Tigraayitti namoonni torban dura lolaan fudhataman ammallee barbaadaa jiru

Jaarsa balaa lolaarraa hafan

Madda suuraa, Aron Weldegebreal

Maxxanfame

Jiraatonni magaalaa Silahaalahaa kan Kaaba Tigraayitti argamtuu, torbee tokko dura rooba yandoo namoota 10 ajjeeseen booda kanneen achi buuteen isaanii dhabame ammallee barbaadaa jiru.

Jiraattonni magaalattii lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a jechuun yaadda’anis barbaacha isaanii garuu itti fufaniiru.

Te’aammee Woldegabrii’eel jiraataa magaalattii yoo ta'u, namoonni erga lubbuun isaanii darbee argamanii 10 awwaalamaniiru jechuun BBC'tti himeera.

Akka inni jedhutti, gaafa Waxabajjii 26 magaalattii yeroo lolaan irra yaa’u '‘namoonni baay'ee’’  fudhatamanii turan.

'‘Lolaan suuqiiwwan naannoo gabaa jiran barbadeesseera. Namoota achi turan baay'ees haree fudhate. Kanneen ammallee reeffi isaanii hin argamne jiru,’’ jedha Ta’aammen.

Jiraattonni biroo illeen manneen jireenyaa, gabaafi midhaan lolaa kanaan baduu himaniiru.

Naannoon Tigraay ammallee tajaajiloota bu’uuraa kanneen akka ibsaa baankii fi bishaaniin ala jirti.

Kanan malees Kaaba Itoophiyaatti namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman deeggarsi yeroo atattamaa akka isaan barbaachisu dhaabonni kanneen akka UN himaa bahan.

Gu’eesh Aragaay warreen yeroo lolaa gabaa turan keessaa kan lubbuun hafe isa qofa ta'uu hima.

"Yeroos namoota 25 turre. Ana qofaatu lubbuun hafe, warra kaan lolaan haree fudhate. Haadholiin lama ijoolleesaanii wajjiin gabaa turanillee lolaadhaa fudhatamaniiru."

Inni ammoo lubbuudhaan hafullee birrii 80,000 ta'u dhabeera jedhe namni kun.

"Yeroo ammaa homaa hin qabu, qullaatti hafeen jira," jedhe.

Taaddalachi Galaa ammoo lolaan fudhatamtus humnoonni naannoo sana turan ishee baraaruu himti.

Garuu waan qabdu hunda balaa kanaan waan dhabadeef, amma waan nyaattullee akka hin qabne himti.

Jiraattonni kunneen manneen isaaniirraa buqqa’anillee kan gargaarsaaf isaanii qaqqabe akka hin jirre himti.

Qondaaltonni Naannoo Tigraay dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa akka kennan gaafatamanis deebii hin kenninii hafaniiru.