Daa'imni miciree waggaa 30'f cabbaa'ee kaa'amerraa dhalate rikardii cabse

Madda suuraa, Getty Images
Daa'imni miciree waggaa 30'f cabbaa'e kaa'ame irraa dhalate rikardii cabse.
Daa'imni kun cimdiiwwan Ameerikaa bulchiinsa Ohaayoo irraa dhalate.
Dubartiin Liindisii jedhamtu umuriin ishee waggaa 35 tahee fi abbaan warraa ishee Tiim Piirsi kan ganna 34 tahe ilma argataniiru.
Maqaan ilma isaanii kanaa Taadiyoos Daani'eel Piirsi jedhama. Daa'imni kun Sanbata xiqqaa darbe kan dhalate yoo tahu, miciree waggaa 30'f tursiifame irraa dhalachuun rikardii haaraa qabateera.
Aadde Lindisiin akka MIT Tecnology Riview' barruu jedhamutti himtetti, ''maatiin ishee waanuma asoosama saayinsii keessatti beekamu isaanitti fakkaate.''
Micireen waggaa haga kanaa taa'uun daa'imni fayyaa qabu irraa dhalate hin jiru ture.
Kun rikardii qabachuu isaati. Kana dura rikardii kan qabate daa'imman lakkuu miciree bara 1992 kaa'ame irraa bara 2022 keessa dhalatanidha.
Kan ammaa yeroo muraasaan caalmaa qaba. Piirsi waggoota torbaaf daa'ima argachuuf yaalee hin milkoofne ture.
Kana irraa kan ka'e miciree Liindaa Archeed kan umurii ishee ganna 62 turee fi abbaa warraa ishee yeroo sanii irraa bara 1994 fuudhamee kaa'ame irraa dhala godhachuun guddifachuuf murteessan.
Micireen kun tajaajila yaalaan gadameessa haadha warraa Piirsi, Liindisii keessa godhamuun daa'ima kana deesse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1994 Archeed jalqaba miciree daa'ima tahuu danda'u afur kennite. Tokko intala ishee amma waggaa 30 taatedha.
Micireen ijoollee sadii kuusaa keessa tursiifamanii hafan.
Abbaa warraa isheerraa adda baatus, miciree kanneen akka badan gochuu hin barbaanne. Qorannoof yookiin maatii guddifachuu danda'uuf kennuuf yaadde.
Dubartiin miciree ishee gumaachuun akka maatiin kun daa'ima argatan taasifte kun itti dhiyeenyaan akka hordoftuu fi intala ishee amma waggaa 30 taate waliin walitti dhufan akka gootu himte.
Aadde Archeed miciree ishee kana kunuunsamee akka tursiifamuuf doolaara kumaatama wagga waggaan kaffalaa turte.
Erga dhaabbata guddifachaa Kirsitaanaa tokko argattee itti kennitutti kuusaa miciree kanaaf kaffalaa turte.
Dhaabbanni guddifachaa Kiristaanaa 'Nightlight Christian Adoptions' jedhamu sagantaa 'snowflakes' jedhamu gaggeessa.
Hojiin miciree kuusuu kun lubbuu oolchuudha jedhanii amanu.
Namoonni miciree gumaachan yeroo namni daa'ima godhachuu barbaadu dhufu eenyuuf akka kennamuu qabu amantaa, sanyii fi lammumma isaanii irratti hundaa'uun filachuu danda'u.
Filannoon Aadde Archeedis haadha manaa fi abbaa manaa Ameerikaa keessa jiraatan tahe.
Miciree isheerraa ijoolleen dhalatan akka Ameerikaan ala tahan hin barbaanne.
Maatiin miciree waggaa 30 tursiifame irraa daa'ima argatan kunneen rikardii cabsuuf osoo hin taane daa'imuma argachuuf akka yaadan himan.
Aadde Archeed kan miciree ishee gumaachuun daa'imni dhalate deemtee akka mucaa dhalate hin ilaalle himte. Garuu intala ishee waliin akka baay'ee wal fakkaatan suuraa argiteetti.












