Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa kabaja mirga namoomaa Itoophiyaa irratti wixinee furmaata jedhe qopheesse

Naannoo Tigiraayitti uummata hedduun deeggarsa namoomaa barbaadu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa kabaja mirga namoomaa ilaalchisee murtoo furmaataa [Resolution] sadii Itoophiyaa, Haayitii fi Maayinamaar ilaalchisuun dabarse.

Paarlaamichi ibsa Fulbaana 06,2022 baaseen waraanni naannoo Tigiraayii fi naannoolee ollaa keessatti gaggeeffamaa jiru hatatamaan dhaabbatee karaan deeggarsi namoomaa ittiin ummata qaqabauu akka saaqamuuf gaafate.

Parlaamichi naannolee waraanaan miidhaman kanneen keessatti deeggarsi namoomaa itti fufinsaan dhiyaachuu akka qabu ibsuun, nageenyi dhaabbilee naannicha keessa socho’anii eegamuu akka qabu ibse.

Dhiheenya kana hojjattoonni dhaabbilee namoomaa naannoo Tigraay keessatti torbanootaaf karaa bahaniin dhabuun danqamanii turan bahuun gabaafamunsaa ni yaadatama.

Itti dabaluunis paarilaamichi haleellaa namoota nagaarratti qaamoolee hundaanuu raawwatu balaaleffateera.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF ijoollee umuriinsaanii waggaa 18 gadi ta'an waraanaaf filu jechuun himataa ture. Paarlaamaan Awurooppaa qaamni kamuu ijoolee waraanaaf filamu jedhame balaaleffateera.

''Tahe jedhanii namoota nagaa irratti qiyyeeffachuu, ijoollee waraanaaf filuu fi leenjisuun yakka waraanaa fi namoomaa irratti raawwatudha,’’ jedhe.

Dabalataan naannoo Tigiraay keessatti sababa waraana Kanaan ijoolleen ganna shani gadii sadii keessaa tokko, walakkaa dubartoota ulfaa fi harma hoosisan hanqina nyaata madaalamaaf saaxilamaniiru jedhe.

Ijoolleen waliigalaan gara miliyoona 1.39 ta'an carraa barnootaa hin argatiin jirus jedhe.

Wixineen furmaataa paarlaamichi dabarse kunis waraanichatti xumura gochuuf tarkaanfii dippilomaasii kamiyyuu akka deeggaru ibse.

Mariin nageenyaa kun Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeefamuu isaa deeggaruun Manni Maree Nageenyaa UN rakkoo naannoo Tigiraayiif furmaata waaraa kennuu dhabuu isaan akka gadde ibseera.

Dhumarratti deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqabu gochuuf, nageenya lammiilee nagaa mirkaneessuu fi sarbama mirga namoomaa idil-adunyaa dhaqabu dura dhaabbachuu fi tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gamtaan Afriikaa qaamolee wal waraanaa jiran Mootummaan federaalaa fi humnootiin TPLF gara marii nagaatti akka deebi’aniif torban darbe keessa xalayaa barreesseera.

Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF waamicha marii nageenyaa kana simachuu isaanii ibsaniiru. Mariin kun Afrikaa Kibaatti dhuma torban dhufuutti gaggeeffama jedhamee eegama.

Haata'u malee Itoophiyaa keessatti waraanni kaaba biyyattiitti qofa osoo hin taane naannoo Oromiyaa keessatti humnoota WBO fi humna nageenyaa mootummaa gidduutti erga jalqabee bubbuleera.

Namoonni kumaatamni qe'ee isaanii irraa buqqa'uufi lubbuu dhabuufis sababa ta'eera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggoota lama dura eegale lubbuu namoota kumaatamaa galaafachuun miliyonota ammoo qe'ee irraa buqqiseera.

Paarlaamichi Haayitii kan dhiyeenya rakkoo nageenyaa guddaaf saaxilamte ilaalchisee ibsa baaseen yakka wanbadoonni 200 ol Hayitii keessatti cimsee balaaleffate.

Hayiitii keessatti erga pirezidaantiin biyyattii ajjeefamanii yakki namoota aangoo mootummaa harka galfataniin raawwatu haalaan dabaluu ibsichi eerera.

Paarlaamichi yakki wanbdootaan raawwatu kun hatatamaan akka dhaabbatu gaafachuun meeshaan waraanaa seeraan alaas to’atuu akka qabu ibse.

Qaamoleen hunduu Haayitii keessaa rakkoo nageenyaa mudateef rakkoo barbaaduu qabu jedhee filannoo pirezidaantii fi mana mareef yeroon daangeffamee kaa’amuu akka qabu ibse.

Dabalataan Gamtaa Awurooppaa fi dhaabbileen faayinaansii Idil-adunyaa deeggarsa Hayitiif godhan cimanii itti fufuu akka qaban ibseera.