Hongeen Kaaba Keeniyaa lubbuufuu nu yaaddesse jedhan jiraattonni

Maxxanfame

Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Marsabeetitti haallii hongee hammachuun namoonni beelaʼanii deeggarsa barbaadan dabaluu mootummaan ibse.

Dhaabbatii hongee  biyyaleessa  to’atu (NDMA) haalii hongee sadarkaa sodaachisaarra gahuun namoonni 229, 893 deeggarsa akka barbaadan hime.

Namoonni 68, 983 ammoo deeggarsa namoomaa ariifachiisaa barbaadu jedheera.

Mootummaan lubbuu namoota baraaruuf yaalii taasisaa jiraachuu ibseera.

Barana waggoota 40 keessatti hongeen hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa hubeera. Somaaliyaa keessa baatii Mudde keessa beelli akka mudatu UN akeekkachiseera.

Kawuntii Marsabeetitti daarektara dhaabbata hongee to'atu kan ta’an Parkooloo Musxaafaa maatiin nyaata madaalamaa dhabuun dhukkubaaf saaxilamaa jiran jedha.

“Warri ammatti haala sodaachisaa keessa jiran, daa'imman umurii waggaa 5 gadii fi dubartoota ulfa yookaan hoosisan.”

Eegii bara 2020 waqtii roobaa afur walitti aansuudhaan dhabamuu hordofee naannoleen horsiisee bulaa baay’ee miidhamaniiru.

“Jireenyii isaani beeylada kana, amma aannanii fi foon argachuu hin danda’an, sababa qaala'iinsi jireenya akkasumas nyaata bitachuun humna isaaniin ol waan ta’eef namni beelaan miidhamaa jira.” jedha Parkoolon.

Naannooleen afran Marsabeetii keessaa namoonni hanqinni nyaata cimaan irratti argame hedduu jedhan.

“Naannoo Layisamiis namoonni dhibbeentaa 30 hanqinna nyaataa cimaa qabachuun dhukkubaaf saaxilamaniiru, NorthHorr 29.3%, Saakuu 10%, Mooyyalee 9.8%.”

Jiraattonni hedduun hongee kanaan horii isaani dhabuun harka qullaa hafaniiru, amma garuu lubbuu namaaf iyyaa jiran.

“Horii bira darbine, namaaf sodaacha jira, nama  ijjoolleensaani yoo mana barumsa deeman beelaaf gaggabanitti jira. Beeltii akka malee jirti lafa tana,” jedhan jiraataan Dhengee Jabaa jedhaman.

Namoonni baadiyyaa keessa jiraatan ammoo haalliisaanii baay’ee sodaachisaa jedhan. Kiyyaa Areeroo gandasaani keessatti namoonni abdii kutachuu ibsan.

“Akka ollaa keennatti torban kana nama beelaan du’u hin dhaban, amma yoo dhufte ilaaltu nama beeltii fuula yakkite huqqate akka loonii bakka tokkoo ka’u hin dandeenne argita.

“Namni hedduun ammoo nama har’a yoo waan nyaatu argate bor hin qabne, namni of ijibbaateera, ijjoolle teenna waan tolchinu hin qabnu.”

Hanqina nyaataa tana ammoo wanti gar-malee hammeesse qaala'iinsa jireenyaati. Keeniyaa dabalatee biyyoota hedduu keessatti qaala’iinsi jireenya furmaata dhabuun ummanni baay’ee rakkachaa jira.

Keessattuu naannolee horsiisee bulaa kan namoonni galii biraa hin qabnetti, namoonni baay’ee muddamaniiru.

“Ana abbaa warraa, maatii tiyyaa nyaata fi waan biroos bituun na ilaalLata, ammoo wanti tokkoo hin bitamtu,  sukkaaraan kiiloo tokkoo shilingii 200 , daakuun qamadii kiiloon tokko 150. Kana eessa fuudha?’’ Jechuun yaada rakkisaa isaan mudate ibsa Soommoo Waariyoo.

“Beeltii akka malee jirti, manneen barumsa nyaata hin qaban. Asin dura ijoolleen manneen barumsaatii nyaata argatti, yoo ollaatti galtuu akka dansaa rafti. Amma sulleen hin jirtu, ijjoolleen halkaniin kaate beelaa fi dheebuuf boossi rakkoo akanatti harka nu qaba,” jedhan.

Akka raaga dhaabbata qorannoo haala qilleensaa Keeniyaatti, bokkaan Onkoloolessa, Sadaasa fi Mudde roobuuf eegamuu akka malee xiqqaadha.

“Roobni Onkoloolessa yeroo eegamutti hin roobuu kan turuudha, yoo dhufes xinnoo waan ta’eef margaa fi bishaan horii gahu hin baasuu,“ jedhan daarektarri dhaabbata hongee biyyaaleessa  to’atuu Parkooloo Musxaafaa.

Kanaaf hongeen kun ammallee kan itti fufuu ta’u himan.

“Hongee cimaan akkanaa bara 40 keessatti argamte hin beektuu naannoo kana keessatti, amma waqtii roobaa shan dhabuun deemna.”

Akkuma hongeen itti fufuun lakoofsi namoota deeggarsa barbaadanii itti fufa jedhan hogganaan kun.

Ji’a sadii keessatti lakkoofsi namoota deeggarsa nyaata barbaaduu hanga 270,000 ol ka’uu danda’a jedhan.

Keeniyaan alatti Kibbaafi Baha Itoophiyaa akkasumas Somaaliyaa keessatti hongeen yaaddoo uumeera.