Loltoonni US lama Jordaan keessatti ajjeefamuu booda US fi Iraan wal haleelaa bulan

    • Barreessaa, Claire Keenan
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

US Sanbat-duraa haleellaa qilleensaa marroo hedduu Iraanirratti raawwatte, haleellaawwan kun kan qiyyaafatan basaasawwan handaara galaanaa fi buufataalee ittisa qilleensaa ta'uu aangawoonni waraanaa US himan.

Ajajni Giddugaleessaa US (Centcom) dandeettii waraanaa Iraan haleeluutti milkaawuu yoo himu, miidiyaan Iraan Ulaa Hormuz keessatti kan argamu odola Qeshm rukutamuu gabaase.

Centcom haleellaa Jimaataa kan loltootni US lamaan Jordaan keessatti ittiin ajjeechafamaniif Eegdota Warraaqsaa Iraantu (IRGC) itti gaafatama jedhe. Loltuun kan biraa tokko achi buuteen isaa hin beekamne.

Haleellaa haaloo bahuu US raawwatteef waraanni Iraan buufata waraanaa US Kuweet keessaa haleeluun haaloo bahuu miidiyaan mootummaa gabaase.

US fi Iraan walhaleellaan tibbana eegalan hammaatee itti fufeera. Gareen lachuu dhaabbilee misoomaa barbadeessuun wal himatu.

Sanbat duraa Iraan Kuweet keessatti "haleellaa diroonii babal'aa diroonii kaamikaaziin" waraana US irratti raawwatteen "man-kuusaa kaampii waraanaa Udaa'irii" fi buufata humna qilleensaa Kuweet itti argamu "Ali Al Saalem" haleeluu miiidiyaan Iraan Tasnim news agency gabaase.

Haleellaan US walitti aansuun halkan saddeettaffaaf raawwatame "humna Iraan dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz danqituun laamshessuuf akka gaggeeffamuu" Centcom gabaase.

Haleellaawwan kunneen "humnoota Eegdota Warraaqsaa Iraan kan Jimaata loltoota US Jordaan ajjeesan akka gaaritti adabuuf raawwatamuu'' hime Centcom ibsa isaatiin.

Waashingtan torbaanota darban buufataalee galaanaa Iraanirraa oomishti boba'aa akka hin baanee fi doonin Iraan tokkollee akka gara Ulaa Hormuz hin seenne Ulaa kana uggurte. Tehraanis Ulaan Hormuuz cufamuu beeksifte.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a tokkoo gaditti babbade.

Centcom Sanbata duraa ibsa baaseen: "Loltoonni US lama Jordaan keessatti osoo Centcom fi humnoonni michoota isaa haleellaa misaayeloota baalistikii fi diroonotaa Iraan qolatuu ajjeefamuu beeksise. Loltuun tokko achi buuteen isaa hin baramnes jedhe.

"Kabaja maatii isaaniif Centcom, odeeffannoo eenyummaa loltoota dhumanii hanga sa'aatii 24 keessatti maatiin beeksifamuutti hin himu" jedhe.

Ministirri Ittisaa US Piit Hegseet karaa fuula X isaanii "Biyyoon itti haa salphattu, Gootota. Wareegamni isaanii kutannoo keenya cimsa jedhan."

Waraana Iraan keessatti loltoonni US ajjeefaman 16 gahaniiru.

Waashingtanii fi Teehiraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Waxabajjii waliigalan balaarra buusan. Pirezidant Tiraamp waliigaltichaaf "dhumateeraf" kan jedhan Adoolessa 08 ture.