Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hundeessaan Wikileaks Juliyaan Asaanj Ameerikaatti dabarfamee kennamuuf
Murteen hundeessaa Wikileaks Juliyaan Asaanj dabarsanii Ameerikaatti kennuu Ministira Dhimma Biyya keessaa UK Piriitii Paatel’n fudhatama argate.
Juliyaan Asaanj dhimma kanarratti ol-iyyannoo dhiyeeffachuuf guyyoota 14 akka qabus Waajjirri Ministeera Dhimma Biyya keessaa UK ibseera.
Manneen murti dhimmi Juliyaan Asaanj dabarsanii kennuu kun ‘’mirga namoomaa isaa kan sarbu,’’ ta’uu hubatanis, garuu Ameerikaa keessattis qixa sirrii ta’een kunuunsa barbaachisu argata jechuun yaada dabarsanii kennuu deeggaran.
Juliyaan Asaanj bara 2010 fi 2011 sanadoota iccitii Ameerikaa baasuun hanga yoonaa Ameerikaadhaan barbaadama.
Ragaaleen iccitii miliqanii ba’uun WikiLeaks maxxanse kunneen waraana Iraaq fi Afgaanistaan waliin kanneen walqabataniidha.
Lammiin Awustiraaliyaa Juliyaan Asaanj yeroo ammaa mana hidhaa magaalaa Landan keessatti argamu-Beelmaarsh keessa jira. Akka dabarfamee hin laatamneef guddoo ifaajeera.
Murtee ministeerri dhimma biyya keessaa murteesse kana boodas WikiLeaks ol-iyyannoo akka gaafatu ibseera.
Haati warraa Juliyaan Asaanj- Isteellaa gamasheen, ‘’Abbaan warraakoo dogoggora tokkollee hin raawwanne. Inumaa yakka raawwate tokkollee hin qabu,’’ jette.
‘’Gaazexeessaa fi barreessaadha. Hojiisaa bakkaan ga’uuf qofa ifaajaa ture.’’
Jaarmiyaan miidiyaa WikiLeaks ragaalee iccitii fi walxaxoo namootarraa iccitiin argate saaxila baasuun beekama.
Asaanj bara 2019 UK keessatti daangaa mirga wabii irra ce’ee/sarbee argamuun hidhaan itti murtaa’ee ture.
Yeroo sanatti Ministeerri Haqaa Ameerikaa ragaaleen iccitii WikiLeaks baase kanneen jiruu dhala namaa balaaf saaxilanii fi gochi raawwatames seera basaasaa kan faallessedha jechuun himata 17 banee ture.
Gareen Abukaatoowwan Asaanj gamasaan ragaaleen iccitii maxxanfaman- kanneen waraana Iraaq fi Afgaanistaan waliin hidhata qabu jedhaman, bu’uura irraa balleessaa Ameerikaa kan saaxilanii fi dantaa uummataas kan eegsisaniidha jedhan.