Waraanni Ameerikaa jiddugala Somaaliyaatti al-Shabaab irratti haleellaa raawwate

Maxxanfame

Waraanni Ameerikaa hidhattoota al-Shabaab irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu isaa miidiyaaleen mootummaa Somaaliyaa gabaasan.

Miidiyaaleen akka jedhaniitti haleellichi kan raawwatame gaaffii mootummaan Somaaliyaa dhiheesse hordofeeti.

Haleellaan qilleensichaa raawwatamu isaa ilaalchisee garuu Ameeriikaafi izziin waraana Afriikaa yaada hin kennine.

Qondaaltoonni Ameerikaa haleellaawwan baatii Waxabajjiifi Hagayya keessa raawwatan lamaan loltoota garee hidhattoota jahaadistootaa torba ajjeesuu dubbachuun ni yaadatama.

Baatiiwwan muraasaan asi haleellaan mootummaa irratti xiyyeeffatan raawwatu kan dabale yoo ta’u, dhiheenya kanas garichi daangaa qaxxaamuruun Itoophiyaa keessatti haleellaa tasaa raawwateera.

Ameerikaan kanaan duras yeroo garaa garaatti garee al-Shabaab kanarratti dirooniidhaan haleellaa raawwataa turte.

Keessattuu haleellaawwan dureewwan garichaa irratti xiyyeeffachuun raawwatteen hoggantoota olaanoo dabalatee miseensota garichaa hedduu ajeesuun ishee gabaafamuun ni yaadatama.

Adooleessa keessa haleellaa gareen hidhattoota al-Shabaab kunneen daangaa Itoophiyaa qaxxaamuruun magaaloota daangaarratti argaman irratti raawwatee hordofee waraanni cimaan gaggeffamee ture.

Gareen al-Qaa’idaa waliin hidhata qaba jedhamu kunis haleellaa kan raawwatee bulchiinsa Itoophiyaa kan gama Somaaliyaadha wal daangeessitu Yoodiif Atoo irratti ture.

Humnootiin Addaa Naannoo Somaalee daangaa Somaaliyaa irra turan jedhaman waliin wal waraansa cimaa gaggeeffameen gama lamaaniinuu miidhaan qaqqabuu jiraattonni naannichaafi aangawoonni dubbatanii turan.

Pirezidantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Umar, haleellaa gareen hidhattootaa kunneen bananii turan humnootiin nageenyaa Itoophiyaa qolachuun deebisuu BBCtti himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas ibsa torban darbe keessa baaseen, miseensonni garee al-Shabaab 800 ol ajjeefamuufi baay'ee booji’amu ibseera.

Kanaan duras Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa tarkaanfii garicha irratti fudhateen nama Ameerikaadhaa cimsamee barbaadamu dabalatee hoggantoota al-Shabaab olaanoo sadii ajjeefamu beeksiseera.

Gama kaaniin hoogganaan duraanii Alshabaab Muuktaar Rooboowu kaabinee Somaaliyaa haaraa hundeeffame keessatti Ministira Dhimmoota Amantaa Somaaliyaa ta’un kan muudaman torban darbe keessa ture.

Muudamni isaanii kunis ilaalacha finxaalesummaa Alshabaab ittisuuf yaalii taasifame akka ta’etti ilaalamaa jira.