Di Buruuyinaan yeroon turtiisaa wayita obba'aa jirutti Maanchistar Siitiif oolmaa guddaa oole

Madda suuraa, Rex Features
Keevin Di Buruuyinaa Itihaad irratti kanaan booda tapha sadi qaba. Kana jechuun deeggartoonni isaa lafaa olka'anii kabajaa fi jaalala isaaf qaban ibsuuf carraawwan sadi jiru jechuudha.
Tapha Siitiin duubaa ka'ee goolii 5 fi 2n Kiristaal Paalaasiin injifaterratti wayita inni Jeremii Dookuutiin jijjiiramee ba'u kabajaa fi jaalala itti agarsiisan sana jechuudha.
Carraawwan sadan kunneen taphatichaafis waan guddaadha. Yeroo itti deeggartootasaatti harka bal'isee galateeffatu, ijoollee taa'anii isa daawwataniif jaalala qabu mul'isuudha.
Turtiinsaa waggoota kurnaa obba'aa jira. Di Buruuyinaan gochaa fi jechaan Maanchistar Siitiif oolmaa guddaa ooleera.
Oolmaasaa kana xumurasaa balleessee deemuu akka hin barbaanne dubbate.
''Gareen kun qooda fudhattoota dorgommii Chaampiyoonsi Liigii ta'anii deemuun barbaada. Isaaniif mala waan ta'eef,'' jechuun BBC Match of the Day'tti hime.
Rakkoon jiru Di Buruuyinaan bara kana kubbaa bareedaadha jedhamu hin taphanne.
Kanaafidha kan Gaardiyoolaa fi daarektarri teeknikaa yeroonsaa xumuramaa jiru Tiksikii Begiristan, taphataa ganna 33 kontiraatisaa Waxabajjii 30 xumuramu kanaaf kontiraata dheeressuu didaniif.
Di Buruuyinaa lukasaatu dubbata
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Di Buruuyinaan nama sagalee ol kaasee iyyu ykn namatti dheekkamu miti. Akka dursaa taphattootaa Rooy Keen fi Paatriik Viyeeraa fa'aa miti.
Haalaa fi amallisaa kun taphattoonnisaa hojii gaarii akka hojjetan gargaareera.
Qaama jabaa fi ija jabina qabu fayyadamee miti kan inni waa sirreessuuf yaadu. Akka Istiivan Jeeraard miti.
Garuu waanuma hin jirre irraa waa uumuun beekama. Beekuma jabaa, karoora fi hojiirra oolchuun beekama. Carraa kaan hin argine dursee arguun taphataa beekamudha.
Waan karoorsee fi kilabasaaf barbaachisu hojiitti hiikuuf taphataa kutannoo olaanaa qabudha.
Gaardiyoolaan tapha Kiristaal Paalaas waliin taphatan booda eenyu Di Buruuyinaa bakka bu'uu akka danda'u wayita gaafatamu ''waan Keevin Di Buruuyinaa hojjete eenyullee hojjechuu hojjechuu hin danda'u,'' jedhe.
''Keevin dandeettii addaa qaba, mul'atisaa cimaa ture. Keevin kubbaa qabannaan taphattoonni fuuldura jiran fiiguunsaanii dirqama. Sababni isaa Keevin kubbaa sana akka dabarsu waan beekaniif,'' jedhe Gaardiyoolaan.
''Dursaa sagaleedhaan iyyu miti. Garuu waggoota saglan darbaniif torbeetti tapha sadi keessaa hafee hin beeku.''
Di Buruuyinaa fi Siitiin waliin turuu fi dhiisuun ammatti sirriitti hin baramne.
Eessa akka deemu hin beekamne, garuu Siitii faana waan turu miti.
Waa'ee egeree taphataa kanaa waan baayyeetu odeeffama. Kaan bakka taphataa gameessi addunyaa Liyoneel Mesiin jiru Intar Miyaamii waliin maqaasaa kaasu.
Garuu Di Buruuyinaaf eessa akka deemu fi eessa akka turu kan murteessu nama biraa miti.
Isatu tasgabbaa'ee murteeffata. Taphataan kun ammallee kubbaa miillaa keessatti waan gumaachu akka qabutti amana.
''Hanga yoonaatti deemsi ture salphaa miti. Garuu ji'oota darban miidhamarraa bilisan ture. Kun jijjiirama guddaa uumeera,'' jechuun TNT Sports'tti dubbate.
''Miirri akkamii akka natti dhagahamu hin beeku [tapha xumuraa irratti.] Waggoota dheeraaf as ture. Ijoolleen kiyya Maanchistar keessatti dhalatan. Yeroo dheeraafis as jiraatan. Isaaniif jijiiramni uumamu salphaa miti. Xiqqoo rifachuu danda'u.''
''Garuu yoon kubbaa taphachuus itti fufee, maatiin kiyyas gammachuu qabaatan rakkoo hin qabu. Itti aanee maal akka ta'u hin beeku, garuu kubbaa taphachuu ittan fufa. Kanaafuu mee garamitti akka ba'u nan ilaala.''












