Manni Lubummaa Tigraay waa'ee gara bataskaana Orotodoksii Itoophiyaatti deebii'uu maal jedhan?

Maxxanfame

Waraana Tigraayi booda Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaafi Mana Lubummaa Tigraayi gidduutti muddamni jiru babal’ataa dhufeera.

Sinoodosiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Tigraayitti qoollifatee kan hafe Manni Lubummaa Bataskaana ‘Manbara Salaamaa Kasaate Birhaan’ gara iddoo duraanitti deebisuuf tattaaffin gochaa jiru abdii agarsiisaa hin jiru.

Manni Lubummaa Ortodoksii Tigraay “namoonni yeroo waraanaan dhuman eessa turtan?” Waraana uummata Tigraayirratti gaggeeffame deeggartaniittu” jechuun Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa komata.

Muddamni kun osoo furmaata hin argatin Bataskaanni Ortodoksii Tewaahidoo Tigraay yeroo dhiyootti phaaphaasota ykn ephisqophoosota 10 biyya keessaafi alatti muuduuf akka jirtu beeksifte.

Dhimma kanarratti Hoji Gaggeessaa Olaanaa Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Tigraay kan ta’an Abuna Marhaa Kiristoos dubbisneerra.

BBC: Waraana Tigraay hordofee Bataskaana Itoophiyaarraa adda bahuun Bataskaanni Tigraay dhiyootti phaaphaasota 10 biyya keeesaafi alatti akka muuddan beeksiftaniittu. Muudamni haaraan kun faayidaansaa maali?

Abuna Marhaa Kiristoos: Phaaphaasonni kun abbaa ta’anii kan gaggeessan, uummata kan gorsaniifi ifatanii qajeelchan, lubootafi daaqonoota warra muudan akkasumas muudama kan kennaniidha.

BBC: Bataskaanni Tigraay adeemsaafi kallattii Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaarraa bifa adda ta’een deemaa jirti, kuni akkamitti ta’uu danda’e?

Abuna Marhaa Kiristoos: Murteen kun uummata keenyaaf gammachuudha. Ofiin of-bulchuun Tigraay ijoollee isheetin tajaajila akka argattu godha. Uummanni Tigraay biyya keessaafi ala jiru imimmaansaa dhangalaaseera. Kanaaf, murtee imimmaan uummata keenyaa haquufi garaa uummata keenyaa qabbaneessudha.

BBC: Godiinaalee Tigraay tokko tokkotti, fakkeenyaaf godina Kibba Tigraayitti phaaphaasonni kanaan dura muudamuun isaanii ni yaadatama. Naannoo kanatti muudama haaraa gaggeessuun maalif barbaachise?

Abuna Marhaa Kiristoos: Abbootiin amantii naannoo sana turan uummata gananii dhiisanii waan deemaniif, yeroo uummanni dhumu waan hin birmanneefi Waaqayyo isin haa jajjabeessullee waan uummataan hin jedhiniifi. Yeroo marfama keessa turanis ta’ee walii galtee nagaa booda ‘jabaadhaa’ waan hin jenneef, uummanni ofii isaa ‘abbootin nuuf haa ramadaman’ waan jedhaniifi kan muudne.

BBC: Muudamni amma Kaaba Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Kanaadaafi Baa Giddu Galeessatti gaggeeffame kanaan dura iddoowwan lallabaa (hagara sibkatii) kanaan dura Sinodosii Itoophiyaatiin ramaddiin kennameedha moo bataskaanota haaraa dhalattoota Tigraayin hundeeffaman kan ilaallatuudha?

Abuna Marhaa Kiristoos: Amantoonni biyya alaa turan Sinodoosii Finfinnee jiruun gaggeeffamaa turan. Garuu, Tigraayirratti ajjeechaan yeroo raawwatu dhalattoonni Tigraay qophaatti bataskaana mataasaanii hundeeessan. Dhumaatiin, duutiifi gidiraan hammaannaan, ‘nun gargaaran taanaan of dandeenyee baana’ jedhan. Kan nama dhibu, dhalattoonni Tigraay Yerusaalemitti tajaajilamaa turan bataskaana keessaa erga ari’amanii waggaa lamaa ol guutera.

Rakkoo keessa jiru. Kanaaf, rakkinni waan itti hammaateefi kan adda bahan. Bataskaanniwwan biyya bakkeetti hundeeffaman luboota tajaajilan qabu. Phaaphaasota waan isaan barbaachisuuf mariyannee muudama laanne.

BBC: Phaaphaasota haaraa kan muudu Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa akka ta’etu beekama. Kanaaf, dibanni keessan hangam fudhatama qabaata?

Abuna Marhaa Kiristoos: Kan fudhatuu ykn hin fudhanne uummata Tigraay. “Uummata abbootin nuuf haa muudaman jedhetu’ fudhata bar. Qaamolee biroorraa mormiin akka jiraatu shakkiin hin jiru. Garuu, uummata keenya biratti fudhatama qaba.

BBC: Qulqulluu Abuna Maatiyaas ji’oota muraasa dura gara Tigraay yeroo dhufan waa’ee tokkummaa waldaa isiniif kaasanii turanii?

Abuna Marhaa Kiristoos: Waa’ee kanaa nun haasofsiifne. Abbaan amantii tokko dhufanii awwaalchaaf dhufanii turan.

BBC: Bataskaana Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaarraa adda baatanii Bataskaana Tewaahidoo Tigraay hundeessuun phaaphaasotaafi luboota muuduu keessaniin dhiibbaan isinirra gahu ni jiraataa?

Abuna Marhaa Kiristoos: Hanga ammaatti dhiibban nurra gahe hin jiru. Ittaanee waan dhufummoo ni ilaalla. Dhuguma dubbachuuf murteen keenya tokkoof gammachuu tokkoof ammoo gadda. Siyaasniifi amantiin waan garaa garaati. Nus karaa nu baasu, mootummaanis karaa isa baasu hordofuu dandeenya.

BBC: Bataskaanni Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa walitti dhufeenya jiru gara isa duraanitti deebisuuf xalayaa ergite turte. Carraan deebitanii tokko ta’uu jiraa? Ijjannoon keessan maalidha?

Abuna Marhaa Kiristoos: Ijjannoo keenya kanaan dura ibsineerra. Jalqabarraa kaanee ibsaas turre. Phaaphaasonni ‘seexana nuuf wayya’ nuuf wayya jedhan jiru waan turaniif isaan kana tooratti deebisaa, hin ta’u taanan of dandeenyee baana jennee irra deddeebiin ibsa baasneerra. Nuti erga seexana gannee turreera. Guyyaa 40ffaafi 80ffaatti gaafa cuuphamnu seexana ganne. Kanaaf seexana nuuf wayya warra jedhan wajjin itti fufuu hin daneenyu murtee jedhu dabarsine.

BBC: Araarriifi walii galteen akka uumamuuf, akkasumas gara iddoo duraanitti deebi’uuf haal-dureewwan keessan jiraa?

Abuna Marhaa Kiristoos: Hin jiru! Hin jiru! ….. kana booda waanumti fedhe yoo dhalate duubatti deebinee isaan wajjin haalli itti deemnu hin jiraatu!