Naannoo Amaaraatti lolli hidhattootaafi Raayyaa Ittisaa hammaachuu jiraattonni himan

Hidhattoota naannoo Amaaraa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa godiinota garaa garaa keessatti lolli humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti gaggeeffamu guyyoota muraasa darban keessa hammaachuu jiraattonni BBCtti himan.

Keessumaa godinaalee Gojjam Bahaa, Goojjam Lixaa, Shaawaa Kaabaafi Giddugala Gondaritti lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachuu himu jiraattonni BBCn dubbise.

Jiraattonni naannichaa nageenyasaanif maqaansaanii hin eeramne akka jedhanitti, torbee darbee kaasee lolli humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti lolli cimaa deeme.

Jiraatan Godiina Goojjam Bahaa Aanaa Quwaarit kan ta’aniifi maqaansaanii guutuun akka hin dhahamne kan gaafatan Obbo Abbabaan jedhaman, waraanni mootummaa aanicha to’achuuf guyyoota afur dura waraana banuun lolli cimaan deemaa jiraachuu himan.

''Loltoonni mootummaa duula bananii waraana cimaatu adeemaa jira,’’ jedhan Obbo Abbabaan.

Raayyaan Ittisaa meeshaalee gurguddaa dhukaasurraa kan ka’e manneen jiraattotaafi dhaabbilee garaa garaarra miidhan gahuu himan. Lola kanarraa kan ka’e jiraattoonni rakkataniiru jedha.

Raayyaan Ittisaa ji’a Waxabajjii keessa lola hidhattoota Faannoo wajjin gaggeessen aanaa Quwaarit gadhiisee bahuu kan himan jiraatan biraa maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan, boodarra waraanni mootummaa deebisee to’achuuf yaalii gochaa turuufi diroonifi meeshaalee gurguddaa fayyadamuun namoonni heddu miidhamuu dubbatan.

Godiina Goojjam Bahaa aanaalee tokko tokko keessatti lolli meeshaalee gurguddaan deeggarame gaggeeffaamaa jira jedhan jiraattonni.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keessumaa magaala guddoo aanaa Biibunyi kan taate Diggoo Tsiyoon to’achuudhaaf Raayyan Ittisaa gaafa Sambataa, Sadaasa 4 irraa kaasee hidhattoota Faannoo wajjin lola cimaatti akka jiru jiraataa naannichaa kan ta’an Obbo Malaakuu Bishawu himan.

Wixata darbe ''madfiin karaa Mooxaarra dhuka’e namoota shan madeesse’’ jedhan.

Madfiin jiraattoonni magaalicha sirna gaddaaf walitti qabaman biratti kufe namoota kana madeesse jedhu.

Iddoowwaan Raayyaan Ittisaa to’atetti garuu dargaggoonni ''Faannoo deeggartu’’ jedhamuun qabamaniifi ajjeefaman jiraachu dhaga’eera’’ jedhan.

Miidhaan biraa jiraattoota biroorra gahuusaa akka hin beekne dubbatan Obbo Malaakuun.

Aanaalee Bulinyi fi Quwaarit jedhaman Adooleessaa gara xumuraarraa kaasee hidhattoota Faannootu to’ataa ture jedhu jiraatan kun.

Haaluma walfakkaatuun Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Ankobaritti xiyyaaraan ddeeggarame raawwatamu himan.

''Haleellaa helikoptaraan deeggarame raawwatameen namoonni heddu miidhaman’’ jedhu.

Obbo Kaasahuun Masaafinti(maqaan isaaniif kan geeddarame) gandoota aanicharratti haleellaan gandoota baadiyyaa aanicharratti raawwatamee namoonni miidhamaniiru jedha.

Dilbata darbeerraa kaasee Godinicha keessaa iddoowwan Manzi, Antsookiyaa jedhamuttii walitti bu’insi jiraachuu jiraattonni himan.

Godina Kaaba Walloo magaalaa Laalibalaatti waraana mootummaa fi hidhattoonni Faannoo wal waraanuu Rooyitarsi jiraattootta naannoo wabeeffachuun gabaase.

Jiraattoonni duulli gaggeeffamaa jiru bakka hambaa sadarkaa addunyaatti galmaa’erratti miidhaa akka hin qaqqabsiifne yaaddoo qabaachuu himan.

Dilbata darbe bakka mana amantii kana cinatti argamutti Raayyaan Ittisaa meeshaalee waraanaa dhukaasa turan jechuun Rooyitarsitti himee ture.

Walakkeessa Gondarittis lolli humnoota mootummaa fi hidhattootaa Faannoo giddutti gaggeeffamaa jiraachuu namoonni lama BBC tajaajila Afaan Amaaraatti himan.

Iddoowwan birroottis tajaajilli intarneetii fi bilbilaa waan haala naannichaa jiraattootarraa hubachuun rakkisaa ta’eera.

BBC’n lolaa fi walitti bu’insa naannoo Amaaraatti gaggeeffama jira jedhame kana bulchiinsa naannoo Amaaraarra mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Walitti bu’iinsi raayyaa Ittisaafi hidhattoota Faannoo gidduutti erga eegalee ji’oota kan lakkoofsise yoo ta’u, yeroo kaan qabbanaa’aa yeroo biraa ammoo hammaataa ture.

Torban darbe, waggaa tokkoffaan waliigaltee Piritooryaa waraana Tigraay goolabe yeroo yaadatamutti, biyyoonni Lixaa waldhabdee naannoo Amaaraa keessa ittifufe isaan yaaddessuu ibsanii turan.