US jeettii waraanaa baay'ee qaalii ta'e jalaa bade barbaacha birmannaa gaafatte

Maxxanfame

Ameerikaan xayyaara waraanaashee F-35 jedhamuufi baay'ee qaalii ta'e achi buuteesaa dhabe jechuun barbaachaf deeggarsa uummataa gaafatte.

Waraanni biyyattii akka jedhetti xayyarri waraanaa kun kan achi buutensaa dhabame paayileetin xayyaaricha balaliisaa ture rakkoo mudateen keessaa utaalee 'parashuutin' erga bu'een boodha.

Xayyaarri waraanaa kun kan dhabame gaafa Dilbataa, Fulbaana 17, yoo ta'u bulchiinsa Kibba Kaalifoorniyaatti akka ta'e Waraanni US beeksise.

Balaliinsan xayyaara bade kanaa yeroo keessaa utaalu rakkoon homaa akka isa hin mudaanneefi hospitaalatti haala gaarirra jira jedhame.

Maaltu akka mudate ammatti waanti ifa ta'e hin jiru, aangawoonni garuu rakkoon wayii xayyaaricha mudateera jedhu.

Yeroo ammaa barbaachi xayyaarichaa naannoo xayyaarichi balali'aa turetti taasifamaa akka jirus ibsan.

Bakka xayyaarichi yeroo dhumaaf itti mul'ate naannoo Haroo Moolteerifi Mooriyoonitti to'attoota balalii federaalaa wajjin barbaachi taasifamaa akka jiru himan aangawoonni.

Bufanni xayaara waraanaa Joint Base Charleston fuula miidiyaa X kan duraan Tiwitara jedhamuun beekamurratti uummanni barbaacha akka gargaaruf waamicha dhiyeesse.

"Gareewwan balaa hatattamaa bakka xayyaari F-35 [itti kufe] argachuuf ifaajaa jiru," jedhe.

"Uummanni humna waraanaafi aangawoota waliin ta'uun barbaacha kanarratti akka nu tumsu gaafanna," jedhe buufanni xayyaaraa kun.

Odeeffannoo ifaajee barbaacha xayyaara kanaa deeggaru kan qabu kamiyyuu wiirtuu oppireshinii dhaabbatichaa akka qunnamaniif waamichi dhiyaate.

Xayyarari waraanaa F-35 addunyaarratti xayyaara baay'ee qaalifi teknoolojii ammayaan kan dabaalameeedha.

Dhaabbata Lookhiid Maartin jedhamuun kan hojjatame yoo ta'u, tokkoonsaa gatii dolaara miliyeena 80 baasa. Addunyaarratti xayyaara baay'ee ammayyaafi dorgomaa hin qabne jedhamuunis beekama.

Akkasumas addunyaarratti xayyaarri waraanaa qaalin gatii hanga kana baasu hin jiru.

Bara 2018tti xayyaarrumti kun Kibba Kaalifoorniyaatti kufee erga caccabee booda, US xayyaarota waraanaa F-35 qabdu hundumaa yeroof akka hin balaliine gootee turte.