'Fooxaa mana fincaanii dhiirotaa akkan miiccuufan gaafatame'

Kooriyaa Kibbaa
Maxxanfame

Yommu Yuunaan (maqaa ishee sirri miti) keessummessitu baankii guddaa ta’uuf qacaramte, hojii ishee eegaluuf guyyaa jalqabaaf yommuu deemtu, akka hojjetuuf kan isheen gaafatamte waan eegde hin turre.

Jalqaba gartuu isheef akka laqana hojjettuuf gaafatamte. Boodarra, fooxaa mana fincaanii dhiirotaa keessa jiru manatti fuutee galte akka miiccituuf ajajamte.

Hojjettuu dubartii haaraa waan taateef hojiin kunneen itti gaafatamummaa ishee akka ta’e itti himame.

Jalqaba amalaan lakki jettee didde. Dhiiroti fooxaa isaanii ofiin manatti fudhatanii miiccachuu hin danda’anii jechuun yommuu hogganaa ishee gaaffattu, inni garuu “akkamiin dhiirooti akka fooxaa miiccaaniif eegda?” jechuun deebii kenneefi.

“Baayyee aare, anis kana loluu yoon itti fufe qoccollaan hammaachaa deema kan jedhuun hubadhe, kanaaf fooxaa kunneen miiccuun eegale,” jetti Yuunaan. Garuu sababa komii ishee dhageessisteef, xiyyeeffannoo jala galte.

Boodarra waan hunda viidiyoon waan waraabdeef, akka qoratamuuf baankicha mootummaatti himatte.

Kooriyaan Kibbaa biyya aadaa fi teeknoolojiin cimaa ta’e ta’us, jijjirama isaa saffisaa biyyootii dureeyyii addunyaa tokko ittin ta’e keessatti, dubartoonni duubatti hafaniiru. 

Miindaan dubartoota kan dhiirotaarra harka sadiin xiqqaata, sababa kanaan Kooriyaan Kibbaa biyyootii dureeyyi addunyaarra jiran keessaa addaa addummaa miindaa koorniyaa bal’aa hamaa qabaachuun dursituudha. 

Pirezdaant Yuun

Madda suuraa, NEWS1

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Siiyaasaa fi hoggansa kan to’atee jiru dhiirotadha.

Amma, dhaabbilee Kooriyaa Kibbaa jiran keessa dubartoonni hoggansarra jiran %5.8 qofa. 

Kanarra darbeeyyuu itti gaafatamummaan hojii mana keessaa fi daa’immaan kunuunsuu harki caalaan dubartootarra jira.   

Dabalataanis haleellaa fi qoccollaan saalaa aadaa hamaa ta’eera. Guddinni teeknoolojiimmoo yakkaa saalaa dijitaalaa akka guddatu taasiseera, yakki kun yommuu dubartoonni kaameeraa dhokaataa mana fincaanii ykn kutaa uffata jijjiratan keessa kaa’ameen waraabamanidha.

Pirezdaantiin Kooriyaa Kibbaa haaraa Yuun Suk-yool garuu rakkoo kana furuurra, rakkoon loogii korniyaa “waan duuriidha” jedheera.

Angootti kan ba’e deeggarsa  dhiirota sababa sochii rakkoo wal qixxummaa sirreessuu jedhuun, loogiin galagalchoo nurra ga’eera jedhaniinidha.

Akka aangoo qabateen, Pirezdaant Yuun fandii mootummaa korniyaa ilaallatee kaa’ame haquun, namootni hojii kan argachuu qaban sababa korniyaan osoo hin taanee dandeetti isaanii irratti hundaa’uuni jedheera.

Kabinee isaa miseensota 19 qabu keessattis dubartoota sadii qofa filate.

Ammammoo Ministeera Wal qixxummaa Korniyaa mootummaa, kan dubartootaa fi miidhamtoota haleellaa saalaa gargaaru haquuf yaalaa jira.

Dhabbileen 800 ol waliin ta’uun, murteen kun jireenya dubartootaa irratti miidhaa hamaa uumuu danda’a jechuun mormii isaanii dhageessisaa jiru. 

Haleellaan saalaa interneetarra jiru baayyee babal’achaa jira. Waggaa darbe yakki saalaa dijitaalaa 11,568 gabaafameera, kun waggaa isa duraarra %82 kan dabaledha. 

Yakki baayyeen kaameraa dhokataa wajjiin kan wal qabatedha. Dubartoonni Kooriyaa Kibbaa mana fincaanii deemuu  ni sodaatu, tarii kameeraa dhokaataan waraabamanii, akka birrii kaffalaniif gaafatamuu ykn kanarra kan hammaate, viidiyoon sun intarneetarratti gadhiifamee jireenyi isaanii ni bada jedhanii waan sodaataniifidha.

“Bara durii dubartoonni mirga isaanii dhabanii turani, garuu wanti baayyeen furameera,” jedha Lee Jun-seyok, umurii ganna 37, kan yaada ministeera wal qixxummaa korniyaa haquu kan fide.

Sagalee dhiroota dargaggoo akka argatu taasisuun, paartii injifannoo argate filannoo irratti hogganeera. “Walqixxummaan korniyaa sadarkaa haaraa seeneera. Sirna haaraa dhimma feminizimii irra darbe mirga kanneen sagalee dhabanii hunda ilaaluutu nu barbaachisa.”

Ministeerichi amma baajata mootummaa keessaa %0.2 qofa qaba ta’us garuu dubartoonni ministeerichi jireenya isaanii keessatti jijjiirama guddaa akka uumeeru himu.

Ministeerri kun wagga 20 dura erga hundeeffame irraa eegalee miidhamtoota kaameraa dhokaataa fi dubartoota sababa ulfaa’aniif hojii isaanii irraa ari’aman gargaareera akkasumas haadholii qofaa ijoollee guddisaniif gargaarsa maallaqaa gaarii taasiseera. 

Mootummaan akka jedhutti, hojiin ministeericha itti fufa ta’us garuu damee biraa jala gala. 

Onkololeessa keessa pirezdaantichi kun “caalaatti dubartoota ni eega” jedheera, ta’us garuu sababa isaa hin ibsine. 

Karoorri ministeera kana haqu ammalluu paartii mormituun, kan paarlaamaa harka caalaa to’atuun mormamee milkaa’uu dhiisuu mala.

Paartiin mormituu ministeera kana cufuun guddina dubartootaaf – bakka hojii fi manatti -ammayyuu adeemsifamaa jiru irratti dhiibbaa ni qabaata jedheera.