Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhuguma loltootni Eertiraa, Tigray galuun waraanaa jiruu?
Waraana Kaaba Itoophiyaa ji’oota shaniin booda irra deebiin akka haaraatti jalqabe keessatti loltootni Eertiraa hirmaachaa hin jiran jedhan UKtti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Ambasadar Tafarii Mallasaa Dastaa.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti gaggeeffamaa ture ji’a shaniif dhaabbachuun qaamoleen lamaan gara mariitti dhufu jedhamee osoo eegamuu irra deebiin erga jalqabee torbanotni darbaniiru.
Waraanni kun irra deebiin jalqabuun dhiyeessii deeggarsa namoomaa gara naannichaatti tahu danqeera.
Ambaasadar Tafarii Mallasaa Dastaa turtii BBC News Hour walin taasisan irratti mootummaan Itoophiyaa ejjennoo marii nagaa gaggeessuf qabu hin jijjirre jedhan.
‘’Deeggarsi namoomaa guyya guyyaan dhiyaachaa ture. Balaliin gara Maqaleetti taasifamu guyya guyyaan gaggeeffama ture.
‘’Deeggarsi akka nyaataa fi qorichaa dhiyaachaa ture. Tarkaanfiileen kunneen nagaa buusuuf yaalii mootummaan godhe agarsiisu. Ta’us hin milkaa’iin hafan,’’ jedhan.
Ameerikaa, UN fi Gamtaan Awurooppaa qaamoleen lamaan warana dhaabuun gara adeemsa marii nagaa jalqabameetti akka deebi’an gaafataniiru.
Tibbana Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US kan tahan Maayik Haamer, daawwannaaf Itoophiyaa galaniiru.
Daawwannaa isaanii kana irratto odeeffannoo bal’aan bahe hin jiru.
Garuu Ambasadar Tafariin, Maayik Haamer dabalatee ergamoonni addaa UK fi Gamtaa Awurooppaa kana dura Itoophiyaa deemuun TPLF gara marii nagaatti akka deebi’uuf dhiibbaa gochaa turan jedhan.
Ammas kanumatti jiru kan jedhan Ambasadarichi, ‘’ mootummaan Itoophiyaa TPLF waliin yoomiyyuu taanaan bakka barbaachisutti haal-duree tokko malee mari’achuuf qophiidha,’’ jedhan.
Eertiraa Waraana Kaaba Itoophiyaa marsaa lammaffaaf
Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa humni waraanaa Itoophiyaa humna waraanaa Eertiraa wlaiin tahuun warana akka isaan irratti bananii jiran fuula Tiwiterii isaanii irratti barreessaniiru.
Gama mootummaa Itoophiyaan waa’ee loltoota Eertiraa waraanicha keessatti hirmaachuu waanti jedhame hin jiru.
UN fi Ameerikaan mootummaan Eertiraa irra deebiin daangaa Itoophiyaa seenuun warana kana irratti hirmaachuu hin qabu jedhaniiru.
Ambasadar Tafariin loltootni Eertiraa warana kana keessatti hirmaachaa hin jiran jedhan.
Dabalataan himata loltootni Itoophiyaa daangaa Eertiraa keessa buufachuun humnoota TPLF waliin wal waraanu jedhamu, Ambasadar Tafariin, ‘’Eertiraan biyya walaba taatedha. Biyya ollaa keenyaati. TPLF waliinis seenaa mataa isaanii qabu.
‘’Akka seera idil-adunyaatti daangaa waliin qabnu eeguuf itti gaafatamummaa qabna.
Daangaa Eertiraa waliin jiru ammoo humnoota TPLF malee keenya miti kan to’ate jiru. Daangichi kan keenya garuu humni keenya to’atee hin jiru,’’ jedhan.
Pirezidaanti Isaayaas Afewarqii humnoota TPLF haleeluu akka barbaadan himama.
TPLF waraanicha keessatti hirmaannaa loltoota Eertiraa irra deddebiin himataa ture.
Ambasadar Tafariin ‘’bakka pirezidaanti Isaayas bu’ee dubbachuu hin danda’u.
‘’Hangan beekutti garuu gochaaa TPLF’n mufataniiru. Rokkeettii fi misaa’ela gara Asmaraatti dhukaasaa waan turaaniif, jedhan.
Waraana marsaa jalqabaa irratti mootummaan Itoophiyaa yeroo dheeraaf hirmaannaa loltoota Eertiraa haalaa turuun booda irra gadhiisanii akka bahan ibse.
Naannicha keessatti rakkoo kan tahe Eertiraa osoo hin taane TPLF kan jedhan Ambasadar Tafariin loltootni Itoophiyaa daangaa Ertiraa keessa hin galle jedhan.
Loltootni Eertiraas daangaa Itoophiyaa keessa hin jiran. Mootummaan Itoophiyaa daanga isaa eeguuf itti gaafatamummaa qaba. Garuu karaa daangaa Eertiraa maaltu akka tahaa jiru hin beeknu jedhan.
Dhukaasa dhaabuu ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa ofirraa ittisaa jira malee waraana isaan irratti banee hin jiru.
Mootummaan ammayyuu TPLF gara marii nagaatti akka dhufuuf waamicha gochaa jira jedhan.
Gama biraan ammoo dooniin Itoophiyaaf qamadii feetee Yuukireenii baate biyya geessetti.
Itoophiyaan gama tokkoon waraana Kaaba biyyattiitti sadaasa bara 2020 jalqabeen gama biraan ammoo sababa waraana loltoota ABO-WBO Lixa Oromiyaa fi Kibba keessa socho’aniin rakkoo nageenyaa guddaaf saaxilamteetti.
Waraanni Kaaba biyyattiis gara naannolee ollaa akka Amaaraa fi Affaaritti babal’achuun lubbuu kumaatamootaa galaafatee miliyoonaan ammoo qe’ee irraa buqqiseera.
Mootummaan Koree Nagaa hundeessuun Gamtaa Afrikaa jalatti TPLF waliin karaa nagaa marii gaggeessuuf sochii gochaa ture.
Mariin kun osoo hin milkaa’iin waraanichi marsaa biraaf jalqabuun isaa ammoo dhiyeessii deeggarsa namoomaa irratti yaaddoo uumeera.
Manni Maree nageenyaa UN Kora gaggeessuuf jedhu irratti dhimma Itoophiyaa ajandaa isaa keessa galfata jedhamee eegama.