Caccabaan jettii waraanaa US paayileetiin keessaa bu'ee argame

Maxxanfame

Qondaalonni waraanaa US xiyyaara waraanaa F-35 jedhamu barbaadaa turan caccabaasaa arguu himan.

Guyyaa Dilbataa erga paayileetiin xiyyaaricha keessa bu'uun lubbuu of oolcheeti lafa jeettiin bu'e baruuf deeggarsa ummataa gaafatanii turan.

Paayileetichi xiyyaara gatiinsaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 100 ta'e kana qilleensa Kibba Kaarolaayinaa keessa osoo balaliisaa jiruu paarashuutiidhaan keessaa bu'e.

Erga taateen kun Dilbata darbe mudatee achi buuteen xiyyaara kanaa dhabamee ture.

Amma aanga'oonni waraanaa baadiyyaa bulchiinsaa Wiiliyaamsibargi keessaa caccabaa xiyyaara kanaa arguu ibsan.

Erga caccabaan xiyyaara kanaa argamee ammoo hanga qorannoon gaggeeffamee xumuramutti hawaasi naannawa sanarraa akka fagaatu akeekkachiisi darbeera.

Xiyyaarri kun wayita paayileetiin keessaa utaalee bu'u, sirni ofiin of balaliisuu (autopilot) irra ture jedhan Dubbi Himaan Buufata Humna Qilleensaa Chaarlestan.

Jaarmiyaa gorsaa humna waraanaa US- Teal Group jedhamutti xiinxalaa kan ta'an JJ Gertileer akka jedhanitti erga paayileetiin keessaa bu'ee booda xiyyaarri kun to'annoo humna waraanaan ala waan ta'eef yeroodhaaf eessatti akka kufe baruun hin danda'amne.

Xiyyaarri kun erga paayileetiin keessaa bu'ee ofiin balali'aa turuu hin hafne kan jedhan namni kun, ''garuu miidhaa irra ga'erraa kan hubannu erga paayileetii dhabee battaluma kufee akka caccabeedha,'' jedhan.

Xiyyaarri maqaa guutuunsaa FB-35B Lightning II jedhamu kun kan jaarmiyaa paayileetota US leenjisu- Marine Fighter Attack Training Squadron 501 jedhamuuti.

Paayileetiin xiyyaara kana keessaa utaalee bu'e kun hospitaala seenee ture, amma fooyyee qaba jedhame.

Buufati Humna Qilleensaa Chaarlistan karaa fuula X (tiwiitarii kan ture) hawaasi xiyyaara kana barbaaduun akka ga'eesaa ba'u gaafateera.

Garuu gaaffiisaa kanatti namoonni itti qoosan, seera baastonni ammoo ni qeeqan.

Kibba Kaaroolaayinaa bakka bu'uun Kongiresii keessa kan jiran miseensi paartii Rippaabilikaan Naansii Mees, ''Akkamiin xiyyaara F-35 kana gattu?'' jechuun toora X (tiwiitarii kan ture) irratti gaafatan.

''Meeshaan ittiin xiyyaara kana barbaadan akkamiin hin jiru? Ammoo hawaasi akkamiin barbaadee arga?''

Wiixata kaleessaa dhaabbati humna galaanaa US rakkoo kanarraa ka'uun sochiin xiyyaaraa kamuu torbee kanaaf akka dhaabbatu ibseera.