Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensonni garee wanbadee Xaaliyaanii hidhaa waggaa 2,200 adabaman
Xaaliyaaniitti gareen wanbadee namoota 200 qabu dhaddacha irratti dhiyaachuun waliigalaan hidhaa waggaa 2,200 tahuun adabaman.
Qorannoo yakkaa waggaa sadiif godhameen shakkamtootni namoota sodaachisuun maallaqa namarraa fudhachuutii hanga daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuutti yakka hojjetaniiru jedhamuun murtiin irratti darbe.
Namoota murtiin irratti darbe keessaa senaaterri duranii tokko keessatti argama. Murtoo kana ilaalchisee ammallee ol iyyachuu akka danda’an himameera.
Shakkamtootni yakka Indiraageetaan hidhata qabaachuun himataman.
Indiraageetaan dhaabbata wanbadee yakkaa qindaa’aa Awurooppaa keessatti dhiibbaa uumuun beekamudha.
Sochiin garee kanaa siyaasaa fi hawwaasa Kibba Xaaliyaanii irratti dhiibbaa guddaa uumeera.
Ogeesonni hojjettootni kunneen himatamuun dhaabbilee Xaaliyaanii irratti yakki qindaa’aan akkamii gaggeeffamaa akka ture agarsiisa jedhan.
Qondaalota mootummaa naannolee, abbootii qabeenyaa, namoota siyaasaa fi kaan yakka Kanaan himatamaniiru.
Namoota beekamoo himataman keessaa Jiyaankaarloo Piteelii isaan tokko.
Namni kun paartii Silviyoo Berliskoonii Foorzaa jedhamuuf senaatera turan. Akkasumas ogeessa seeraati. Piteeliin dhaabbata maafiyaa kana wlaiin hidhata qabuun hidhaa wagga 11’n adabame.
Namootni himataman kaan hojjettoota mootummaa olaanoo fa’aa yoo tahan dhaabbatni yakka qindaa’aa Ndrangheta dinagdee seera qabeessa akka qabaatuu fi milkaa’u kanneen shoora olaanaa bahatanidha.
Himatamtootni 100 tahan ammoo bilisaan gadhiifamaniiru.
Abbootiin seeraa murtoo kana dabarsan nageenya isaaniif waan sodaatameef eegumsa poolsii jala jiru.
Harki namoota himanni irratti baname dheeraadha jedhamee amanama.
Jaqaba naannoo harka qalleeyyii tahan Kalabariyaa jedhamutti kan jalqabe dhaabbanni yakkaa qindaa’aa Ndrangheta adunyaa irratti dhaabbata yakkaa balaafamaa jedhamuun beekama.
Gabaa kookeenii Awurooppaa %80 isaantu to’ateera.Dhaddachi kun qarqara magaalaa Lameziyaa Termeetti kan gaggeeffame yoo tahu, manni murtichaa eegumsa cimaa jala ture. Namoota dhaddacha hordofan 900 fi abbootii seeraa 600 tahan akka qabatutti qphaa’e.
Yakki ittiin himataman, ajjeechaa, doorsisuun maallaqa fudhachuu, daddabarsa qoricha sammuu hadoochuu, daddabarsa maallaqa seeraan alaa fi waajjira mootummaa qisaasessuudhaan himataman.
Qorannoo waggoota sadiif ture keessatti dhaabbanni yakka qndaa’aa Kibba Xaaliyaaniitti jalqabe kun akkamiin guutuu ardii Awurooppaatti akka babal’atee fi hanga Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaatti cehuun hojjechaa ture bira gahame.
Dinagdee biyyaa burjaajessuu, dhaabbilee uummataa qisaasessuu, dhaabbilee fayyaa burjaajessuu fi caal baasiiwan mo’achuuf matta’aa kennaa turan jedha himatichi.
Qorannoo yakkaa kun erga 1980 as isa guddaadha jedhame.
Abbootiin seeraa ragaa namoota kenname sa’a kumaatama tahu qorachaa turuun murti kennan.
Maatiin Mankuusoo jedhaman magaalaa Limpaadii keessaa gosa 150 keessaa isaan baay’ee beekamoo fi humna qabanidha.
Isaantu dhaabbata yakkaa qindaa’aa fi adunyaarratti sodaachisa tahe hundeesse.