Naannoo Amaaraatti intarneetiin adda citee badii dhokse, hedduutti carraa cufe

Itoophiyaan irra deddeebiin intarneeta cufuun komatamti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan irra deddeebiin intarneeta cufuun komatamti
Maxxanfame

Lola hidhattoota Faannoofi Raayyaa Ittisaa naannoo Amaaraa gidduutti uumame hordofuun tajaajilli interneetii erga addaan citee ji'a shan ol ta'eera.

Bittaa fi gurgurgurtaan sababa kanaan addaan cite. Barattootaa fi qorattoonni tajaajila intarneetii dhaban.

Namoota hojii barbaadan marsariitiiwwan hojii irraa barbaaddatanirraa adda baase.

Namoonni hoji barbaadan marsariitii fayyadamuun dorgoommiif galmaa’uu hin dandeenye.

Jiraattota odeeffannoo irraa fageessuun, waldhabdee uumame hordofuun sarbama mirgaa naannicha keessatti raawwatamaa ture ukkaamseera.

Tajaajila intarneetii kennuurratti warra hojjataa turaniis hojii dhabsiise.

Jiraataan magaalaa Gondar Waalaliinyi tajaajilli intarneetii addaan cituun ''jireenya koo duubatti deebise'' jedhe.

Waalaliiny dur kaaffee intarneetaa banuun galii argataa ture.

Intarneetiin magaalattii keessatti ALI Adoolessa 26, 2015 eegalee cituun akka ture kan dubbatu dargaggeessi kun, interneetii malee hojjechuu waan hin dandeenyeef hojii dhaabuu fi hojjettoota isaa bittimsuuf akka dirqame hima.

Akka inni jedhutti, gara waggaa lamaaf maatiisaa hojii ittiin bulchaa ture kanaan, ji'atti gara birrii 5,000 argachaa ture.

Gama kaaniin, shamarreen Tekinoloojii Odeeffannoon eebbifamte carraa hojii argatte turte amma hojii dhaabdetti.

Haata'u malee, Waliliiny gaaf tokko hojiitti deebi'a jedhe abdata.

Jiraataan magaalaa Bahirdaar Geetachoo jedhamus hojii hiikuu dubbata. Geetachoonis tajaajiluma intarneetiin kennuun maatiisaa bulcha ture.

"Sharafa galchaan ture"

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Geetachoon jedhutti hojii kanarraa ji'atti gara doolaara kuma sadii argata ture.

Geetachoon "hojii marsariitiin hojjedhu anarra darbee biyyattiif sharafa maallaqa alaa argamsiisa ture" jedha. Amma jiruun isaa jeeqameera.

Tajaajilli kun yeroo dhiyootti akka deebi'u eegaa kan ture ta'us, hojjattoota isaa sadii isa biratti qacaramanii turan hojiirraa gaggeessera.

"Carraa hojii waan uumneef mootummaan nu jajjabeessuu irra ture" kan jedhu Geetachoon namoonni akkasaatti tajaajila kanarratti bobba’an rakkachaa akka jiran himu.

Galii daldala interneetii irratti hundaa'e irraa argamuun jireenya isaa jiraachuu bira darbee, "waggoota lama ykn sadii darban keessa biyyaaf doolaara kuma 100 galcheera" jedha.

Dargaggoonni hedduun yeroo ammaa damee miidiyaa dijitaalaarratti bobba’uu isaanii eeruun, mootummaan intarneeti cufuun hojii dhabeeyyii fi yakka hammeesuu malu jechuun yaaddoo ibse.

Naannoon Amaaraa bakkeewwan haawwata turistii hedduu qabaatuus rakkoo nageenyaa fi tajaajilli intarneetii dhabamuurraa kan ka’e lakkoofsi daawwattoota hir’ateera.

Warri damee hoteelaa fi turizimii irratti bobba’an maamila isaanii waliin salphaatti ergaa wal jijjiiruu hin dandeenye.

Hoteelonni gurguddoo muraasni tajaajila interneetii qabataaniis, hoteeloonni baay’een garuu tajaajila kana hin qaban.

Hoji-gageessaan hoteelaa magaalaa Gondaritti argamu, maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan BBC'tti akka himanitti, "yeroo weerara Covid caalaa amma hamaa keessa jirra" jedhan.

Akka isaan jedhanitti, maamiloonni biyya alaa dhaamsa imeelii erguun waan hin danda’mneef, qorattoonni qo’annoo gaggeessaa hoteela isaanii filachuu dhiisaniiru.

Sababa kanaan hoteela hojjettoota 100 ol qabu kan cufuuf akka jiran himan.

Hidhattooti Faannoo meeshaa hiikkachuu dhabuun walqabatee Naannoo Amaaraatti lolli ka'e

Madda suuraa, APF

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti Faannoo meeshaa hiikkachuu dhabuun walqabatee Naannoo Amaaraatti lolli ka'e

Gama biraatiin namoonni kaan intarneetii barbaacha gara magaalota birootti godaanaa jiru.

Geetachoon akka himutti, hiriyoonnisaa gara Finfinneefi magaalota birootti godaanaan.

