Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maatiin daa’ima isaanii waggaa torbaaf manatti dhoksan qoratamaa jiru
Haadhaafi akkoowwan daa’ima waggaa saddeetii daa’ima waggaa torbaaf dhoksaniiru jedhamuun qoratamaa jiru.
Fulbaana darbe erga bilisa baateen booda daa’imni kuni amma kunuunsa daa’immanii jirti.
Qondaaloti eegumsa hawaasaa akka jedhanitti daa’imni kuni gochaa guyyuu sasalphaa gulantaa mana yaabanii bu’uullee ni rakkatti.
Gabaasoti Jarman irraa bahan akka jedhanitti daa’imni kuni dirreefi bosona waan jedhamu ijaan argitee hin beektu.
Haati daa’ima kanaa Jarman gadhiisanii Xaaliyaanii jiraachaa akka turan sobaan qondaalotatti himteetti jedhu.
Manni lixa Jarman Ateendorn Saaworlaanditti argamu manneen kaanirraa adda miti.
Tahus keenyan halluu adii dibame duuba, haadhaafi maatiin daa’ima waggaa torbaaf addunyaarraa dhoksanii ugguranii kaa’aniiru jedhan abbootiin alangaa biyyattii.
Yeroo kana keessatti daa’imni kuni nama biraa argitee hin beektu, mana barumsaa adeemtee hin beektu, gara alaas baatee hin beektu shakkii jedhu qabu.
Miidhamni qaamaa irra gahuufi hanqina nyaataa akka qabdu ragaan arganne hin jiru jedhaniiru.
Hogganaan waajira eegumsa daa’immanii, Mikaa’el Faarbar, dubbisuufi herreega hojjechuu dandeessi tahus dalagaa guyyuu raawwachuuf ni rakkatti jedhan. ‘’Kuni akkamiin tahe kan jedhu ni ilaallas,’’ jedhaniiru.
Yeroo ammaa nama ogummaa xiinsammuu daa’imaanii qabuun kunuunfamaa jirti. Waldaa Eegumsa Daa’immanii Jarmanirra ogeessi tokko,’’Daa’imni kuni amma addunyaan itti bitaacha’eera. Akka nama pilaaneetii biraa irra jirtuutii,’’ jedheera.
Ammatti abbootiin alangaa maaltu-akkamiin uumame kan jedhu baruuf yaalaa jiru. Haatiifi maatiin hamma ammaatti dhimma kanarratti callisaniiru jedhan.
Haatahu malee, haati daa’imaa abbaa mucaashee, dahuun dura adda baateerraa dhoksuuf manatti dhoksaa turte tilmaama jedhu qabu.
Abbaan daa’imasaa akka hin argine dhorkite jennaan dhaddacha maatiitti himatee, bara 2016 akka mucaasaa guddisuuf murteeffameefi.
Yeroo sanatti abbaafi qondaaloti Jarman- haati daa’ima fudhattee biyyaa akka baatetti amanan.
Bara 2015tti akka gara Xaaliyaanii deemte itti himtee turte. Amma garuu abbootiin alangaa akka isheen biyyaa hin baaneefi daa’ima manatti ugguuruun akkayyaa wajjiin fakkeessaa jiraachaa turan jechuun amanu.
Magaalaa xiqqoo jiraataa 24,000 qofa qabu keessatti daa’imni otoo hin mul’atiin turuu hin dandeessu amantiin jedhu namoota bira jira.
Yeroo dhihootiin asitti qondaaloti eeruu argachuu jalqabanillee yeroo qoratan garuu ragaa qabatamaa tahe akka mana sanatti itti cufamee turte agarsiisu hin arganne jedhan.
Qorannoon dhimma daa’ima kanaa kan jalqabe haatishee Xaaliyaanii deemeera jettus biyyaa akka hin baane mirkanoofnaan daa’ima kana mana akkoosheetii argachuun danda’ame.
Haadhaafi akkawoonni daa’ima seeraan ala manatti hidhuufi miidhuun qoratamaa jiru. Kuni mirkanoofnaan haati hidhaa waggaa 10 dhaan adabamu dandeessi. Tahus hamma yoonaa himannaan baname hin jiru.