‘Osoomallee dubbannee waliigaluu dhabnee, waraanni filmaata ta’uu hinqabu’- Pire. Saahilawarq

Pirezidaantii Itoophiyaa Aadde Saahilawarqi Zawudee

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee, walitti bu’iinsawwan bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti mul’atan mariin qofa furuun akka barbaachisu dubbatan.

Dippiloomaatiin duraanii kun kana kan dubbatan, Onkolooleessa 9, 2023, wayita Manneen Maree Itoophiyaa guyyaa Wiixataa hojii eegalanirratti kallattii mootummaa waggaa kanaa ibsanitti ture.

Itoophiyaan waraana wal walii Kaaba Itoophiyaatti lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aaman galaafate dhumarratti karaa nagaan furtus, naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti walitti bu’iinsi akkuma itti fufetti jira.

Walgahii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad irratti argaman kanarrattis, Pirezidant Saahilawarq barbaachisummaa nagaa gad-jabeessun irra-deddeebiin dubbatan.

''Osoomallee dubbannee waliigaluu dhabnee, waraanni filmaata ta’uu hinqabu. Dirree waraanaatti kan mo’atu tokkodha. Mariitiin garuu hundatu injifata.

''Walitti bu’iinsa bakkeewwan adda addaatti mudatan dhaabsisuuf nagaa caalaa filmaati biraa akka hinjirre hubachuu qabna,’’ jedhan.

Naannoo Oromiyaa keessatti walitti bu’iinsi ija addunyaa jalaa dhokate jechuun qeeqxonni ibsan, lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqiseera.

Mariin marsaa duraa hidhattoota Waraanaa Bilsummaa Oromoo (WBO) fi mootummaa waliin Taanzaaniyaa-Zaanziibaariitti gaggeeffamus marsaan lammataa hanga ammatti yoom akka taasifamu hin ibsamne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakkeewwan hidhattonni keessa sosso’aniitti dhibeen koleeraafi gifiraa, darbees busaan deebi’e ka’udhaan lammiileen du’aa akka jiran ogeeyyiin fayyaa ibsaniiru.

Naannoo Amaaraattis hidhattoonni Faannoo magaalota to’achuuf lola bananiin Labsiin Yeroo Muddamaa labsamee waraanni naannichatti akka bobba’u ta’eera.

Pirezidant Saahilawarq ija addunyaa biratti Itoophiyaan mallattoo farra kolonii jedhamtus biyya keessaa garuu dhimmoota ijoorratti waliigalteen dhibuun badiif sababa ta’u himan.

''Sirna mootummaa baay’ee keenya biratti fudhatamummaa qabu ijaaruu hanqanne. Wal-qoodnee waraana wal walii keessa seenuun akka biyyaatti gatii guddaa baafnee, ammas baasaa jirra.’’

Kana keessaa bahufis carraan tokko Marii Biyyaalessaa dhimmoota waloorratti waliigaltee uumuu kaayyeffate ta’uu himan.

Qeeqxonni komishinii marii kanarratti hundeeffama isaarraa eegalee gaaffii kaasu. Komishinichi garuu kun waanuma eegamudha jechuun dhihoo BBC’tti himeera.

Pirezidant Saahilawarq dhimmoota akka ummataatti itti walii hin galle ummanni akka murteessu haala mijeessuun akka barbaachisu dhaaman.

''Mariin, falmiifi waligalteen, eenyummaa dhaloota lammiilee Itoophiyaa ammaa ta’uu qaba. Fedhii ofii humnaan raawwachiisuu barootaaf agarre. Injifannoo yeroo malee waaraa ta’e yeroo fidu [garuu] hin agarre.

''Xiinsammuun loltuummaa diina nutti dhufe qolachuun birmadummaa keenya kabachiisuuf baay’ee nu gargaareera. Sirna mootummaa qaroome ijaaruuf garuu nu hin gargaarre,’’ jedhan.

''Meeshaaleen sirna mootummaa qaroome ijaaruuf nu gargaaran dubbachuu, mari’achuu, falmiifi kennanii fudhachuudha,’’ jechuun hunduu Mariin Biyyaalessaa keessatti akka qooda fudhatu dhaaman.

Mootummaan Itoophiyaa ALI Bara 2016 keessa xiyyeeffannoon isaa ijoo keessaa tokko mariin Biyyaalessaa tumsuu ta’u beeksiseera.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa hidhattoota keessumaa Naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessa mootummaa lolan dabalatee marii keessa hirmaachisuuf sosso’aa akka jiru BBC’f ibseera.

Itoophiyaa biyya ummata miiliyoona 120 ol qabdu keessatti walitti bu’iinsi, hongeefi rakkoo uumamaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’aniiru.

Abdiifi yaaddoo

Akka Pirezidant Saahilawarq ibsanitti, Itoophiyaa keessa ALI bara 2015 keessa guddinni galmaa’eera.

''Haala rakkisaa keessas osoo jirruu, waggaa darbe gudinni diinagdee waliigalaa 7.5% galmaa’eera. Waggaa kanas 7.9% akka galmaa’u ni hojjenna.

''Bu’aawwan akkanaa jiraatanis ammallee yaaddoon nageenyaa, qaala’iinsi jireenyaa, seera maleessummaa, saamichaafi hojiimaatni badaa uummata rakkoo keessa kaa’aniiru,’’ jedhan.

Mootummaan wantoota hawaasaaf rakkoo ta’an kana furuurratti akka dalaguus himan.

Gama kaaniin, Itoophiyaan gartuu biyyoota BRICS seenuun injifannoo guddaadha jechuun ibsan.

Karoora mootummaa waggaa kanaa [Bara 2016] yoo ibsan, mootummaan ammallee walitti bu’iinsa biyyattii keessa jiran furuuf qophii ta’u ibsan.

''Olaantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya mirkaneessuun hojii ijoo mootummaa waggaa kanaati. Qaama kamiyyuu waliin mari’achuf mootummaan yeroo hunda qophiidha.

''Kanaa ala garuu humnaan fedha siyaasaa ofii raawwachiisuuf kanneen sosso’an mootummaan hin obsu. Rakkoo keessoo keenya karaa nagaan qofa mariin haa furru,’’ jechuun himan.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Mokonniin dubbii Yaa’ii Waliigalaa UN irratti baatii Fulbaana keessa taasisaniin xiyyeeffannoon mootummaa nagaa buusuu ta’u dubbataniiru.