Ivaan Gershkovich: Raashiyaan gaazexessaa US basaasaa ture jetterratti himannaa bante

Ivaan Gershkovich

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Gaazexessaa US Ivaan Garshikooviich irratti himannaan banamu miidiyaaleen Raashiyaa gabaasan.

Gaazexeessaan kunis Raashiyaa keessatti Barruu Wall Street’f bakka bu’aa ta’un hojjataa ture.

Haata’u malee waajjirii Tika Raashiyaa gaazexesseen kun hojii basaasaa irratti osoo hirmaachaa jiruu harkaafi harkatti qabneera jedhan.

Gaazexeessaan kunis to’annoo jala kan oolfame torban darbee keessa ture. Mooskoon gaazexessaa kana kan to’atte ijaafi ijatti gaazexessaan kun garuu himannaa irratti baname ta’e jedhamee kan umameedha jedhe.

Barruun isa mindeesse Wall Street gamsaatiin mamii tokko malee atattamaan akka gadhiifamuuf ifatti gaafateera.

Gaazexessaan wagga 31 kan ta’e Ivaan, oggeessaa gaazexessitoota Mooskootti bakka bu’oota miidiyaalee biyya alaa ta’un hojjatan biratti ciminasaatii kan beekamudha.

Raashiyaatti Gulaanaan BBC Isiif Roosinbargi gaaxeessaan kun, ‘‘kan oggummaa saatiin gabbateedha’’ jechuun ibseera.

Waayiti Hawuus hidhamu gaazexessaa kanaa cimsee kan balaaleeffate yoo ta’u, seenaataroonni hedduunis lammiisaanii akka gadhiifamuuf watiwaataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakka bu’oo beekamuun Riipablikaanootaa Miich Makineel fi gitisaanii Dimokiraatootaa Chuk Shuumar ibsa waloo Jimaata darbe kennaniin, ‘‘gaaxesseessaa ta’un gonkumaa yakkaa miti. Himannaan irratti banamees kan ta’e jedhamee umameedha,’’ jedhan.

To’atamu gaazexessaa kanaa hordofunis aanga’oonni Ameerikaa Ivaan dowwachuun akka hayyamamuuf kan gaafatan yoo ta’u, mootummaan Raashiyaa garuu yeroodhaaf kana hin ayyamne. Haata’u malee abbookaatotaan akka doowwatamu ta’eera.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa gama isaanitiin gaazexessaan kun akka dowwatamuuf haala akka mijeessu ibsuun, ta’us garuu Raashiyaa irratti dhiibbaa uumuudhaaf jecha yaaliin basaasaa tokkoo hiksiisuuf taasifamu ‘gatii kan hin qabneedha’ jedhan.

Barruun Wall Street gamasaatiin gaazexeessaan kunis Roobii darbe osoo baha biyyattii, magaala Mooskoo irra kiloo meetira 1,600 fagaattu magaala Kaatariinbarigiitti hojiirra jiru erga bilbilleefii booda bakka buteensaa dhabameera jedhe.

Aangaa’oonni Ameerikaa gama saanitiin, erga konkolaachisaan dhuufnaa gaazexessaa kanaa mana nyaataa tokkoon isa gaheen booda bilbillisaa akka adda citeefi isaan booda to’atamu akka danda’e dubbatan.

Tiki Raashiyaa akka jedhaniitti ammo gaazexessaan lammii Ameerikaa kun hojii seeraan alaa hojjataa akka tureefi ergama basaasaa Ameerikaan kennameef osoo raawwatu harkaan harkatti akka qabane ibsan.

Odeeffannoowwan biyyaa ta’an osoo dhaabbata raayyaa ittisa Raashiyaa irraa dabarsu to’atame jedhameera.

Jimaataa kaleessaa Ebla 7, 2023 kan Mooskoo dhaddacha naanawa Leefrootoof irratti dhiyaate yoo ta’u, hanga dhuma baatii Caamsaatti mana hidhaa turee qorannoon akka itti fufuuf ajajni dabarfameera.

Namni hojii basaasaa irratti bobba’e tokko yoo seera Raashiyaatii badiin irratti argame hidhaa cimaa hanga wagga 20ti adabama.

Ivaan barreeffama dhiheenya Barruu hojjatuuf kanaaf barreesseen, dhimma diinagdee Raashiyaa kufaa jiruufi Kiremiliin attamiin osoo ‘baatii waraanaa guddisaa jirtuu’ akka itti dandamachuuf yaalaa akka jirtu irratti barreessee torban darbe maxxanfame.

Gareen walabummaa pireesiif falmu, Riipportas Wiizawuti Boordars, Ivaan waa’ee garee gara jabaattoota Waagnar kan baha Yukireen keessatti lola cimaa muraasa keessatti hirmaate ture hojjachuuf gara magaala Yekaaterinbarg imalee ture jedhan.

Innis waggoota kudhan darbaniif waa’ee Raashiyaa Wall Street irratti barreessaa kan tureefi isaan duras madda oduu AFP fi Moskoo Taayimis hajjataa akka turetu himama.

Oggummaa isaas Ameerikaa keessatti eegale.