Hiriyyoota isaa keessaa kanneen eeyyama baafatanii qumaara ispoortii irratti bobba'anii akka turan dubbata.

Mootummaan naannoo fi federaalaa irra-deddeebiin naannichi gara nagaa deebi'aa jiraachuu ibsaa jira, ta’us bakkee naannichaa adda addaatti lolli akka jiru hima Geetachoon.

'Sarbama mirgaa dhoksuu'

Jiraattonni BBC’n dubbise lola naannicha keessa ji’ootaaf tureen sarbami mirgaa raawwate kan himame ol akka ta’e amanu.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa ALI Onk. 19, 2016 baasen ajjeechaa murtii seeraa malee, fi haleellaa diroonii dabalatee naannicha keessa sarbami raawwatu bal’aadha jedhe.

Sababa intarneetiin cufameef dhaabbileen mirga namoomaafi miidiyaaleen waan naannicha keessa adeemaa jiru odeeffachuuf rakkataa jiru.

Falmitoonni mirgaa intarneeta dabalatee maloota kominikeeshinii cufuun meeshaa mootummaan hacuuccaa ittiin raawwatu akka ta’e ibsu.

Dhaabbati ‘Access Now’ jedhamu qorannoo taasiseen mootummoonni maloota kominikeeshinii kan cufan yeroo walitti bu’iinsi jiru, yeroo filannoo, mormii ummataafi tasgabbiin siyaasaa gaafa dhibedha.

Dhaabbatichi baatii Fulbaana keessa gabaasa baasen akka faranjootaa 2016 eegalee Itoophiyaa keessa yoo xiqqaate intarneeti si’a 26 cufamuu ibse.

Naannoo Amaaraa keessa bara 2023 keessatti intarneetni baatiiwwan muraasa darbe si’a lama adda cituullee beeksise.

Kanaanis, yeroo walitti bu’iinsaa intarneeta cufuu akka dhaabuufi kan cufes akka gadhiisu gaafateera.

‘’Yeroo Labsii Muddamaa intarneeta cufuun mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu dhorkuun ummata naannicha jiru balaa hamaarra buuseera,’’ jedheera.

Bataskaana Ortodoksii keessatti muddamni yeroo dhalate miidiyaaleen hawaasummaa waan cufamaniif namoonni VPN'dhaan fayyadamaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaana Ortodoksii keessatti muddamni yeroo dhalate miidiyaaleen hawaasummaa waan cufamaniif namoonni VPN'dhaan fayyadamaa turan

Dabalataan, yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa akka Tigraayitti mudate intarneeta cufuun kanneen badii raawwatan akka hin gaafatamne, akkasumas jiraattonni odeeffannoo lubbuu ittiin of oolchan akka hin arganne taasisa jedhe.

Dhaabbati ‘Freedom House’ jedhamu gama isaan gabaasa 2023 keessa baasen Itoophiyaa keessa waggaa tokko keessatti yoo xiqqaate intarneetiin si’a sadii adda cituu hime.

ALI Caamsaa 24, 2014 hanga ALI Caamsaa 23, 2015 keessatti intarneetiin Lixa Oromiyaa, Naannoo Amaaraa akkasumas dureewwan Ortodoksii Itoophiyaa gidduu muddamni yeroo uumame adda citeera jedhe.

Gabaasa dhaabbatichaa keessatti ibsamuus baatu ALI Adoolessa 26, 2016 humnoota nageenyaafi hidhattoota Faannoo gidduu lolli erga eegalee booda intarneetiin Naannoo Amaaraa keessatti akka adda citetti jira.

'Faallaa karoora Itoophiyaa'

Tajaajila intarneetii argachuun mirga namoomaati jechuun Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) bara 2016 labse.

Dhaabbati ‘Freedom House’ jedhamu gabaasa isaa keessatti waggoota 13 darban sadarkaa addunyaatti mirgi intarneetaa argachuu xiqqaachaa akka jiru ibseera.

Ummata Itoophiyaan qabdu waliin yeroo wal bira qabamu hammi namoota tajaajila intarneetaa qaban xiqqaas ta’u isuma qabduyyuu cufuun biyyoota Afrikaa keessaa tokko akka taate falmitoonni mirgaa ibsu.

Aangawoonni Itoophiyaa yeroo adda addaatti intarneeta cufuun komatamu.

Kana dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad intarneetiin ‘’bishaan yookiin qilleensa miti’’ jechuun biyya tasgabbeessuuf intarneeta cufuun barbaachisaa yeroo ta’u jira jedhanii turan.

Dubbiin isaanii kuni dhaabbilee mirgaan qeeqameera.

Dubbiin isaanii kuni bulchiinsi isaanii ALI Bara 2025 milkeessuuf kan yaadeefi Waxabajjii ALI Bara 2012 Istiraatejii Dijitaalaa ifa erga godhe boodadha.

Karoorri kuni bu’uraalee dijitaalaa babal’isuun dinagdee biyyattii saffisuuf kan kaayyeffatedha.

* Nageenya isaaniif jecha maqaa namoota gabaasa kana keessatti fayyadamne akka jijjiiramu ta’eera.