Tilmaama taphoota piriimiyeer Liigii torban kanaa: Arsanaal moo Siitii?

Maxxanfame

Piriimiyeer Liigiin Ingiliz sanbattan kana dorgommiiwwan torban saddeettaffaa yeroo gaggeessuu warra walitti fidu keessaa inni guddaan Arsanaaliifi Maanchistar Siitiin isa wal-falmachiisudha.

Taphni kun Arsanaal miidhama taphattoota isaa jajjaboon wayita yaaddoo keessa galetti gaggeefama.

Taphni shaampiyoonaa bara darbee Maanchistar Siitii fi gara dhuma bara dorgomichaatti Siitiif harka laate Arsanaal gidduutti dirree Emireetsitti gaggeefamu kun Dilbata sa'aa 12:30 irratti eegala.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan Arsanaal jifataasaa Bukaayoo Saakaa miidhamaan hin hirmaachisu yoo ta'e baayyeen sodaadhaaf jedha.

''Gaabreel Maartineeliin dursee waan miidhameef isa hin hirmaachisan, Saakaanis hin taphatu yoo ta'e garuu Siitiirratti dhiibbaa uumuuf humna gahaa waan qabaatan ta'aa? Ani hin beeku'' jedha Suutan.

Taphni guddaan eegamu kan Arsanaaliifi Siitii haata'uyyuu malee taphoonni jajjaboon daawwattoota bohaarsan biroonis jiru.

Gahumsa gaariirra kan jiru Biraayitan dirreesaa Faalmeritti Liivarpuuliin kan itti keessummeessu, garaagarummaa guyyootaan Siitii fi PSG kan injifate Niiwkaasiil gara Landan imalee kan Weestihaamiin falmatu, morkiin Oldtiraafoord Yunaayitidiifi Bireentiifod warra eegamaniidha.

Itti aansee tilmaama Suutan haa ilaallu

'Arsanaal 2-1 injifatama'

Suutan Arsanaal jifattootasaa filannoo jalqabaa ta'an Saakaa fi Maartineelii miidhamaan hiriirsisuu dhabuun isa miidha jedhee amana. Ammoo gareen kun Siitiitti saliphaa hin ta'u, balaa uumuu hinuma danda'aa jedha.

Haalli Maachistar Siitiin amma itti jirus badaa gaariidha hin jedhamuu kan jedhu Suutan, jifataan isaanii Erliing Haaland akka yeroo kaanii goolii roobsuutti hin jiru jedha.

Haaland taphoota afur darban goolii tokko qofa lakkoofsise. Suutan, ta'us gadi qabneedhuma nama bira dabarru mitii jedha.

Siitiin tapha bareeda taphachuu baatuyyuu Arsanaaliin inuma injifata jedha. jifataan Siitii lammii Arjentiinaa Juuliyaan Alvareez bara dorgommii kana goliiwwan hedduu murteessoo ta'an lakkoofsisaa jira.

Suutan tapha kana Maanchistar Siitiin 2-1'n injifata jedhee tilmaame.

Weestihaam vs Niiwkaasil

Waggaa 20 booda gara Chaampiyoonsi Liigiitti kan deebi'e Niiwkaasil ramaddii isa jabaa jedhamutti ramadamuu hordofee qabxiidhumayyuu argataa gaaffiin jedhu ture kan Suutan, qabxii tokko argachuu mitii isaa olittuu jiruu jedha.

Roobii darbe dirreessaa Seent Jeems Paarkitti shaampiyoonaa Faransaay PSG garaagrummaa goolii guddaan, 4-1 injifateera. Torbee isa dura turremmoo shaampiyoona Awurrooppaa fi Ingilaand bara darbee Siitii injifatee dorgommii Karabawootiin ala godheera.

Suutan gareen Eedii Haaw gahumsa addaarra jiraa jechuun ibsa.

Weestihaamis bara kana gaarii jira. Tapha Yirooppaa Liigii eda taphatameen Firiibragitti imaluun injifatanii deebi'an. Gabatee qabxii amma jiruun Niiwkaasil ni dursu.

