Hayyuun Islaamaa Taariiq Ramadaan himannaa gudeeddiirraa bilisa jedhame

Maxxanfame

Manni murtii Siwiizarlaand hayyuu qorannoo Islaamaa beekamaa Taariiq Ramadaan himaannaa gudeeddiifi haleellaa saalaa irraa bilisa jedheen.

Obbo Ramadaan lammii Siwiiz yoo tahu, hundeessaan 'Muslim Brotherhood' Masrii Haasan al-Bannaa akaakayyuusaati.

Dubartii Siwiiz tokkotu Obbo Ramadaan hoteela Jiniivaa keessa argamutti na gudeedeera jechuun bara 2008tti himatte.

Dubartiin amantii gara Islaamaatti jijjiirratte, dinqisiifattuu Obbo Ramadaan yoo taatu, haleellaa saalaa hamaa, reebichaa fi arrabsoof saaxilamuu dhaddachatti himte.

Haleellaan kunis kan irra gahe hayyuun Okisfarditti barate walgahii tokkoon booda buna akka dhuganiif ishee affeeruun booda akka tahe dubbatti.

Obbo Ramadaan nama ganna 60 yoo tahu otoo balleessaan irratti argameera tahee hidhaa waggaa sadiin adabama ture.

Namni kuni garuu himannaa irratti ka'e hunda haaluun, dubartii kana argachuu garuu amane.

Himannaan kuni nama barsiisa Islaamaa keessatti beekamaafi kabajamaa taheef faallessa guddaa ture.

Yeroo Awurrooppaan haleellaa shororkeessummaa fi miira jibba Muslimaan rafamaa jirtutti Ramadaan 'sababaaf sagalee tahaa ture'- Shororkeessummaa fi adabbii du'aa mormaa ture.

Biyyoota kanneen akka Tuuniziyaa, Masrii, Saa'udii Arbiyaa, Liibiyaa fi Siiriyaa demookiraasii hin qabdan jechuun qeequu isaan biyyoota kunneen akka hin galle dhorkamee ture.

Bara 2004tti namoota addunyaa dhiibbaa qaban jedhamuun barruulee Time irratti maqaansaa eerameera.

Bara 2007tti Kooleejii Qulqulluu Antoonii Oksifarditti piroofeesara qorannoo dhimmoota Islaamaa tahe.

Faransaayi keessatti hayyuuwwan farra warra sanyii seemii dha jechuun isa qeequ.

Tahus bara 2017tti barri beekamtiisaa dhumee dubartii lammii Faransaayiin gudeeddiidhaan himatame.

Yeroo dhimmi kuni irratti ka'uu dubartoonni baayyee biroonis as bahanii himatan.

Bara 2020 himannaa gudeeddii shaniin-afur Firaansitti, tokko Siwiizarlaanditti himatame.

Baatii sagaliif Faransaayi keessatti erga hidhaa tureen booda naamuusa gaarii agarsiiseen hidhaarraa gadhiifameera.

Himannaawwan irratti ka'an haalaa ture.

Himannaan jalqaba mana murtiitti dhiyaate isa kan Siwiizii yoo tahu kutaa dhaddachaa Jiniivaatti muddamatu ture.

Obbo Ramadaan mana murtii yeroo gahu namoonni kaameraa qabatan itti yaa'aa turan.

Dubartiin isa himattes eegumsasheef jecha maqaa geeddaratte, nama ishee gudeede jetteen arguu gatii hin barbaanneef kutaa dhaddachaa iskiriiniin kaa'amee akka hordoftu gaafattee turte.

Haleellaa narra gahe jette tokko tokkoon ibsuun lubbuusheef akka sodaattus himtee turte.

Obbo Ramadaan kutaa isaatti ishee waamuu amanus himannaa irratti ka'e hunda haalee, olola siyaasaafi isa maqaa balleessuuf kan taasifame tahu hime.

Abukaatonnisaas dubartii himattu kana guyyaa haleellaan raawwate jettu irraa kakaachisuurraan kan ka'e gaaffiin ishee morkachaa turan.

Obbo Ramadaan himannaan kuni siyaasa duubaa qaba jechuunsaa maatiisaan deeggarameera.

Kana malees namoonni maqaa qaban kanneen akka nama falaasamaa Ameerikaa Naa'oom Choomskii fa'i isa deeggaran, qopheessaan fiilmii Biriiteen Keen Lo'aach-xalayaa banaa barreessuun Obbbo Ramadaan adeemsa seeraa haqa qabeessa tahe- hamma irratti murtaa'utti akka nama qulqulluutti ilaalamuusaa fa'i gaafate.

Mana murtii Jiniivitti adeemsa seeraa adeemsifame irratti dubartiin himatte kuni seenaa kana uumteetu, haala amansiisaa fakkaatuun mana murtiitti dhiyeessite kan jedhutu dhagahame.

Abukaatoon Obbo Ramadaan qulqulluu tahuusaa cichanii morkataniif.

Himannaan irratti dhiyaate 'hojii maraatuuti' jedhan.

Obbo Ramadaan jecha mana murtiif kenneen, ''yaadaafi ilaalchasaan'' akka isa yaaluu dandeenye hime.

Yeroo hubannaa torbee tokkoon booda abbootiin seeraa Siwiiz balleessaarra qulqulluu tahuu himan.

Mana murtii Siwiizarlaanditti bilisa jedhamuunsaa himannaawwan baayyee keessaa isa tokkoofi.

Faransaayi keessatti abbootiin alangaa himannaan irratti dhiyaate mana murtii gahuu qabaa waan jedhu qorachaa jiru.

Hayyuun kunis qulqulluu tahuusaafi maqaasaa bade akka deeffatus dubbachaa jira.