Keeliin yeroo ijoollummaa ofii miidhama keessa kan darbe yoo tahu, dhukkuba sammus akka qabu manni murti dhaggeefateera.

‘’Addunyaa abjuu’’ uumuun jireenya isa dhugaarraa of eeguun jiraachuuf yaala ture. Qoricha sammuu namaa hadoochus fayyadama ture.