Puutiin yoo ittifame malee waliigaltee Yukireen ni cabsa- UK

MM UK

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin yoo Yukireen ittisa hin arganne waliigaltee nagaa Yukireen waliin taasiftu ni cabsa jedhan Ministiirri Muummee UK Kiir Istaarmar, erga walgahii hoggantoota waraanaa olaanoo Landanitti hirmaatanii booda.

Waliigalteen lola Raashiyaa fi Yukireen gidduutti taasifamu kamiyyuu yoo ''qophiin nageenyaa jiraate qofa milkaa'aa ta'a'' jedhan.

Kiir Istaarmar Kaaba lixa Landanitti buufata waraanaa Noorzwuud keessatti argamutti Kamisa kaleessaa bakka biyyoonni 20 ol ta'an walitti qabamuun haaluma qaama marii nagaa kamiitti loltoonni Yukireen keessa jiran nageenya biyyattii mirkaneessuuf gargaaran irratti wayita mari'atan ture kana kan dubbatan.

UK fi michoonni ishee ''karoora siyaasaa'' irraa gara ''karoora waraanaa''tti ce'aa akka jiran kan dubbatan yoo ta'u, kunis waliigalteen osoo hin taasifamiin dura kunis ''amma hojjetamuu qaba'' jedhan.

''Waan tokko mirkanaa'uun waan beeknuuf hojii sana hojjechuun keenya baay'ee barbaachisaadha, innis waliigaltee homaa duubaan hin qabne yoo taasifame Puutiin ni diiga'' jedhan.

"Kana kanaan dura waan ta'eef ni beekna. Ammas akka ta'u sammuukoo keessatti guutummaatti kun ifaadha."

Siir Kiir qophiin nageenyaa kun Raashiyaadhaaf ''waliigaltee kamiyyuu yoo cabsan bu'aa hamaan akka isaan mudatu'' ifa taasisa jedhan.

Itti dabaluunis, kun qaama Ameerikaa akka barbaadu dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Ittisaa UK Joon Heelii sirna cufiinsa walgahii hoggantoota waraanaa biyyoota qaama Kiir Istaarmar ''tumsa warra fedhii qaban'' jedhee moggaase irratti hirmaataniiru.

UKn walgahii hoggantoota waraanaa kana kan waamte jalqaba baatii kanaa walgahii biyyoonni 26 irratti hirmaataniin booda.

Loltoonni bobbaafamanis "humna nagaa eegsisuu" osoo hin taane "humna nageenya mirkaneessuudha" jedhamee ibsamuu qaba jedhu maddeen ittisaafi dippilomaasii.

Duraan ammoo Siir Kiir buufata doonii Baaroo, kan kaaba Lixa Ingilaanditti argamu Kaambriiyaa bakka dooniiwwan niwukilaraa bishaan jalaa UK itti ijaarame daawwatan.

Mariin kun akkaataa ''samii fi galaana akkasumas daangaawwan Yukireen keessatti nageenya isaanii eeguun danda'an irratti'' kan xiyyeeffate ta'uu ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himanii ture.

Gama biraatiin ammoo, daawwannaa Noorweeyitti taasisaniin, Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin, Raashiyaan ''gaaffii hin barbaachifne kan waraana qofa dheeressuu dhiyeessu qabdi'' jedhan.

Mariin bilbilaa Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Puutiin fi Zeleniskii gidduutti taasifamaa ture, dhukaasa dhaabuu guyyoota 30'f akka taasifamuuf Waayit Haawusiin yaadame milkaa'uu hin dandeenye.

Kamisa kaleessaa Zeleniskiin akka jedhanitti, erga Kiriimliin guyya walfakkaatuu marii Ameerikaa fi Raashiyaa Saa'ud Arabiyaatti akka taasisan mirkaneessiteen booda, qondaaltonni Yukireen Wiixata dhufaa gita isaanii Ameerikaa waliin achumatti akka wal argan ibsuun.