Dubartiin waggaa 63 dura baddee turte 'nagaa fi lubbuun' argamuu poolisiin ibse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ameerikaatti dubartiin bara 1962tti ykn waggaa 63 sadiin dura baddee turte fayyaafi lubbuudhaan argamushee poolsiin Wiiskoonsiin beeksiise.

Dubartiin tunis bakka itti bakka buteenshee dhabamee ture kan argamte erga poolisiin irra deebiin galmeeshee qorachuu eegaleen boodadha.

Dubartiin maqaanshee Awudirii Baakebarg jedhamuun waamamte tunis yeroo mana ishee kan magaalaa xiqqoo Reedsbarg keessaa Adooleessa 7 bara 1962tti badeetti umuriin ishee waggaa 20 ture.

Poolisiin Kaawuuntii Saa'uk Chiip Meeystar ibsa kennaniin, bakka buutee dhabamuun Aadde Baakebarg ''filannoo mataasheetiin malee kan gocha yakkaa ykn tapha fokkisaa kamiin iyyuu wal qabatu miti,'' jedhan.

Qondaalli poolisii kunis dubartiittiin Wiiskoonsiin ala jiraachaa akka turte ibsuudhaan garuu dabalataan dhimmacharratti dubbachurraa of qusataniiru.

Gareen dhaabbilee miti mootummaa Wiiskoonsiin namoota bakka buuteensaanii dhabame barbaadu, Baakeenbarg yeroo bakka buuteenshee dhabameetti dubartii gaa'ila dhaabbatteefi haadha ijoollee lamaa turte jedhe.

Gareen kunis dubartiin tunis baduusheetiin guyyaa tokkoon dura ''abbaan warraakoo na reeba, na ajjeessuuf dhaadateera'' jechuun iyyattee turte jedhe.

Amma maanguddoo waggaa 82 kan taatee dubartiin kun, umurii waggaa 15tti gaa'ila dhaabbatee akka turte ibseera.

Guyyaa itti baddee sana warshaa keessa hojjattuu mindaa ishee fudhachuuf jettee manaa baatee akka turte ibseera.

Yeroo sanatti guddiiftuu ijoolee maatii sanaa kan turte dubartiin waggaa 14, Baakeebarg atobisii gara magaalaa guddoo Wiiskoonsiin kan taatee gara Maadiisan, achiin ammoo gara kilomeetira 480 fageettee kan argamtu gara poolisii Indiyaanaa kan geessuu yaabbattee deemuu ibstitee turte.

Yeroo asanatti guddiiftuun ijoollee sun waan naateef ishee deebiisu barbaadduulleen Baakeebarg garuu didee buufata atobisii keessaa baatee deemte.

Qorataan biiroon poolisii Kaawuntii Saa'uk maddeen hedduu hordofuudhaan qorannoo taasisuu n kan ibsame yoo ta'u, osoo odeeffannoo qabatamaa omaa hin argatiin waggoonni 63 darban.

Poolisiin bara kana irra deebiidhaan galmee kana ilaaluu eegaluudhaan erga qorannoo irra deebii gaggeesseen booda maddeen argachuu ibseera.

Qorannicha keessatti kan hirmaatanii turan miseensi poolisii Ayizaak Hansan sabaa himaa naannichaatti akka himaniitti, hidhanni sanyii obbooleetti dubartii baddee olnaayinii gubbaatti argame dubartii tana argachuuf gahee olaanaa akka qabu ibsan.

Poolisii magaalaa Baakeenbarg keessa jiraattuu dubbiisuu kan ibsan Haansan, ishee walinis bilbilaakn daqiiqaa 45f haasa'u dubbatan.

''Akka natti fakkaatuutti calliifteetuuma baatee deemte. Dhimmoota jalaa baqachuufi jireenya mataashee hogganachuufiidha'' jechuun sabaa himaa naannichaa waliin afi-gaaffii taasisaniin dubbataniiru.

Itti dabalunis, ''gammadduu fakkaatti. Murtee isheetiif ofitti amanummaa qabdi. Gaabbii omaatuu hin qabdu,'' jedhan.