Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni deebii’e ka’e naannicha akka hin jeeqine dhaabachuu qaba jedhe Komishiniin Mirga Namoomaa UN
Komishiniin Mirga Namoomaa idil-addunyaa kan sarbamoota mirga namoomaa waraana Itoophiyaa keessa adeemuu qoratuufi Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtomaniin hundeeffame, waraanni Kaaba Itoophiyaa deebii’ee eegale biyyoota naannoo akka hin jeeqneef tarkaanfiin fudhatamu qaba jechuun akeekkachiise.
Komishinichi nageenya lammiilee mirkanneessuu fi waraanichi caalaa babalachuun naannicha akka hin jeeqneef manni maree nageenyaa UN tarkaanfii akka fudhatuuf gaafate.
Komishinichi ibsa kaleessa Fulbaana 7, 2022 baaseen, manni marichaa haaluma chaartarii nageenya lammiilee mirkanneessuufi walitti bu’iinsa naannicha keessa babalachuun caalaa jeequu danda’u to’achuuf baaseetiin tarkaanfii akka fudhatu gaafate.
Kana malees waraanichi yaaddoo gara biyyoota biraatti babalchuu akka itti uumees ibseera.
Haaluma yaaddoo waraanichi nageenyaa fi tasgabbii naannicha irratti qabaatuun, Manni Maree Nageenyaa UN atattamaan dhimma Itoophiyaarratti mari’achuun murteessuu haala gaariin akka ilaalu ibseera.
Yaaddessaa tahuu dhimma kanaa tilmaama keessa galchuun manni marichaa haalota Itoophiyaa fi Afrikaa ajandaa ijoo gochuun akka itti fufsiisu koomishinichi yaadachiiseera.
Lolli mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduu akka haaraatti jalqabuun akka isa yaaddesse kan hime ibsi koomishinichaa loltoonni Ertiraas waraana kana irratti hirmaataniiru jedheera.
Koomishinichi qaamoti wal-waraanan lola akka dhaaban, dirqama namoomaa seerri addunyaa ajaju akka kabajaniifi waraana kana nagaan goolabuuf mariitti akka dacha’an irra deddeebiin waamicha dhiyeesseera.
Labsii dhukaasa dhaabuu booda baatii shaniif waraanni gabii argatee ture, Hagayya 18/2022 A.L.I deebi’ee jalqabe, adda garagaraa irratti waraanni jiraachuu gabaafamaa jira.
Guyyaa kaleessa waraanni Ertiraa adda waraanaa Raamaa, Tsoranaa, Zaalambassaa fi Daalolitti haleellaa raawwachaa jira jechuun dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachaw Raddaa dubbataniiru.
Dabaluunsi naannoo Addigiraatillee waraanni meeshaa gurguddaadhaan guyyaa guutuu haleellaa oole jedhan.
Torbee tokko dura waraana Itoophiyaa fi Ertiraa dhaan lixa Tigraayiin kallatti afuriin haleellaan nurratti banameera kan jedhan Obbo Geetaachaw torbee lamaaf adda kanarratti waraannni akka itti fufe guyyaa kaleessaa fuula Tiwiitarii isaanii irratti barreessaniiru.
Kana ilaalchisee gama Ertiraan waan jedhame jiraachuu baatus kara mootummaan Itoophiyaan garuu kara Sudaan kallattii lixaa biyyattii daangessituun TPLF kallattii adda addaan waraana babal’isaa jira jechuun himatee ture.
Koominikeshiniin mootummaa ibsa torbee dura baaseen humnoonni TPLF kara lixaan waraana kan banan, bahaan kara Qobbooo haleellaan banan akka fedhan gatii hin milkoofneefi jedheera.
Lola kana akka haaraatti jalqabuun qaamoti wal-lolan kan quba walitti qaban yoo tahu, dhaaboti idil-addunyaafi mootummoonni lola dhaabanii mariif akka taa’an waamicha dhiyeessaa jiru.
Waraana torbee lamaa ol lakkoofsiseen magaalli guddoo Kaaba Walloo Qoobboo to’annoo warra TPLF jala kan kufte yoo tahu, adda waraanaa biroo irrattis waraanni taasifamaa akka jiru ni himama.
Waraanni Onkololeessa, 2020 Naannoo Tigraayitti jalqabee gara Amaaraafi Affaarritti babal’ate lubbuu namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman kan dabarse yoo tahu, lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaaniirra buqqa’uu dabalatee rakkoo namoomaa wal-xaxaa qaqqabsiiseera.
Gama qaamota lamaaniin labsiin dhukaasa dhaabuu erga waliigalteerra gahameen booda waraanicharraa gabiin argamus hanqinni boba’aa akkasumas bilbila, bishaan, ibsaafi baankii addaan citanii otoo hin deebi’iin hafuun jiraattota qormaataaf saaxilamuu isaanii dhaaboti tola-ooltummaa ni himu.
Waraanni waliinii waggaa lama guutuuf baatiin muraasni hafu kana mariidhaan goolabuuf Gamtaa Afrikaa dabalatee, Gamtaa Awurooppaa fi biyyooti garagaraa tattaafachaa turan.
Qaamoti lamaan mariif qophii tahuusaanii fi koree isaaniin bakka bu’ee marii’atu hundeessuu isaanii ibsanillee waraanni akka haaraatti jalqabe garuu adeemsa nagaa kana balaaf saaxileera.