Kilebni Yuutubarii beekamaa taphataa sarara duraa gochuun taphachiise qeeqame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Kilebni Arjentiinaa Dippoortiivoo Riisteraa jedhamu Yuu Tuuberii beekamaa taphataa sarara duraa gochuun galchuun qeeqame.

Namni Ivaan Buhaajeeruk jedhamu miiidyaa hawwaasaa You Tube irratti nama hedduu beekamu yoo tahu, tapha kilebni Dippoortiivoo Riisteeraa, Veleez Saarsifiildi waliin taasise irratti hiriiree taphateera.

Taphni jalqabee sekondii 59 keessatti garuu jijjiiramee bahe.

Taphni kun Wiixata halkan kan gaggeeffame yoo tahu qixa 1-1 xumurame.

Kilebni morkataan garuu ''kun kabaja nu dhowwachuudha'' jechuun You Tuber kun taphachuu isaa qeeqe.

Namni hojii You Tube isaan beekamu kun gonkuma ataphataa kubba miilaa miti. Dandeettii isaas hin qabu. Garuu ji'a Guraandhala darbee keessa kilebni magaalaa Boones Eerisitti argamu Dippoortiivoo Riisteraa kontiraata dhiyeesseefii waliigalan.

Buhaajeeruuk dargaggeessa ganna 24ti. Namni kun You Tube isaa irratti maamiloota miliyoona torba caalan qaba. Beeksisa dhugaatii aannisaanis beekama.

Dhaabbanni dhugaatii aannisaa gurguru ammoo ispoonsera hidhannoo ispoortii kilebichaati.

Garee morkattootaa [kileba Velez] keessaa taphataan Biraayiin Roomeeroo jedhamu, ''kun kubba miilaaf kabaja dhabuu irraa dhufa'' jedhe.

''Waanti har'a tahe kun dhaloota haaraa kubba miilaa hanga dhumaatti taphachuuf yaalaniif ergaa gaarii hin taane dabarsa. Kun tasumaa tahuu hin qabu. Kubbi miilaa waan yeroo hundaa yaaltu, kuftee kaatee ammas irra deebiin yaaltee of cimsitudha,'' jedhe.

Gaazexaan Lan Nacion ''qaaniidha, kun abjuu dargaggoota heddu biyyattii keessaa irra ejjechuudha'' jechuun gabaase.

Warreen taphicha tamsaasaa turanis tarkaanfii kilebichi fudhate ''waan fudhatama hin qabne,'' jedhan.

Sababni isaa akkamittiin namni tokko dandeettii fi gahumsa kubba miilaa osoo hin qabaatiin beekamtii qabuun qofa carraa taphaa fi waliigaltee kileba tokko waliin argata jechuuni.

Taphataan duraanii Maanchister Yunaayitid, Cheelsii fi Arjentiinaa Huwaan Seebaastiyoon Veeroon, kan amma pirezidaantii kilaba Estudiyaantes de la Pilaataa tahe, ''kun kubba miilaa fi taphattoota kubba miilaaf kabaja akka hin qabne agarsiisa'' jedhe.

Federeeshiniin Kubba Miilaa Arjentiinaa dhimma naamusaan wal qabatu kana akka qoratu ibseera.

Leenjisaan kileba Dippoortiivoo Riisteraa, Kiristiyaan Fabiyaanii, raadiyoo biyyattii tokkotti akka himetti ani nama tokkoyyuu qaanessuu ykn kabaja dhowwachuuf kana hin goone jedhe.

Taphaan dura waan mudate leenjisaa garee morkataa Velez kan tahan Gustaavoo Kunteerositti himeeyyuu ni kolfe jedhe.

''Kun waliigaltee yeroo dheeraa dura mallattaa'edha. Isa kabajuuf jenneti. Kilebni keenya irra caalaa galii beeksisa irraa argamu irratti hundaa'a. Kanaaf jenneeti. Ammoo yeroo tokkicha waan mudatedha,'' jedhe leenjisaan kilebichaa.