Suutan dorgommiin kun miidhagaa ta'a jedha. Niiwkaasil 2-1'n akka injifatus tilmaama.

Liivarpuul vs Biraayitan

Biraayitan bara kana akka gaarii jira. Niiwkaasiliifi Maanchistar Yunaayitidiin injifateera, garuu ammoo torban darbe haala hin eegamneen Astoonviilaatiin 6-1'n injifatameera.

Liivarpuul morkii torban darbe Tootenhaam waliin godheen taphattootni isaa lama kaardii diimaan bahuu fi gooliin Luwiis Diyaaz lakkoofsise seeraan ala jalaa haqamuu hordofee mata duree oduu ta'ee bahe.

Bara dorgommii darbe Biraayitan FA Cup fi tapha liigiin dirree isaatti Liivarpuuliin yeroo lama injifateera.

Haata'u malee, Suutan, Liivarpuul inni alanaa addadha sararri gidduusaa guutummaatti haaradha. Mohaammad Saalaas gahumsi isaa bareeda jedha. Aleksiis Maak Allisteer dirree fi kilaba isaa duraaniirratti gahuumsa gaarii agarsiisa jedhees amana.

Suutan tapha Istaadiyoomii Ameeksitti gaggeefamu kana Liivarpuul goolii 3-2 irra aana jedha.

Maanchistar Yunaayitiid v Bireentifoord

Suutan tilmaamasaa torban darbee tapha Yunaayitidiifi Kiristaal Paalaasiin hin milkoofne. Yunaatiid ni injifatame. Chaampiyoonsi Liigii dirreesaatti taasiseenis Gaalatasaraayiin mo'ameera.

Suutan qabxii dhabuu kanarraa kan ka'e teen Haag irratti dhiibbaa gochuun yoom akka eegalu gaaffii itti ta'uu dubbata.

Deeggartootni Yunaatiid wantoota ittiin of jabeessan keessaa tokko gahuumsa Raasmuu Hooyiluund agarsiisaa jiruudha jedha. Goolii eegaasaanii Andiree Onaanaatti hin gammadnes jedha.

Kubbaa miilaan taphatutti gammaduus, harkaanis wanti hojjetu fooyya'uu akka qabu dubbate.

Faallaa kanaan Bireentiford torbanoota as dhiyoo gahumsa addaa agarsiisaa hin jiran ta'us qindoominni qaban gaarii waan ta'eef hanga danda'an Yunaatiid qoruu danda'u jedha.

Yunaatiid tapha kanarratti gooliin itti galuun waan oolu mitii jechuun, tarii Hooyland adda addummaa uumuu danda'a jedhe.

Tapha kana Yunaayitid 2-1 injifachuu akka danda'u tilmaame.

Tilmaama taphoota kaanii

Taphoota Sanbata xiqqaa taphataman keessaa Tootenhaam Luutoon waliin kan taphatu ni jira. Suutan Tootenhaam tapha kana 3-1'n injifata jedhee tilmaame.

Cheelsiin ammoo dirree Barnileetti imale morkata. Chelsiin rakkoo goolii galchuu jifattootasaa furuuf addatti hojjechaa akka jiru leenjisa Maawuriisiyoo Pochetiinoo dubbataniiru.

Gareen Viinseent Koompaanii kan barana liigichatti ol dhufee, dirreesaatti tapha hanga ammaa taphate arfaniinuu injifatamee qabxii afur qofa dirree alagaarraa argateen18ffaarra jira.

Suutan taphni kun tokko qixxee xumurama tilmaama jedhu qaba.

Evertan Bonmaawuziin, Fuulhaam Sheefild Yunaayitidiin goolii tokkoof zeeroon ni injifatuu jedha.

Torbee darbe Biraayitaniitti goolii jaha kan roobse Astoonviilaan Wooviziin 2-0 inifata jedha Suutan.

Yunaayitidiin kan injifate Kiristaal Paalaas ammoo Nootiingihaam Foorest waliin tokko qixxee baha jedhe.