Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paayilatiin hojiirra hin turre tokko xiyyaara kufiisuuf jedhamuun himatame
Paayilatiin hojiirra hin ture tokko Dilbata darbe galgala xiyyaara imaltootaa qabatee balali'aa ture kufiisuuf yaaleera jedhamuun yaalii ajjaachaa namoota 83n himatame.
Shakkamaan kun kutaa balaliisaa Daandii Qilleensaa Alaaskaa keessa paayilatii fi gargaaraa isaa duuba ta’ee ture jedha ibsi daandiin qilleensichaa baase.
galmeen poolisii akka agarsiisutti shakkamaan kun Jooseef Deevid Emarsan kan jedhamu yoo ta'u, umuriin isaa wagga 44 ta'a.
Xiyyaarichi imaltoota 80 qabatee Waashingitan, Evartirraa ka’uun gara Saan Firaansiskoo- Kaaliiforniyaatti imalaa ture.
Xiyyaarichi gara Poortilaand, Oregaanitti geeffamuun shakkamaan rakkoo tokko osoo hin qaqqabsiisiin to’annoo jala akka oolfame qondaaltoonni himan.
Daandiin Qilleensaa Alaaskaa ibsa isaa keessatti paayilatiin hojiirra hin turre kun, kutaa balaliinsaa keessa teessuma hojjetootaaf adda baaterra taa’ee kan ture yoo ta’u, ‘‘yaaliin inni mootorri xiyyaaraa hojii akka dhaabuuf taasise osoo hin milkaa'iin hafeera’’ jedheera.
Miseensoonni hojjettoota Daandii Qilleensaa Alaaskaas balalii 2059 keessa turanis taatee kana to’attootaa tiraafiikaatti beeksiisaniiru.
Akkaataa haasaa to’attoota tiraafikaa waliin taasifameetiin, paayilatiin tokko yoo akkasi jedhu dhagahama: ‘‘namni kutaa balaliinsaa keessaa mootara xiyyyaaraa cufuudhaaf yaaluu nu mudateera. Ammatti duubaan rakkoo omaa kan uumee natti hin fakkaatu.’’
Paayilatichi dabaluudhaa, ‘‘Amma to’atamerra natti fakkaata,’’ jechuun akkuma lafa qubataniin poolisiin akka qaqabuuf gaafate.
Balaliinsi Horizen Air’n durfamu kun akka sa’aatii bakka sanaatti guyyaa keessaa sa’aatii 17:25 irra ka’uun galgala sa’aatii 19:30 irratti Saan Firaansiiskoo qubachuu qaba ture.
Haata’u malee, balaliin kun gara Oregaaniitti deeuuf waan dirqameef jecha halkan keessaa sa’aatii 19:18 irraa ka’uun gara silaa imaluu qabuutti qajeeluuf dirqameera.
Imalatoota keessaa tokko kan taate Abrii Gaaveeloo madda oduu ABC’tti akka himteetti, taatee mudate kana imaltoonni omaa hin beekan ture.
Haata’u malee, sababii wallaansa atattamaatiif xiyyaarrii qubachuuf ta’uu keessummeessitootatti himamuu dubbatti.
Poolisiin Poortilaand, FBI fi xiyyaarri Alaaskaa qorannoo bananiiru. FBI ibsa baaseen, dhimmicha qorachuu kaasuun, ‘‘taatee kanaan haala wal qabateen, yaaddoo biraa omaa akka hin qabaanne imaltootaaf mirkanneessuu barbaadna,’’ jedheera.
Yaalii ajjeechaatiin alattis shakkamaan kun gochaa namoota 83 balaarra buusuu raawwachusaatti, akkasumas xiyyaara balaa irraan qaqqabsiisuu yaaluusaatti himatameera.
Aanga’oonni shakkamaan kun yoom mana murtiitti akka dhiyaatu ilaalchisuun omaa hin jenne.
Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa guyyaa Wiixataa qajeelfama Daandiiwwan Qilleensa Ameerikaatiif ergeen, ‘‘taatee kana wanti waan amma addunyaarratti ta’aa jiruun walitti fidu hin jiru,’’ jedheera.