US buufataalee niwukilaraa Yukireen akka hooggantu Tiraamp yaada dhiheesse

Zeleniskii fi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantii US Doonaald Tiraamp gitasaa kan Yukireen Voloodmiir Zeleniskii waliin marii bilbilaan taasisan ''baayyee gaarii'' ta'uu ibse.

Tiraamp Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin erga dubbatee guyyaa tokko booda Zeleniskii waliin mari'ate.

Marii booda Zeleniskiin ''nageenyi waaraa barana bulchiinsa Tiraamp jalatti akka argamu,'' akka amanu ibse.

Dhimmi abbaa qabeenyummaa buufataalee humna niwukilaraa Yukireen qabxiilee marii ijoo keessaa tokko akka ture Waayit Haawus ibseera.

Boodarra ammoo Zeleniskiin dhimmi bulchiinsa buufata humna niwukilaraa kan ilaallatu kan Raashiyaan to'attee jirtu- Zapporeezhiyaa (Zaporizhzhia) qofa jedhe.

Mariin Tiraamp bilbilaan Zeleniskii waliin taasise kun kan ji'a darbe Waayit Haawusitti qaamaan argamuun mari'ataniin yoo walbira qabamu fooyya'aadha.

Yeroo sana Tiraamp, JD Vaans fi Zeleniskiin akkaan walitti dheekkaman.

Ergasii aanga'oonni lameen yeroo jalqabaaf waliin dubbatan, garuu aanga'oonni US fi Yukireen Sa'uudiitti walga'uun wixinee dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f turu irratti walta'aniiru.

US fi Yukireen waliigaltee kanarratti battaluma waliigalan. Putiin marii bilbilaan Tiraamp waliin taasiseen dhukaasa dhaabuu yeroo dheeraaf turu irratti walii hin galle.

Zeleniskiin wayita Tiraamp waliin bilbilaan dubbatetti hamma tokko dhukaasa dhaabuurratti akka waliigalu ibseera.

Misoomaawwan bu'uuraa anniisaa, daandiiwwan baaburaa fi buufataalee doonii irratti dhukaasuu ammarraa akka dhaabu waliigaleera Zeleniskiin.

Garuu yoo Raashiyaan wixinee waliigaltee kana sarbite biyyisaa (Yukireen) tarkaanfii fudhachuutti akka deebitu ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen qabxiilee wixinee waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana keessatti eeraman akka fudhatamaniif dureewwan biyyoota kunneenii dubbisaa jira. Pirezidantiin Ameerikaa kun mariin kun haala gaariirra jiraachuu miidiyaa hawaasummaa isaa Truth jedhamurratti ibseera.

Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo, Tiraamp fi Zeleniskiin ''dhimma dhiheessii anniisaa fi buufata niwukilaraa Yukireen,'' irratti mari'achuu ibsan.

Marii kanarratti Tiraamp ''US yoo ogeeyyii humna ibsaa fi dhiheessii anniisaa ishee ramaddee buufataalee kunneen bulchite baayyee bu'a qabeessa,'' jechuusaanii ibsaniiru ministirri dhimma alaa US.

Zeleniskiin dhimma buufataalee anniisaa mariisaaniin ka'uu hin haalle, garuu hooggansa Ameerikaan akka bulu kan jedhame buufata anniisaa niwukilaraa Zaporizhzhia ta'uu hime.

Bulchaan Yukireen kun marii Tiraamp waliin taasisetti quufuu ibseera, mariin kun dhugumatti kan nageenya waaraa fidu ta'uu dubbateera.

''Ameerikaa waliin taanee, Pirezidant Tiraamp waliin taanee, bulchiinsa US amma jiru jalatti nageenyi waaraa bara kana ni mirkanaa'a,'' jedhe Zeleniskiin.

Putiin marii Tiraamp waliin taasiseen guutummaatti dhukaasa dhaabuurratti walii hin galle, nageenya buusuuf haal-dureewwan jajjaboo dhiheesse

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Putiin marii Tiraamp waliin taasiseen guutummaatti dhukaasa dhaabuurratti walii hin galle, nageenya buusuuf haal-dureewwan jajjaboo dhiheesse

Putiin fi Zeleniskiin bu'uuraalee misoomaa wal jalaa haleeluu akka dhaaban waliigalanii turanis, ergasii haleellaawwan raawwatamaa jiraniin wal komachuu itti fufaniiru.

Putiin Kibxata darbe wayita Tiraamp waliin bilbilaan mari'atan misoomaawwan bu'uuraa buufata anniisaa Yukireen haleeluu akka dhaabu ibsee ture.

Garuu hanga deeggartoonni Yukireen meeshaalee waraanaatiin Yukireen deeggaruu dhaabanitti waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti guutummaatti akka walii hin galle dubbate.

Biyyoonni Awurooppaa haal-duree Putiin dhiheesse kana duraanuu didan.

Marii Tiraamp fi Putiin booda sa'atiiwwan muraasa keessatti Raashiyaa fi Yukireen qilleensarraan haleellaa walitti banan.

Yukireen haleellaan kun hospitaala irrattis xiyyeeffateera jechuun Raashiyaa himatte.

Aanga'oonni kibba Raashiyaa bulchiinsa Kiraasnoodaar ammoo dirooniin Yukireen haleellaa salphaa kuusaa boba'aa isaaniirratti raawwachuu himatan.

Gareen teeknikaa Yukireen fi Raashiyaa irraa walitti dhufan guyyoota dhufan Sa'uudii Arabiyaatti walga'uuf jiru.