Paayileetiin xiyyaara keessaa paaraashuutiin utaalee bu’e bilbilaan maal dubbataa ture?

Maxxanfame

Paayileetiin xiyyaara US, Marines F-35 dhabamtee turtee erga xiyyaarittii keessaa paaraashuutiin bu’ee tajaajila hatattamaa warra kennaniif bilbile.

Sagalee paayileetichaa waraabame BBC’n argateera. Paayileetichi xiyyaara F-35 keessaa Kibba Kaaroolinaatti bu’e. Xiyyaarittiin garuu eessatti akka kuftee caccabde hin barre ture.

Garee xiyyaara bobbasaanii fi to’ataniitti yoo bilbilu xiyyaarri doolara miliyoona 100 baastu F-35, eessatti akka buute ''hin beeku'' jedhe.

Jiraataan naannichaa tokko suuta jedhee paayileetichi mooraa isaa keessatti bu’uu yeroo dubbatu sagalee waraabame irraa dhagahama.

Caccabaan qaama xiyyaarittii erga dhabamtee guyyaa tokko booda Wiixata darbe argame.

Sagalee daqiiqaa afurii gara 911tti bilbilamee waraabamee bahe irratti jiraataan Kaaba Chaarlestan tokko ‘’paayileeticha mana keenya keessatti argine’’ jedha.

''Akka natti fakkaatutti gorduuba manakootti bu’e'' jedhe. ''Yoo anbulaansii argachuu dandeenye jennee barbaadaa jirra’’ jechuun dubbataa ture.

Paayileetiin ganna 47 maqaan isaa hin dhahamne xiyyaaritti keessaa ol ka’insa meetira 609 irraa paaraashuutiin erga bu’ee ''nagaa'' tahuu isaa dubbate.

Dugda isaarra qofa miidhaan dhaqqabeera. ''Xiyyaarri waraanaa kuftee caccabdeetti, ani paayileetii isheeti. Lubbuu baraartotni akka na dhaqabanin barbaada,'' jedhe.

''Xiyyaarittiin eessa akka jirtu hin beeku. Bakka tahetti kufee caccabeera tahuu mala. Ani keessa bu’eera,'' jedhe.

Sana booda paayileetichi warra bobbii xiyyaaraa hordofan sanaan anbulaansii akka erganiif gaafate.

"Paaraashuutiidhanan irraa bu’e,'' jedhee dubbate.

Akka gareen qorattootaa jedhanitti xiyyaarittiin hojjechuu waan diddeef paayileetiin naannoo buufata xiyyaaraa Charlestanitti keessaa bu’e.

Xiyyaarichi erga paayileetiin keessaa bu’ee maaliif itti fufee balali’aa ture kan jedhu ifa tahuu baatus, Marine Corps’ akka jedhetti, softiweeriin isaa xiyyaarichi olka’insa isaa eegee akka balali’u gargaaru akka itti fufee gargaarsa paayiletii malee balali’u gochuu hin hafu jedhe.

‘’Kun yeroo paayileetotni haala ulfaataa keessa galan ykn xiyyaarichi hojii dhaabu lubbuu paayileetota keenyaa oolchuuf jecha kan itti yaadamee hojjetamedha,’’ jedhe.

Farri raadaarii xiyyaarichaa fi teeknoloojiin yoo paayileetiin hin jiraanne sirna qunnamtii isaa cufu barbaachisa isaa akka ulfaatu gochuu danda’a ture.

Amma erga caccabaan xiyyaarichaa argamee maaliif balaan kun akka mudate qorannoon itti fufee gaggeeffamaa jira.

Gabaasni mootummaa Ameerikaaf Kamisa darbe ergame, leenjii gahaa dhabuu, jijjiirraa qaama xiyyaarichaa gahaa dhabuu fi suphuun isaa adeemsa wal xaxaa keessa darbuun rakkoo isaa tahuu eerameera.

Kun balalii xiyyaara F-35 %55 qofa gahumsaan akka xumuramu isa taasisa jedha gabaasichi.