Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namicha Dodolaatti daa'ima umrii lamaa ajjeesee hidhaa ganna 25'n adabameerratti ol iyyannoon gaafatame
Manni murtii Godina Arsii Lixaa namticha haaloo bahannaaf daa’ima ganna lamaa butee maallaqa gaafatee boodarra haala sukanneessaan ajjeese hidhaa cimaa waggaa 25’n adabe.
Ajjeechaan daa'imaa kuni hawaasa guddoo mufachiiseera.
Abbaan Alangee yakkamaan du’aan adabamuu qaba jechuun ol iyyannoo akka gaafatan BBC'tti himaniiru.
Namni yakkaa kana raawwachuun murtoon balleessaa itti murame Izaddiin Kamaal jedhama.
Arsii Lixaa Aanaa Dodolaarra daa’ima ganna lamaa warra jalaa butee haala sukanneessaan ajjeesuun himatamee yakkamaa ta'e.
'Nama jaaladhu na dhabsiise,' jedhee daa’ima ajjeese jedhan Abbaan Alangaa.
Ajjeechaa kana hordofee Manni Murtii Godina Arsii Lixaa guyyaa Roobii ALI Bitootessa 20, 2015 hidhaa cimaa waggaa 25 itti mureera.
Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa kan ta'an Obboo Jaarsoo Kadir, adabbichi ni xiqqaate jedhanii mormuun oliyyannoo gaafachuu BBCtti himaniiru.
‘‘Du’aan akka adabamu gaafanne,‘‘ jedhan.
Manni murtii garuu yaada adabbii salphisuuf lama dhiyeesse; himannaa yakkaa biraa dhabuu fi yakka raawwachuu amanuusaati jedhan.
Obboo Jaarsoon Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti iyyannoo dhiyeeffachuu himan.
Maaliif gahaa akka hin taane jedhanii amannaan wayita himan, haalli yakkichi itti raawwatame daa’ima ugguree hanga ajjeesutti sukanneessa ture jedhan.
Namni daa’ima butee ajjeesuun himatame Izaddiin magaalaa Dodolaatii warra jalaa daa’ima fuudhee wayita miliqu ''abbaa isaa biran geessa,’’ jedhe fuudhee deemuu poolisiin ibseera.
Sana booda gadhiisuuf birriin kuma 100 akka kaffalamuuf gaafataa ture, guyyoota lamaan booda haala sukanneessaan daa’ima ajjeese.
Daa’ima kana 'cicciree boolla awwal diigeessatti gate' jedhan Obboo Jaarsoon.
Kanaaf gochaa isaarraa ka’uun duraanuu amala gaarii qaba jedhanii akka hin amanne kaasan. Haala kanaan adabbiin hir'achuu ibsuun ni mormu.
'Naman jaaladhu na dhabsiise'
Akka Abbaa Alangee jedhanitti, daa’imni ganna lamaa kun haaloo bahannaaf ajjeefame.
Izaddiin Kamaal‚ abbaa daa’ima ajjeefame kanatu jaalallee koo na dhabsiise jedheetu daa’ima buute ajjeese jedhan Obbo Jaarsoon.
''Abbaan daa’ima kanaa jaalallee kiyyaan addaan na baase, akkuma naman jaaladhuu na dhabsiifte, anillee nama jaalattuun si dhabsiisa,'' jedhee daa’ima ajjeese jedhan.
Qondaalli Poolisii kana dura BBC akka himanitti, Izaddiin daa’ima butee guyyoota kudhaniin booda harka isaa poolisiitti kennatee ture.
Izaddiin rakkoo sammuus hin qabu jedhan abbaan alangee.
Yakka kana itti yaade waan raawwateef wayita murtiin itti murame miirri gaabbii itti hin dhaga’amne jedhan.
Waggoota lamaan darban keessatti taatee kanaan walfakkaatu naannichatti raawwatamee akka hin beekne BBC'tti himaniiru.
Yeroo dhiyoon asitti daa'imman uggaranii gadhiisuuf maallaqa gaafatan Itoophiyaa naannolee gara garaa keessatti dhagahamaa jira, hawaasa keessattis yaaddoo uumeera.