Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan TPLF, mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa balaaleffattee, mariif waamicha goote
Mootummaan Ameerikaa waraana Kaaba Itoophiyaatti deebi'ee hammaateen walqabatee gochoota TPLF, mootummaa Itoophiyaafi Eertiraa balaaleffachuun marii nagaaf waamicha dhiyeessite.
Dubbii himaa Itti aanaan Ministeera Haajaa Alaa US Vaadent Paatel ibsa kennaniin biyyi isaanii waraana Kaaba Itoophiyaa deebi'ee hammaateen yaadda'uu dubbatan.
Waraanni furmaata hin ta'uu kan jedhan Vaadent, Gaanfa Afrikaatti ergamaan Addaa US Maayik Hamar dhimmuma kanaaf Fulbaana 5-6'tti Itoophiyaatti imalanii aanga'oota mootummaa Itoophiyaa waliin mariyachuu dubbatan.
''Barbaachisummaa atattamaan waraana dhaabuu fi marii Gamtaa Afrikaan gaggeeffamutti deebi'uu irrattii Itti aanaa Ministira Muummee, Gorsaa nageenya Biyyaalessaa waliin mariyataniiru'' jedhan.
''Haleellaa TPLF Tigraayiin alatti raawwachaa jiru, haleellaa qilleensaa fi lafoo mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraan deebitee waraana keessatti hirmaachuu balaaleffanneerra.''
Dhaamsa kana Hameer hoogganaa Tigraayi Dabratsiyoon Gabramikaa'elitti himaniirus jedhan.
Waraana torbanoota lamaan darban deebi'ee hammaateen walqabatee humnoonni Tigraay naannoo Amaaraa keessatti Qobboo naannolee muraasa to'ataniiru.
Mootummaan Itoophiyaas irra deddeebiin naannolee sochii waraanaaf oolan ittiin jedhe qilleensarraan haleellaa jira.
TPLF dhiyeenya humnoonni Eertiraa fi Itoophiyaa waliin ta'uun gama Kaaba Lixa naannichaan haleellaa itti banuu himateera.
Aanga'oonni Itoophiyaas ta'e Eertiraa garuu hirmaannaa loltoota Eertiraa irratti himannaa dhiyaatu irratti deebii hin laanne.
'Galmi keenya duula dippiloomasii jabeessuudha'
Vaadent Paatel ibsa isaanii keessatti Gargaaraa barreessaa olaanaa dhimmoota Afrikaa kana ta'an Moolii Pee, ergamaa addaa Hameer fi dippiloomaatota US biroo waliin ta'uun qaamolee waraana kana dhaabsiiuuf gahee bahan biroo waliin marii akka gaggeessan dubbatan.
Qaamoleen isaan waliin mariyatanis Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa fi UK fa'a akka ta'an ibsaniiru.
''Galmi keenya duula dippiloomasii jabeessuun mootummaan fi TPLF duula waraanaa isaanii atattamaan akka dhaaban, Eertiraan ammoo daangaa Itoopiyaa keessaa akka baatu gochuudha'' jedhan.
Rakkoo mudateef waraanni fala hin ta'uu kan jedhu mootummaan Ameerikaa ''falli takkittiin jirtu qaamni hunduu karaa marii nagaa waan irratti waliigalan barbaaduudha'' jedha.
Waraanni itti fufuufi hongee mudateen miidhaa lammiilee Itoophiyaarra gahaa jiruun US yaaddahuu kan dubbatan qondaalli kun deeggarsa lubbuu baraaraa Itoophiyaaf taasistu akka cimsutis himan.
''US tokkummaa, walabummaafi kabajamuu daangaa Itoophiyaa'' ni kabajji jedhanii badhaadhinnii lammiileen biyyattii hawwaniifi isaaniif malus nagaa waaraan qofa argamaa jedhan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa tasgabbii ji'oota shanii booda torbee lama dura sababa qaamoleen lamaan quba walitti qabaniin eegale.
TPLF's ta'e mootummaan Itoophiyaa yaada marii nagaa akka fudhatan beeksisanis hanga ammaa mariin Gamtaa Afrikaan hoogganamu maalirra akka jiru wanti ifatti beekamu hin jiru.
Mootummaan Itoophiyaa haalduree TPLF kaahe ni morma. TPLF ammoo jaarsummaa Gamtaa Afrikaarraa gaaffii qaba.